Dhukkuba tiibii

Dhukkubni tiibii maali? Hangam lubbuu galaafata?

Dhukkubni tiibii baakteeriyaawwan xixiqqoo ijaan hinmul’anne kan maayikoo baakteeriyaa tuuberkuloosis (mycobacteria tuberculosis) jedhamaniin kan dhufu yoo ta’u dhukkuboota baakteeriyootaan dhufan irraa kan adda isa taasisu, baakteeriyaan kun qaamota dhala namaa mara kan hubudha.

Yoo xiqqaate namoonni biiliyoona lama ta’an baakteeriyaa dhukkuba tiibii fidu kanaan qabamanii jiru. Haa ta’u malee baakteeriyaa kanaan qabamuu jechuun dhukkubni tiibii nama qabachuu jechuu miti. Yeroo hedduu qaamni keenya dhukkuba tiibii kana lolee mo’achuudhaan dhukkuba ta’ee akka mallattoo hinargisiisne taasisa. Kanaaf kan namoonni qaamnisaanii dhukkuba ofirraa loluu irratti dadhabaa ta’e akka dhukkubsattoota ‘HIV/AIDS’, dhukkuboota kaansariifi qorichoota dandeettii dhukkuba loluu qaama namaa gadi buusan fudhatan dhukkuba kanaaf daran saaxilamoo ta’an.

Akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 2003 keessa namoonni miiliyoona 8.8 ta’an dhukkuba tiibii kanaan qabamanii namoonni miliyoona 1.4 ta’an ammoo lubbuun isaanii darbeera. Akkuma dhukkuboota infekshiniin daddarban kanneen biroo dhukkubni tiibii kan baay’inaan galaafatu lubbuu namoota biyyoota guddataa jiraniiti.

Biyyi keenya akka dhaabbanni fayyaa addunyaa gabaasetti biyyoota afrikaa dhukkubni tiibii itti heddumatu keessaa sadarkaa 3ffaa irra kan jirtu yoo ta’u, kunis dhukkubichi hagam biyya keenya akka hubaa jiru ifatti kan mul’isuudha.

Dhukkubni kun akkamiin daddarba?

Akkaataan daddarba dhukkuba kanaa afuuraan namaa namatti kan darbu yoo ta’u, yoo namni tiibii qabu qufa’u cobni bishaanii xixiqqaan afaan nama kanaa keessaa gara qilleensaatti gadhiifamuun yoo namni fayyaan qilleensa fudhatu qilleensa waliin gara afaan nama fayyaatti seenuudhani.

Namni dhukkuba tiibii sombaa alaa (fkn tiibii lafee, kan sammuu, kan mar’imaaniifi kkf) qabu dhukkuba kana gara nama biraatti hin dabarsu. Akkasumas namni dhukkuba tiibii sombaa qabu ammoo erga yaala jalqabee ji’a tokkoo booda (yoo tiibii qoricha waliin hinbariin ta’e) carraan nama biraatti dabarsuu isaa baay’ee gad aanaadha.

Dhukkubni tiibii kun yeroo tokko tokko keessumaa daa’imman xixiqqoo aannan loonii osoo hindanfisiin yoo dhugan dhukkuba kana nama qabsiisuu mala. Dhukkuba tiibii yaalamanii fayyuus ta’e, ofirraa ittisuun ni danda’ama. Erga akkaataa daddarbiinsa isaaa beknee ofirraa ittisuun akkamitti?

Dhukkuba tiibii akkamiin ofirraa ittifna?

Naannoo keenya qilleensi salphaatti akka waljijjiiru taasisuu (akka hin ukkaamamne taasisuu). Dhukkubni kun namaa namatti kan daddarbu yeroo hedduu bakka namni walitti baay’atuufi bakka qilleensi seenee galee hinbaane (ukkaamamaa) ta’etti. Kanaaf fakkeenya gaarii kan ta’u geejjiba deddeebisaa ummataa (public transport) dha.

Yeroo hedduu geejjiba ummataa keessatti namni walitti dhiiyaatee yeroo dheeraadhaaf kan turuufi keessumaa foddaaleen konkolaataa yoo kan hinbanamne ta’e, carraan afuurri namaa waljijjiiruufi cobni bishaanii afaan nama tiibii qabuu kana keessaa ba’e qilleensa keessa turuufi gara nama fayyaatti darbu olka’aadha.

Yeroo hedduu gaafan geejjiba deddeebisaa ummataa keessa taa’u “qilleensi na rukutaa fooddaa narraa cufi” jedhamu nan dhaga’a. Keessumaa namoonni tokko tokko qilleensi alaa dhufu yoo dha’e homaa sin godhu, qilleensa somba nama biraa keessaa ba’u ofitti fudhachuun ammoo dhukkuba si qabsiisa jettee yoo itti himtellee gara siin loluutti deemu.

Barsiifanni akkasii kun keessumaa daa’imman xixiqqoo, namoota umuriin baay’ee guddaa ta’an, namoota dhukkuba biraa akka ‘HIV’ dhukkubsatan carraan tiibiin qabamuusaanii olka’aa ta’e salphaadhumatti dhukkuba tiibiif dabarsanii kennuu jechuudha.

Gaafa aannan daa’immaniif kenninus ta’e ofii dhugnu sirnaan danfisnee dhuguun dirqama. Mallattoo kamuu kan tiibii fakkaatu yoo ofirratti argan (keessumaa qufaa turban lamaa olii) gara mana yaalaa deemuun ofii fayyuu irra darbee nama biraatti akka hindabarre taasisuun illee barbaachisaadha.

Namni dhukkuba tiibii akka qabu itti himame, akkasumas namni qufaa torban lamaa olii qabu kan mana yaalaa deemee hinilaalamiin yoo qufa’u akka nama biraatti hindabarsineef afaan isaa/ishee kafanaan qabatee/ttee qufa’uun dirqama isa/ishee irraa eegamu ba’uu qaba/di. Namni dhukkuba tiibii qoricha waliin walbare qabu ammoo haga yaalamee fayyutti yokaan ogeessa isa yaaluun akka maatiitti yokaan hawaasatti dabalamu itti himamutti manuma yaalaa turee bakka namoota akkasiif yaadamee qophaa’etti yaalamuun dirqama.

Dhukkubni tiibii qaamota keenya keessaa kam fa’i huba?

Dhukkubni tiibii kun akkuma armaan olitti ibsame qaama dhala namaa keessaa walumaa galatti kan inni hinhubne hinjiru jechuun ni danda’ama. Baay’inaan garuu qaama namaa keessaa: somba, xannachoota, mar’imaan, sammuu, lafee, kalee, ujummoolee fincaaniifi golgaa onnee kan hubudha. Dhukkuba tiibii kana walumaa galatti tiibii sombaafi tiibii sombaa alaa (xannachoota mar’imaan, sammuu, lafee, kalee, ujummoolee fincaanii, golgaa onneefi kkf.) jechuudhaan bakka lamatti qoodnee ilaaluu dandeenya.

Tiibii sombaa: Qaama namaa keessaa sombi yeroo hedduu tiibiidhaan kan hubamu yoo ta’u, haawaasa keessattis “dhukkuba tiibii” yoo jedhamu akka waan somba qofa qabatuutti kan ilaalamu kanaafi. Mallattooleen dhukkuba tiibii sombaa kun qufaasisuu (keessumaa qufaa turban lamaa olii), nyaata jibbisiisuu, ulfaatina qaamaa garmalee gadi buusuu, halkan halkan dafqa cimaa (haga kafana jiisutti) dafqisiisuu fa’i. Qufaan nama dhukkuba tiibii sombaa qabuu kun yeroo baay’ee kan “hakkittaa” qabu yoo ta’u qabaachuu dhiisuus ni mala, akkasumas wanti yoo qufa’an nama keessaa waliin ba’u dhiiga illee qabaachuu mala. Namoonni dandeettii dhukkuba ofirraa loluu isaanii gadi bu’aa ta’e akka dhukkubsattoota HIVfi daa’imman xixiqqoo qufa’uu hindandeenye irratti mallattooleen baay’een osoo hinmul’atiin dhukkuba kanaan qabamuu malu.

Tiibii sombaa alaa: Tiibiin sombaa alaa akkataa walduraa duuban yeroo hedduu: xannachoota liimfii, golgaa sombaa, sirna fincaanii (afuuffeefi ujummoolee fincaanii), lafeefi dhuka, golgaa sammuu, garaafi golgaa onneeti. Isaan kun kanneen yeroo hedduu hubaman yoo ta’u dhukkubni tiibii qaama kamuu osoo hin dhiisin ija namaallee qabachuu danda’a.

Mallattoon dhukkuba tiibii sombaa alaa qaama tiibiin hube irratti hundaa’a. Tiibiin xannachaa, keessumaa xannacha morma irratti yeroo heddduu kan argamu yoo ta’u mallattoon isaa dhiita’uu xannachoota naannoo mormaa irratti argamaniiti. Xannachoonni dhiita’an kunniin yeroo hedduu yoo qaqqabnu kan hindhukkubneefi kan hammaan guddataa deemaniidha.

Yoo osoo hin yaalamiin namarra ture xannachi dhiita’e kun dho’ee gara alaattii dhangala’aa akka malaa gadi dhangalaasuu danda’a. Tiibiin garaa yeroo hedduu dhiita’uu garaa kan suuta jedhee guddataa dhufu, dhukkubbii garaa kan walitti fufee dhukkubuufi ho’iinsa qaamaa argisiisa.

Tiibiin sammuu mallattoo akka mataa dhukkubbii, mormi socho’uu diduu (yoo sochoosan waan dhukkubuuf), qaama ho’isuu, yoo hin yaalamiin ture of wallaalchisuu, qaama hurgufuufi kkf argisiisuu mala.

Mallattoolee akkamii argisiisa?

Yeroo hedduu hawaasa keessatti dhukkuba tiibii kan jedhamu yoo namni qufaa/ qufaasisaa qabaate qofadha. Haa ta’u malee tiibiin mallattoolee hedduu kana jechuun namatti ulfaatuufi qaama namaa keessaa kam akka hube irratti hundaa’u baay’inaan hedduu ta’an argisiisa.

Walumaagalatti garuu tiibiin qaama namaa keessaa kamiyyuu yoo qabate mallattoo akka: halkan halkan dafqisiisuu, nyaata jibbisiisuu, ulfaatina qaamaa gadi buusuu (huqqisuu), qaama ho’isuufi miirri fayyummaa namatti dhaga’amuu dhiisuu argisiisa. Mallattoowwan armaan olitti kaafne kun dhukkuboota biroo irratti illee mul’achuu waan malaniif, yoo ofirratti argine gara mana yaalaa deemuun adda baafannee yaalamuun dirqama.

Dhukkubni tiibii haala kamiin yaalama?

Dhukkubni tiibii akkuma infeekshinoota biroo qoricha kan qabu yoo ta’u, qorichi tiibiif kennamu akka infeekshinoota kanneen biroo torbanootaaf osoo hin taane ji’ootaaf kennama. Tiibiin nama qabate kan qoricha waliin walbare miti yoo ta’e yeroo hedduu qorichi ji’a ja’aaf fudhatama. Qorichi kennamu kunis ji’a jalqabaa lamaan qorichoota gosa afur irraa kan tolfame yoo ta’u ji’oota afran hafaniif ammoo qoricha akaakuu lama irraa tolfametu fudhatama.

Qoricha tiibii seeraan fudhachuu dhiisuun maal namatti fidaa?

Qoricha tiibiif kenname tasuma adda kutuun sirrii miti. Qorichoonni tiibiif kennaman yeroo tokko tokko mallattoo miidhaa cinaa (side effects) argisiisuu malu. Kanneen keessas kan akka fincaan garmalee diimessuu, oldeebisuu ykn haqqee, garaa dhukkubbii, miilli nama gubuu, gogaa irratti mallattoo tokko tokko mul’isuu, halluu ijaa jijjiiruu, dhageettii gurraa hubuufi kkf fa’i namni qoricha tiibii kana fudhatu yoo mallattoowwan kanneen of irratti arge, gara mana yaalaa deemee ogeessa fayyaa waliin mari’achuu qaba malee tasumaa qoricha addaan kutuu hinqabu.

Fayyaa hindhabinaa!

Doktar Naafyaad Geetuu

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 7 Bara 2015

Recommended For You