Rakkoowwan marsaa laguu wajjin walqabataniifi kaansarii balbala gadameessaa

Marsaan laguu (xurii) dubartootaa dhiiga sababa jijjiiramuu hormooniirraan kan ka’e kan baatii baatiin gadameessa dubartootaa keessaa dhangala’uudha.

Shamarran tokko marsaa laguu kan arguu jalqabdu jiddugaleessaan waggaa 13 irraa kaaseeti. Marsaan laguu giddugaleessaan guyyaa 28n kan dhufu yoo ta’u, garuu hanga guyyaa torbaatti dursee yookiin dafee yoo dhufe akkasumas irra darbee yoo dhufes akka fayyaatti ilaalama. Kana jechuun marsaan laguu guyyoota 21-35 dhufu fayyaa dubartootaarratti miidhaa kan hingeessisne ykn noormaaliidha.

Dhiigni yeroo marsaa laguu dhangala’u dhiiga haguuggiin keessoo gadameessaa sababa jijjiirama hormoonotaarraa kan ka’e dhiqamuurraan yookiin luqqa’uurraa kan dhufuudha.

Marsaan laguu yookiin dhiigni baatii baatiin dubartoota keessaa dhangala’u sirriidha (normal) kan jennu:

  • Guyyaa 21-35 yoo dhufe
  • Bifti laguu diimaa gurraacha’aa yoo ta’e
  • Baay’innisaa miilii 10-80 yoo ta’e
  • Guyyaa 2-8 dubartoota irra kan turu yoo ta’e
  • Yommuu dhangala’u dhiiga hin ititne tahuu qaba

Marsaan laguu tokko yoo maal ta’e dubartoota irraan miidhaa geessisuu danda’a? Yoo akkam ta’es mana yaalaa deemuu qabu?

1. Xuriin guyyaa saddeetiifi isaa oliif yoo dhangala’e.

2. Sa’aatii 1:00 keessatti moodesii (erbee) tokko dhiiga hedduu qabaatee kan jijjiirrattan yoo ta’e.

3. Dhiigni baay’ee dhangala’uun moodesii lama walfaana kan fayyadamtan yoo ta’e.

4. Halkan hirriba keessaa ka’uun moodesii jijjiiruun yoo isin barbaachise.

5. Dhiigni kantaraan yoo mul’ate

6. Baatii/ji;a tokko kessatti yeroo tokkoo ol yoo dhufe

7. Guyyaa 21 gaditti irra deeb’ee yoo dhufe

8. Xuriin osoo hindhufin guyyaa 35 yoo dabarse.

9. Yoo xiqqaate waggaa tokkoof laguu osoo hinargin turtanii yoo deebitanii argitan yookiin sababa umuriin dubartiin tokko laguu arguu dhaabdee turtee yoo deebitee argite.

Maatiin ijoollee isaaniif maal gochuu qabu?

Maatiin hedduun ijoollee isaanii waliin iftoominaan hinhaasahan. Shamarran hedduun yeroo marsaan laguu yeroo jalqabaaf itti dhufu haaraa itti tahuun sodaachuufi na’uu danda’u.

Kanaaf maatiin ijoollee durbaasaa yeroo isaan guddachaa dhufan marsaan laguu maal akka ta’eef yeroo itti dhufu nahuu akka hinqabne itti himuun baayyee barbaachisaadha. Kana qofa osoo hintaane maatiin ofiin beekanii ijoollee isaaniif meeshaalee qulqullinaa isaan barbaachisu bitanii qopheessuufiin barbaachisaadha.

4.1.1. Dhukkubbii yeroo marsaa laguu

Dhukkubbiin yeroo marsaa laguu kun dubartoota hedduurratti kan mul’atuu yoo ta’u, sadarakaalee garagaraa qaba. Kunis dubartoota hedduurratti garaa dhukkubbii xiqqoo xiqqoo yeroo fidu dubartoota muraasarratti ammoo hanga hojii hojjechuu dadhabuufi mana yaalaa ciibsuutti geessisuu danda’a.

Dhukkubbiin yeroo marsaa laguu kunis dubartoota dhibba keessaa 60-90 ta’anirratti baay’inaan kan mul’atuudha. Rakkoon kun shamarran muraasarratti hammaataa ta’ee hojii idilee isaaniirraa ykn mana barnootaa isaaniirraallee hanga geessisuutti gaha.

Garaa ciniinnaan ykn garaa dhukkubbiin yeroo marsaa laguu kunis baay’inaan dubartoota marsaa laguu akkuma arguu jalqabaniin gara waggaa lamaa jalqabaaf akkasumas dubartoota laguun isaanii dhaabachuuf jedhu gara dhumaatti kan hammaatuudha.

Walumaagalatti dhukkubbii ykn ciniinnaa yeroo marsaa laguu bakka lamatti qoodnee ilaaluu dandeenya. Isaanis:

1. Primary dysmenorrhea ykn garaa ciniinnaa yeroo laguu 1ffaa

dhukkubbiin yeroo laguu kun kan dhibee keessoo gadameessaa wajjin walhinqabanneedha. Akaakuun dhukkubbii yeroo marsaa laguu kun yeroo baay’ee shamarran hinda’iniifi umurii dargagummaa keessa jiranirratti baay’inaan kan mul’atu yoo ta’u, dubartiin tokko osoo laguun itti hindhufin guyyaa muraasa dursee ykn guyyaa laguun inni jalqabaa itti dhuferraa kaasee guyyaa 2-3tti dhukkuba. Kanaafuu dhibeen kun umurii 25 boodaafi erga da’anii boodaa isaan dhiisaa deema.

2. Secondary dysmenorrhea: Dhukkubbiin wayita marsaa laguu inni lammataa kun dhibee gadameessaatiin kan dhufu yoo ta’u, dhibeen kun umurii 30 boodaafi dubartoota da’an irratti kan mul’atu ta’ee osoo laguun itti hindhufin torban tokko ykn guyyoota muraasa dursee dhukkubuu wayita jalqabu; wayita laguun itti dhufu ittifooyya’aa deema. Dabalataanis jeeqamuu ykn itti baay’achuu marsaa laguufi dhukkubbii wayita walquunnamtii wajjin walqabata.

Walumaagalatti shamarraan umurii dargagummaa keessa jirtan kana beektanii yoo kan isin dhukkubu ta’e dawaa kan dhukkubbii kana isiniif xiqqeessu ogeessa mariisistanii osoo marsaan laguu keessanii hindhufin itti qophooftu.

Hubachiisa: Shamarraan hundi kan dhukkubbiin marsaa laguu keessanii hammaataa ta’e, kan jeeqamuu marsaa laguu waliin walqabatu, kan dhukkubbii wayita walquunnamtii saalaan walqabatuufi umurii 25f isaa ol keessa jirtan ogeessa fayyaa mariisisuu hindagatinaa.

4.2. Kaansarii Balbala Gadameessaa (Cervical Cancer)

Kaansariin Balbala Gadameessaa kaansariiwwan qaama hormaata dubartootarratti mul’atan keessaa adduunyaa irratti sadrarkaa lammaffaa irratti yoo argamuu biyyoota guddachaa jiran iratti ammoo sadarkaa tokkoffaarratti argama.

Kaansariin Balbala Gadameessaa (cervical cancer) kaansaroota du’a harmooliif sababa ta’an keessaa kaansarii harmaatti aansuun sadarkaa lammaffaarratti argama.

Kansarii kanaaf kanneen sababa ta’an keessaa %99 oli kaansaerii vaayirasii ‘Human Paappiloommaa’ jedhamuun namatti dhufa. Vaayirasiin kunis yeroo hedduu kan inni daddarbu karaa walqunnamtii saalaatiini. Sababootni daddarbii vaayirasii kanaaf sababa ta’an uumamuu kaansarii kanaaf sababa ta’u.

Wantootni kaansarii kanaaf nama saaxilan:

  • Walqunnamtii saalaa namoota hedduu waliin gochuun
  • Ijoollee baay’ee godhachuun
  • Dhibee walqunnamtii saalaatiin daddarban
  • Tamboo aarsuun ykn sigaaraa xuuxuun
  • Dadhabuu humna dhibee ofirraa ittisuu qaama namaa fakkeenyaaf ‘HIV/AIDs’, dawaawwan garagaraafi kaansarii irraa kan ka’e.
  • Mallattoolee kaansarii balbala gadameessaa
  • Dhiiguu gadameessaa (yeroo laguun ala)
  • Dhangala’aan foolii hamaa kara gadameessaa ba’uu,
  • Wayita walqunnamtii saalaa dhukkubbiifi dhiiguu gadameessaa.

Kaansariin kun heddumminaan kan inni mul’atu umurii 50 boodaa yoo ta’eyyuu, haaldureen kaansarii kanaa kan mul’atu isaa gaditti. Kaaansariin kun gara kutaa qaamota biroo kan akka gadameessaa, ujummoo fincaanii, sombaafi kkftti karaa ujummoowwan dhiigaafi xannachaa faca’uudhaan dhibee hammaataafi hanga sadarkaa du’aatti geessisuu danda’a.

Dhibeen kaansarii kana akka dhibee kaansarii biroo osoo hintaane guutummaatti ittisuun kan danda’amudha.

Dhibee kaansarii balbala gadameessaa kana ofirraa dhorkuuf ykn yeroon beekuuf wantootni nama gargaaran:

  • Wantoota armaan oliitti xuqaman kanneen dhibee kanaaf nama saaxilanirraa of eeggachuu
  • Dhibee kanaaf sababa kan ta’e talaallii farra vaayirasii ‘human paappiloomma’a’ jedhamu fudhachuu.
  • Dubartootni umuriinsaanii waggaa 21-65 ta’an ogeessa fayyaa ykn ispeeshaalistii gadameessaa bira deemun qorannoo balbala gadameessaa gochuun gaariidha. Sababnisaas utuu gara kaansariitti hinjijjiiramin yeroo dheeraa waan turuuf. Yoo yeroon barame utuu gara kaansariitti hinguddatin yaalamanii fayyuun ni danda’ama waan ta’eef.

“Haati kamuu sababa dhibee kanaatiin du’uu hinqabdu”

Fayyaa hindhabinaa!

Doktar Naafyaad Geetuu

BARIISAA SANBATAA Qaam’ee 5 Bara 2014

Recommended For You