Dhiiga arjoomuufi faayidaasaa

Namni umrii giddugaleessaatti argamu tokko tilmaamaan dhiiga liitira shan of keessaa qaba. Dhiiga keenya keessa wantoota garaagaraatu jira. Wantoota kanneen keessaa tokko seelota dhiigaati.

Seelota dhiigaa sadiitu dhiiga keenya keessatti argama. Isaanis:

  1. Seelii dhiiga diimaa– Seeliin dhiiga diimaa dhiiga keenya keessatti argamu qaama hemoogiloobinii jedhamu kan ofirraa qabuufi oksijiinii ykn qilleensa qulqulluu somba keenyarraa argannu baachuun gara kutaawwan qaama garaagaraatti facaasa.

Kutaawwan qaama keenyaa baay’een hojii idilee isaa raawwachuuf anniisaa ‘ATP’ jedhamu barbaada. Anniisaan kunis kan omishamu tishuun keenya oksijiinii ga’aa yoo argateedha. Kanaaf seeliin dhiiga diimaa oksijiinii gara kutaawwan qaama keenyaa kan akka onnee, sammuu, tiruu, kaleefi birootti geejjibuu keessatti ga’ee guddaa taphata.

2. Seelii dhiiga adii– Seeliin dhiiga adii wantota alagaa qaama keenya miidhan nurraa loluu keessatti ga’ee guddaa taphata. Seeliin dhiiga adii keenya akka waardiyyaa ykn loltuu qaama keenya keessaatti tajaajila.

3. Pilaatileetii– Akaakuun seelii dhiigaa kun itituu dhiigaa keessatti qooda guddaa fudhata. Sababoota garagaraarraa kan ka’e yeroo hiddi dhiigaa keenya miidhamuun qaamni keenya dhiigu naannawa sanatti argamee akka dhiigni ititee dhaaabatu godha.

Sababoota garaagaraarraa kan ka’e seelonni dhiigaa sadan kunniin yoo gadi bu’an qaamni keenya rakkoowwan armaan gaditti eerre kanneeniif saaxilama. Hir’ina dhiiga diimaa jechuun yoo dhiigni diimaan qaama keenya keessatti argamu hanga barbaachisurraa gadi bu’ee argamu jechuudha.

Dhiigni qaama keessa jiru kun sababa garaagaraarraa kan ka’e yoo hir’ate ykn hammisaa kan fayyaa irraa yoo gadi bu’e rakkoowwan fayyaa garaagaraatiif qaama keenya saaxiluu danda’a.

Fakkeenyaaf hir’inni seelii dhiiga diimaa yoo nama mudate hammi oksijiinii kutaawwan qaama keenya garaagaraa gahu ni hir’ata, sababnisaas seeliin dhiiga diimaa keenya oksijiinii geejjibuu keessatti gahee guddaa waan qabuufi.

Gama biraatiin seeliin dhiiga adii yoo hir’ate dandeettiin dhukkuba ofirraa ittisuu keenyaa gadi bu’a akkasumas seeliin pilaatileetii qaama keenya keessaa yoo hir’ate hammi dhiiguu qaama keenyaa ol ka’aadha.

Baay’inaan namoota hedduu kan mudatu hir’ina seelii dhiiga diimaa ykn Anemia jemuudha.

Maaltu hir’ina dhiigaa fidaa?

  • Dhiiguu (dhiigni baay’een yoo qaama keessaa dhangala’e) kanneen keessaa: Garmalee dhiiguu yeroo dahumsaa, marsaa laguu (keessumaa kan hanga eegamuu ol yaa’u,) kintaarootii yeroo hedduu dhiiguu, dhiiguu sababa balaatasaa fi kkf.
  • Hir’ina nyaataa keessumaa hir’ina v a a y t a ami n o o t a a ( k e e s s uma a vaaytaminii akaakuu B), hir’ina foolik asidii, hir’ina elementii ayirenii (Iron)
  • Dhukkuboota garaachaa (kanneen garaacha dhiigsan ykn xuuxama soorataa irratti dhiibbaa fidan), raammoo garaa ‘hook worm’ (kan dhiiga garaa keessaa xuuxuufi soorata nama jalaa qooddatu),
  • Dhukkuba busaa keessumaa yoo altakkaatti baay’ee dhukkubse (P. falciparum) seelii dhiiga diimaa ajjeesuufi yoo waggoota dheeraaf dhukkubaa ture immoo karaalee biroo hedduutiin, dhukkuba kalee yoo baay’ee namarra ture(oomisha seelii dhiiga diimaa akka hir’isu waan taasisuuf), dhukkuboota lafee (bakka itti dhiigni omishamu miidhuudhaan)fi kkf.
  • Dhukkuboonni biroo, dhukkuba kamiyyuu ta’an kan yeroo dheeraaf namarra turan haalota gara garaatiin hir’ina dhiigaani fidu.

Dhiiga arjoomuu

Dhiigni tokko daqiiqaa tokko keessatti yeroo sadii qaama keenya keessa marsaa taasisa.

Seeliin dhiiga diimaa tokko guutummaa qaama keenyaa keessa geejjibee xumuruuf sekoondii 20-30 itti fudhata. Dhiiga keenya keessaa seeliin dhiiga diimaa tokko tajaajila isaa ji’a afurii keessatti fageenya km 1600 ta’u qaama keenya keessa deema.

Seeliin Dhiiga Diimaan yoo fayya qabeessa ta’eef guyyaa 120 qofa jiraata. Sana booda diigamuun xuraawaa ta’ee dhabamsiifama. Kan biraa bakka bu’aa jechuudha.

Dhalli namaa akaakuuwwan dhiigaa jiran afur keessaa tokko qabaata. Akaakuuwwan dhiigaa kunniinis qubee guguddaan kan moggaafaman yoo ta’u: gartuu dhiigaa akaakuu A, gartuu dhiigaa akaakuu B, gartuu dhiigaa akaakuu ABfi gartuu dhiigaa akaakuu O jedhamu. Dhiigni akkuma beekamu akaakuuwwan garagaraa kan ofkeessaa qabu yoo ta’u, kan gartuu adda addaatti qoodamu seelii dhiiga diimaarratti hundaa’uudhaani.

Gartuuwwan armaan olitti A, B, ABfi O jedhamuun adda addatti qoodaman kunniin tokko tokkoonsaanii deebi’anii qaama Rh jedhamu seelii dhiiga diimaasaaniirraa qabaachuufi dhiisuusaaniirratti hundaa’uun qoqqoodamu. Kana jechuun gartuun dhiiga akaakuu “A” bakkawwan lamatti qoodama jechuudha.

Haaluma kanaan gartuu dhiiga “Akaakuu A poosatiivii”fi gartuu dhiigaa “Akaakuu A negatiivii” jennee bakka lamatti qoodna. Kana jechuun namni tokko kan inni/isheen qabaachuu dandeessu gartuu dhiigaa armaan gadii keessaa tokko qofa yoo ta’u isaanis:

➢ Gartuu dhiigaa akaakuu A negatiivii (A -Ve)

➢ Gartuu dhiigaa akaakuu A poozatiivii (A +Ve)

➢ Gartuu dhiigaa akaakuu B negatiivii (B -Ve)

➢ Gartuu dhiigaa akaakuu B poosatiivii (B +Ve)

➢ Gartuu dhiigaa akaakuu AB negatiivii (AB -Ve)

➢ Gartuu dhiigaa akaakuu AB poozatiivii (AB -ve)

➢ Gartuu dhiigaa akaakuu O negatiivii (O -Ve)

➢ Gartuu dhiigaa akaakuu O poozatiivii (O +Ve)

Akka Itoophiyaatti tajaajilli baankii dhiigaa Waldaa Qaxxaamura Diimaa jalatti bara 1962 Finfinneetti eegalame.

Baankiin Dhiigaa kun hawaasaaf hubannoo uumuun kilinikii dhaabbiifi socho’aa fayyadamuun arjoomtotarraa dhiiga ni fudhata.

Dhiigni fudhatame/ arjoomame/ kun dhukkuboota dhiigaan daddarbuu danda’anirraa walaba ta’uunsaa erga qoratamee booda haala gaaffii hospitaalonni dhiyeessaniin bilisaan (kanfaltii tokko malee) dhiigicha ni raabsa.

Addunyaa kanarraa sekondii tokkotti namni tokko yaaliif dhiiga isa barbaachisa. Ta’us Namoonni dhiiga barbaadan kunniin dhiigicha argachuu dhabuun lubbuun namoota danuu du’aan lafa kanarraa ni fudhatamti.

ULAAGAALEE DHIIGA ARJOOMUU

1. Fedhii guutuu qabaachuu

2. Umurii waggaa 18-65

3. Ulfaatina kg 45 oli

4. Dhukkuboota dhiigaan daddarbuu danda’an irraa bilisa kan ta’an.

5. Dhukkuboota buleeyyii kan hinqabne / free from chronic diseases/

6. Erga dhiiga arjoomanii ji’a sadii kan guutan ta’uu qabu.

FAAYIDAA DHIIGA ARJOOMUUN ARGAMU

1. Hirmaataa tajaajila namoomaa nama taasisa.

2. Gammachuu sammuu olaanaa nama gonfachiisa.

3.Qorannoowwan tokko tokko fayyaa ofiitiif faayidaa akka qabu ibsu. (Namoonni dhiiga arjooman warra hinarjoomneen oggaa madaalaman carraan balaa tasaa onneef saaxilamuusaanii gadaanaadha.)

4. Lubbuu qarshiin tilmaamamuu hindandeenye du’arraa oolcha.

Dhumarratti namoota dhiiga arjoomaniif guyyaa muraasa booda kaardiin gartuu dhiigaa ibsu ni kennama.

Kanaaf namoota gargaarsa keenya barbaadaniif dhiiga haa arjoomnu.

Fayyaa hindhabinaa!

Doktar Naafyaad Geetuu

BARIISAA SANBATAA Hagayya 21 Bara 2014

Recommended For You