Gaachanummaa gochaan mirkanaa’e

Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa daangaafi nageenyaa biyyattii mirkaneessuu bira darbee nageenya biyyootaa ollaa kabachiisuufillee wareegama olaanaa gahumsaan bahachuun beekama.

Raayyichi gahumsaafi naamusa ittiin beekamuun nageenya daangaa biyyasaa eegsisuun gamatti miseensa humna kabachiisaa Gamtaa Afrikaa (“AMISOM”) ta’uun nageenya biyyoota kabachiisuurratti bobba’ees dirqama seesa qabeessa bahachuu eddii eegalee bubbuleera.

Ergaan Ajajaan Humnoota Waraanaa Waliigalaafi Ministirri Muummee Mootummaa RFDI, Doktar Abiyyi sirna kabaja guyyaa Raayyaa Ittisa Biyyaa torbaffaa kaleessa Adaamaatti kabajamerratti, “Raayyaan Ittisaa Biyyaa keenya diinaaf sodaa, Itoophiyaanotaaf ammoo gaachana” jechuun dabarsanis kanuma kan mirkaneessuudha. Raayyaan ittisaa gaachanaa biyyaa ta’uun jijjiirama keessa seenee jijjiirama akka biyyaatti taasifamaa jiruuf aantummaasaa agarsiisaa jira.

Raayyaan ittisaa rakkoo kamuu keessatti amanamummaan heeraafi biyyaaf qabu kan hinjijjiiramne ta’uu yeroo biyyi rakkoo keessa galtetti mul’iseera. Raayyichi siyaasa kamirraayyuu bilisa ta’ee aantummaafi quuqama biyyaatiin qofa kan socha’u ta’uu hawaasnis ta’e paartiileen siyaasaa sirnaan hubachuu qabu.

Raayyaan ittisaa aantummaa ummataafi biyyasaatiif qabu caalaatti mirkaneessuuf to’annaa siiviiliirratti cichee hojjechuunis irraa eegama. Kunis jaarmiyaaleen siyaasaa filannoodhaan ummataafi biyya tajaajiluuf oggaa taayitaa qabatan bilisa ta’anii heeraafi biyya itti fufsiisuun keessatti shoora olaanaa qabaata.

Hojii guddaan hojjetamuu qabuufi hojjetamaa jiru humnuma jiru teknolojiidhaan cimsaa deemuu malee diiganii ijaaruun jijjiirama barbaadamu waan argamsiisneef kallattiidhuuma eegalameen xiyyeeffannaan hochechuu barbaachisa.

Riifoormiin raayyaa ittisaa keessatti eegalame bu’uuruma kanaan adeemaa waan jiruuf dargaggoonni ogummaa gara garaa qaban dhaabbatichatti makamuun hirmaannaa gochuu qabu. Hawaasnis raayyaa ittisa biyyaa uffata seeraa uffate kamiifuu iddoo deemeetti dursa kennuu, kabaja, aantummaafi jaalala raayyaasaatiif qabuuf caalaatti cimsee akkuma baramee gochaan agarsiisuu qaba.

Qaamoleen miidiyaafi aartiis kabajaafi jaalala raayyaa ittisaa biyyasaatiif qaburratti xiyyeeffatanii hojjechuun qoodasaanii bahachuu qabu. Raayyaan ittiisaas amantummaafi amanamummaa heeraafi ummataasaatiif qabu caalaatti cimsee ittifufuun irraa eegama.
Raayyichi riifoormii haala milkaa’inaafi fakkeenyummaa qabuun keessoosaatti eegalamee adeemsifaa jiru cimsee itti deemuun abdii, aantee ummatummaafi gaachanummaasaa gochaan mul’ataa jiru ittifufuu qaba.

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *