Waamichi tollaan awwaannaan tole

Ummatoonni biyya keenyaa bara dhufaa darbaatti, sirnoota abbaa lafaa, cunqursitootaafi abbootii irree dabaree irratti walfuraniin gidiraa argaafi rakkoodhaan gadadamaa turaniiru.

Lammiin Itoophiyaa biyya keessaafi alatti argamu gama hundaan miira abdii kutannaa keessa galee, biyyis qarree diiggachuurra geessee turuunshiis yaadannoo yeroo dhiyooti. Ummanniifi biyyi irree cunqursitootaatiin ukkaamamanii garmalee dararamaa turaniiru, dinagdeen biyyaas saamtotaafi gantootaan akka hintaane ta’ee garmalee hunkutaa’eera.

Eddii humni jijjiiramaa Doktar Abiyyi Ahmadiifi miiltoowwansaatiin durfamu gara aangootti dhufee ji’oota kurnan darbanitti garuu gama hundaan bu’aaleen waggoota dheeraa keessattillee ni dhufu jedhamee hin abjootamne hedduun gama hundaan galmaa’aniiru; galmaa’aas jiru.

Kanaanis ummanni bal’aan biyyattii egereensaa abdii qabeessa ta’uu hubatee hoggansa jijjiiramasaa maddii hiriiree qoodasaa bahachaa jira.

Ta’us akkuma mammaaksa Oromoo, “Bakka booressaan jirutti taliila dhuguun hindanda’amu” jedhamu san qaamoleen humnoonni ummanni qabsoo hadhaawaa taasiseen isaan bilisoomseefi jijjiiramichi hinliqimfamneef biyya keenya iddoowwan adda addaatti ummata boqonnaa dhowwaafi bu’aa qabsoosaa akka hindhandhamanne gochaa jiru.

Kanaafis dhaabbileen amantii gara garaa dhimma nageenyaarratti hordoftootasaanii wajjin ta’anii Waaqa kadhachuuf labsii dabarsanii hojiirra oolchaa jiru. Kan walitti mufates walitti araarsuurratti argamu. Keessumaa dhimma nageenyaa gadifageenyaan kan hubataniifi beekan abbootiin Gadaa Gujii  torban lamaan kana torban nageenyaa labsanii turan.

Kanaanis bu’aa abdachiisaan argamaa akka jiruudha aagni gama abbootii Gadaa Gujii biraa dhagahamaa jiru kan mirkaneessu. Ajajaan Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) Kibbaafi miiltoowwansaa labsicha fudhachuun harka abbootii Gadaa jiraachuu Abbaa Gadaan Gujiitiin ibsameera.

Abbaan Gadaa Jiloo Maandhoo ibsa kaleessa Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka mirkaneessanitti, Ajajaa WBO Eliyaas Gaambeellaa dabalatee miseensonni 10 waamicha nagaa fudhachuun araaraaf dhufanii harka abbootii Gadaa jiru. Soddomni ammoo waamicha fudhatanii dhufaniiru. Guyyoota muraasa keessattis abbootii Gadaa bira ni ga’u.

Durumayyuu ijoolleen Abbaa Gadaa masaraafi bosona taa’anii waldhabuun sirrii waan hinturreef kanneen waamicha araaraa fudhatanii dhufan kunneenis hammam abbootii Gadaa akka kabajaniifi sirna Gadaatiif bakka guddaa kennan kan mul’isuudha.

Waamichichi tollaan awwaannaan tole waan ta’eef adeemsiifi tattaaffiin nageenya mirkaneessuuf taasifamu ija godhachaa jiraatii ammas cimee ittifufuu qaba.

Recommended For You

118 Comments to “Waamichi tollaan awwaannaan tole”

  1. Pingback: marine88
  2. Pingback: Jaxx Liberty
  3. Pingback: Diyalaa
  4. Pingback: cat888
  5. farmaci senza ricetta elenco [url=https://farmabrufen.com/#]BRUFEN prezzo[/url] acquisto farmaci con ricetta

  6. phtaya [url=http://phtaya.tech/#]phtaya.tech[/url] The ambiance is designed to excite players.

  7. win chile [url=http://winchile.pro/#]winchile casino[/url] Muchos casinos ofrecen restaurantes y bares.

  8. discount drugs [url=https://discountdrugmart.pro/#]discount drug pharmacy[/url] drug mart

  9. rate canadian pharmacies [url=https://easycanadianpharm.com/#]easy canadian pharm[/url] best canadian pharmacy to buy from

  10. canadian pharmacy king [url=https://easycanadianpharm.com/#]easy canadian pharm[/url] easy canadian pharm

  11. slot 88 [url=http://slot88.company/#]slot88.company[/url] Slot dengan bonus putaran gratis sangat populer

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *