Qabsaa’aa hangaficha mirga Oromoo: Abbaa Anaajinaa

Ifa, mirgaafi faayidaa ummanni Oromoos ta’e saboonni biyyattii biroon har’a argataniifi eenyummaa har’a ittiin boonan kanaaf abbootiin keenya durirraa eegalanii dhiigaafi qaama hir’atanii, lafeesaanii caccabsaa darbees lubbuu ofii aarsaa godhaniiti kan dhaloota si’anaatti dabarsan.

Abboonni keenya hacuuccaa gitoonni bittaa dabaree walfuruun ummatoota cunqurfamoorraan gahaa turan balaaleffachuun barumsa koo, dhala koo, maatii waatiikoo, mana koofi qonna koo otoo hinjenne biyyaa biyyatti, bosonaa bosonatti, lukaan qaxxaamuraa, agabuufi dheebuudhaan gidiraa hanga hinjedhamneen marfamanii diina wajjin walhudhaa turaniiru.

Abbootii haala kanaan mirgaafi eenyummaa Oromootiif gitootasaanii wajjin qabsoo hadhaa’aa geggeessaa turan keessaa tokko maanguddoon Oromoo, Hajii Abdallaa Ismaa’el (Abbaa Anaajinaa) isaan tokko.

Godina Baalee, bakka Baallee jedhamutti kan dhalatan maanguddoon kun kabajama mirga Oromootiif bara sirna Hayilasillaasee keessa umriisaanii waggaa 14 irraa eegalanii qabsoo guddaa taasisaa turaniiru.

Otoo gara qabsootti hinseeniin dura barnoota barbaacha Hararii hanga Jimmaatti, Finfinneerraa hanga Sidaamootti darbees hanga Wallootti abbaasaanii wajjin deemaniiru. Umriidhuma ijaallummaasaaniitti akkuma seerasaatti ‘paaspoortii’ baafatanii hanga Asabitti awutobisiidhaan sana booda dooniidhaan deemuun sirna amantii (hajjiif) Makkaatti imalaniiru.

Hajii Ismaa’el haalatti qabsootti seenan oggaa ibsanis, “Bara 1966 oggaan Hajjiif Makkaa gahee deebi’u qabsoon dhuftee miila jala nu jirti. Namoonni akka Jeneraal Huseen Bunee karaa Gindhiir ganda keenya, Baallee jedhamtu gahan. Humni Jeneraal Waaqoo Guutuudhaan ogganamu ammoo Gobbaafi Goorootti dhiyaateera”.

“Waamichisaanii waan na bira jiruuf, hawwii bilisummaas waanin qabu tureef sanumaan eddiin baatii sadiif ala turee deebi’ee booda qabsichatti dabalame” jedhu.

Dargaggoonni ciccimoon kanneen akka Awwal Mohaammad, Mahaammad Jiddaa, Kadir Abdurroo jedhamanfaan ummataan filatamanii paarlaamaa Itoophiyaa seenan torban lamatti dhimmuma qabsoo kanarratti walgahaa akka turanillee ni dubbatu.

Gama hawaasa baadiyaafi magaalaatiinis jaarsolii biyyaa guguddoon kanneen akka Hajii Abdoo Arusii, Hajjii Kormee, Hajii Kamaal Soodee, Hajii Huseen Xaahiroofaa Baalerraa isaan wajjin akka turaniidha kan eeran.

Qabsoo taasisaa jiranirratti gaafa pirezidaantiin wayita sanaa Misir, Jamaal Abdulnaasir Itoophiyaa dhufan waa barreessanii akka itti kennan kan ibsan Sheek Abdallaan, waamicha abbootiirraa dhiyaateef awwaachuun yeroo lolli daran hammaatetti qabsichatti makamuusaanii himu.

Waraana mootummaan Jeneraal Kabbadaa Yaa’iqoobiin durfamu waraanuuf kan qawwe qabu qawweesaatiin kuun akkanumatti otoo lolamaa jiruu gara Somaaliyaatti ce’uusaanii ibsanii, waraanni Gindhiiriifi Doolloorraa deemu daran cimaa ture jedhu.

“Dhuma bara 1966 Gololchafaa keessatti lolli daran waan cimeef qawwee fudhachuuf namoonni 300 Somaaliyaatti qajeelle.

Jeneraal Huseen Bunee, Hajii Usmaan Maammaa, Hajii Abdallaa Abeebeefa’iin ‘Isin lolaa jirtuu nutis dhaqnee qawwee fudhannee isinitti makamna jennee’ hayyama fudhannee deemne” jedhu Sheek Abdallaan.

Mootummaan Somaaliyaas isaan simatee leenjii waraanaa ji’oota sadii kennuufiisaa eeranii, isaanumaa leenjii fixuun qawwee hidhatanii bahuuf qophaa’aa jiran waraanni karaa Dolloofa’itti halkanuma tokkotti walfaana akka seene dubbatu.

Kanaanis mootummaan waan rifateef lakkaa’uullee akka hindandeenye himu. Qaamoleen mootummaa waan qabataniifi gadilakkisan dhaban. Hanga waraanni kun dhaabatutti lakkaa’uu hindandeenyu jedhanii ennaa roobni roobuu eegalee namni haphatu lakkaa’uu eegalan.Nama kuma 10 caalu ni galmaa’e. Somaaliyaa dhaqanii turtii torban tokkoo booda mootummaan biyyattii waan nyaataniifi dhugan kennuufiisaas ni ibsu.

Bara 1967 namoota kanneeniifis leenjiin kennamuu ibsuun, isaan dursani waan leenji’aniif leenjistoota gargaaraa akka turan dubbatu.
Adeemsa qabsoo kana keessatti maanguddoonni hayyoonni, sheekonniifi hoggantoonni kora taa’anii akkaataa hidhannoon argame qabsoon ittifufurratti mar’iataa turuusaaniis ni eeru.

“Waraanni kumni 10fi jaarsoliin biyyaa ministira muummee wayita sanaa Somaaliyaa, Abdurazaaq Hajii Huseen dhufee haasawa nuu taasise. Mammaaksa Lakkuun jaalalaan lafaa walfuutee humnaan waliin lafa dhoofti jedhee hanga har’aatti nan yaadadha. Mootummaan Somaalee wayita sanaa qacaleefi eddii aangoo qabate reefu waggaa jaha ture. Nama kuma 10f qawwee 500ntu kenname. Haalatti qawween kun qoodamurratti guddaa rakkanne. Naannawa naannawaan qooddannee galle” jedhan.

Mootumaan Somaaliyaa misingaa jooniyaa 120, gaala shan, zayitii barmeela 10, baala shaayiifi kaartoona 12fi sukkaara jooniyyaa shan nuu kennisiisan. Zayitiin nuu kenname kan mukaati. Namni zayitii kana nyaatee hinbeekne waan jiruuf dhukkuboota adda addaatiif saaxilame. Kanaanis guyyaatti hanga nama 10tu nurraa du’aa ture jedhan.

Qabsoon Baaletti eegalamte godinaalee biroottis babal’achuu ittifufe. Maqaa ummata Oromoo hunda hammatu nu baasi, alaabaallee nuu qopheessi, akka gargaarsa argannuuf nuu godhi jedhanii Hajjii Huseen Suuraa isaaniin filataman.

Hajii Huseen Suuraas ergama kennameef milkeeffachuuf ministiroota Somaaliyaa wajjin haasa’an. Waan waraanni keenya barbaadus itti hime. Deebiin argames mootummaan Somaaliyaa waan isin gargaaru hinqabu, maqaa Oromootiin waanti isinii kenninu waan hinjirreef mala isinis ta’e nu tiksu baafadhaatii maqaa sanaan isin gargaaruu dandeenya kan jedhu ture.

Mootummaan Itoophiyaa kan waggaa 100 lakkoofsise waan ta’eef nuti reefu waggaa jahaa isa dura dhaabannee maqaa Oromootiin isin gargaaruu hindandeenyu nuun jedhe, mootummichi. Isin dhiisaatii ofiyyuu tiksuu hindandeenye, humnasaanii guddaa sana jalaa bahuu hindandeenyu. Yoo gargaarsa keenya xiqqaa barbaaddan maqaa Somaalee Ogaadeeniin fudhadhaatii isa jalatti of dhoksaa isin gargaarra jedhamne jedhan.

Hanga bara 1968tti maqaa isaan nuu kennan ni didne kan jedhan Abbaan Anaajinaa, akkuma utubaan manaa hanga dhiibaniifi dhiisan qaba jedhamu san waraanni keenya rasaasa dhabee laafaa waan jiruuf waraana keenya qaqqabuuf waanuma isaan jedhan qabannee akka ummata keenyaaf qaqqabnuufi qabsoo keenya ol qabnu, haa fudhannu jedhamee murtiirra gahan eeru.

Ministira Haajaa Alaa Somaaliyaa bira dhaqnee waan isin jettan fudhanneerraa nu gargaaraa jennaaniin lakki akkanatti hinta’u waajjira banachuu, alaabaa dhaabuu, lakkkoofsa saanduqa poostaa banachuufi bilbila galfachuu qabdu nuun jedhan. Hojiin keessan miidiyaaf banaa ta’uu qaba nuun jedhan. Haala jedhameen waajjira banachuu akka hindandeenye of amanne. Turee garuu Sooriyaafi Baagdaadi fa’itti waajjirri banameera jedhu.

Sabummaan Somaalee kan ta’aniifi Cirootti kan dhalatan hiriyaansaanii Hajii Iisaa Sheeh Umar Sheek Abdallaa ALA bara 1966 irraa eegalanii akka isaan beekan eeru, waggaa 52 har’aa jechuudha. Isaan Raadiyoo Moqaadishootti sagantaa Affaariffaa qopheessaa turan.

Buufata raadiyoo Moqaadishootii Afaan Oromoo dabalatee afaanota hedduun tamsa’aa ture. Namni Ayyuub Abbuukar jedhamu Afaan Oromootiin nu wajjin hojjetaa ture. Lammiin Itoophiyaa kamuu gara Moqaadishoo yoo dhufe gara keenyatti gora ture.

Buufaticharraa Afaan Oromoo, Amaariiffi Affaariffi sagantaalee raadiyoon tamsa’aa turan. Xiyyeeffannaan sagantaalee kanneeniis siyaasa Itoophiyaarratti ture. Oggaa obboloonni keenya Oromoonni dhufan gaafdeebii wajjin geggeessina. Hajii Abdallaas haaluma kanaan walbarre. Yeroo sanaa eegallee wajjin jirra.

Bara 1969 isaan qabsoof gara Yaman Kibbaa deeman. Karaa Asabiin qaxxaamuranii deddeebi’uun Baaleetti sochii adda addaa gochaa turaniiru. Adeemsa qabsoo kana keessa rukatamanii biyya keessaafi alatti yeroo 11 wal’aansa baqaqsanii hodhuu taasifataniiru. Wal’aanamuuf jecha mootummaa Itoophiyaatiif harka kennatanii Gobbaa deeman; karaan gara Somaaliyaatti deebi’aniin waan hinjirreef.

Eddii ji’a tokkootiif wal’aanamanii booda harka akka hinkennanneefi kaayyoo biraa akka hinqabaanne irra gahamnaan dafanii biyyaa akka bahan taasifaman. Gara Yaman Kibbaattis deebi’an. Hanga bara 1974 sochii cimaa taasisaa turan. Qabsoon kun kan eegalame bara mootii Hayilasillaasee yoo ta’u, akeeknisaas ummata Itoophiyaa dhukkana keessaa gara ifaatti ceessisuu ture. Qabsichi kan eegalame maqaa Somaaleetiin ta’us booda keessa gara Adda Biyyaalessaa Itoophiyaatti (Itoophiyaa Biheeraawwii Ginbaar) jijjiirame.

Kanaanis Hajii Abdallaan miiltoowwansaanii biroo wajjin ta’uun qabsoon Oromoo akka toora qabatuuf tattaaffii cimaa taasisaniiru. Kana keessatti saboonni biyyattii heddu hirmaataa turan. Kan Dargiis ta’e sochiin barattootaa yeroo sana hinturre. Addichi haala kanaan hariiroo danuu ummate. Turtii keessa sochiin barattootaa eegalame.

Dargiinis aangoo qabate. Mootichis darabaa galan. Rakkoo ummata Itoophiyaa Hajii Abdallaafaan mootummaafi ummata Arabaatiif bal’inaan beeksisan. Keessumaa yeroo sana Yaman Kibbaa ‘soshaalistii’ waan turteef, akkasumas bilisummaas waan gonfatteef dhimmicha hubattee waajjira kennuufiirraa kaasee kunuunsa gaarii taasisteef. Kuweetiifi Iraaq sochii Hajii Abdallaafaatiin taasifamaa ture utubaa turaniiru.

Paartiin Hajii Abdallaafaan keessa socho’aa turan konfiraansii dhaabbilee siyaasaa adda addaa hirmaachisuun bara 1983 taasifame keessatti ADWUIdhaan waamichi waan hin taasifamneef hinhirmaanne. ADWUI keessa namoonni akka addichi jiru beekan ni jiru turan. Garuu paartiilee siyaasaa dhugaaf qabsaa’aa turan hirmaachisuu hinbarbaanne.

Hiriyaansaanii kun akka eeranitti, Hajii Abdallaan jijjiirama ammaa kanarratti yaadota danuu qabu. Qabsaa’ota angafoota wajjin turan hedduu biyyoota adda addaatti argaman waan beekaniif maanguddoota kanneen walitti qabanii qabsoonsaanii har’a bu’aa akka argamsiise beeksisanii mootummaa kana maddii hiriiranii gargaaruufi abbaafi ilmaa ta’uun utubuu barbaadu. Qabsoo isaan waggoota 14tti eegalantu har’a ija godhate waan ta’eef carraan argame kun akka eegamuuf fedhii guddaa qabu.

Akka Hajii Abdallaan jedhanitti, jijjiiramni ammaa kun kan takkaa hinargamneedha. Itoophiyaan reefu bilisummaa dhugaa argatte. Kun daran kan nama gammachiisuudha. Isaanis dhufanii ummata wajjin Rabbiif galata galchinaniiru.

Mootummaafi qeerroo jijjiirama kana nu agarsiisteef galata guddaan qaba kan jedhan Hajii Abdallaan, hayyoonni Oromoo hedduun ala turan haalli mijaa’eefii gara biyyaatti kan deebi’an tattaaffii cimaa isaan taasisaniin ta’uus ni eeru. Ammaan tanallee hariiroon ummatoota Oromoofi Sumaalee jidduu jiru akka cimuuf maanguddummaan hojjetaa jiru. Warri duraan qabsoorra turan xiyyeeffannoo akka argatanis ni barbaadna jedhan.

Walumaagalatti, keessumaa jabduu gootonni Oromoo baroota dhufanii darbanitti sirnoota mootummaa gara garaa keessatti raawwatan akka kan warra kaanii barreeffamee dhalootaaf darbuuf waan hincarroofneef labanni ammaa seenaa gootota Oromoo qoratee kaa’uu qaba.

Charinnat Hundeessaatiin

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *