Nageenya kabachiisuu keessatti shoorri dubartootaa olaanaadha

Aadde Giddeellash Mohaammad, Godina Gujii Lixaa, aanaa Malkaa Soddaatti ittaantuu afyaa’ii mana maree yoo ta’an, waltajji marii afyaa’iiwwan dubartootaa biyyaalessaa tibbana Finfinneerratti qophaa’erratti hirmaachuuf argamanii turan.

Gaafdeebii addatti Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, waltajjichi dubartoonni nageenya biyyaa kabachiisuu keessatti ga’ee akkamii akka qabaniifi akkamiin ittigaafatamummaa isaanii ba’achuu akka qaban kan hubachiisuudha.

Dubartiin haadha manaa taatee mana ishee bulchachuurraa kaasee hanga ittigaafatamawwan olaanootti qoodashee akka ba’attu eeranii, gaggeessummaan kan eegalummoo mana ofii sirnaan bulchuurraa waan ta’eef eenyuyyuu caalaa ittigaafatamummaa kan qabu dubartoota jedhu. Jalqabi biyyaa mana ta’uusaatiin dhimmi nageenyaa hojjetamuu kan qabu sadarkaa godaarraa ta’uus ni himu.

Isaanis yommuu gara aanaasaaniitti deebi’an hubannoo argatanitti fayyadamuun keessumaa rakkoo nageenyaa naannawaasaaniitti saba Geedi’oo waliin jiru hiikuuf caalaatti dubartoota hirmaachisuun kan hojjetan ta’uus ittaantuun afyaa’ii tun ni ibsu.

Dubartoonni nageenya kabachiisuu keessatti qooda olaanaa akkuma qaban, yoo nageenyi boora’ees adda durummaan kan miidhamu isaanuma waan ta’eef dhimmichi xiyyeeffannaa olaanaa akka barbaadus Aadde Giddeelash ni himu.

Ministirri Ministeera Nageenyaa Aadde Mufiriyaat Kamil waltajjirratti haasawaa taasisaniin, dubartoota waa’ee nageenyaarratti hirmaachiisuun mala isa ijoo ta’uu eeranii, sababnii isaas dubartoonni hedduun haadha manaa ta’uun abbaa manaafi ijoolleesaanii qajeelchuu waan danda’aniif ta’uu addeessu. Namni amala gaarii qabuufi biyyaaf dhimmamu ba’uu kan danda’u maatii keessaa yoo ta’u, kana keessattis qoodni dubartootaa olaanaa ta’uu ibsu.

Dubartoonni ittigaafatama mootummaa garagaraa irra jiran ammoo itti gaafatamni isaanii dachaa ta’uusaatiin waltajjiin akkanaa qophaa’uunsaa faayidaan isaa olaanaa ta’uufi bu’a qabeessummaan isaas abdachiisaa ta’u himu. Kanaaf dubartoota waltajjiicharratti hirmaatan irraa hojii cimaan akka eegamu hubachiisu.

Kana jechuun garuu nageenyi biyyaa hirmaannaa dubartootaa qofaan galma ga’a jechuu akka hintaane kaasanii, nageenyi ajandaa nama hundaa ta’uusaatiin dhiiroonnis dubartoota cinaa hiriiruun nageenyi biyyaa akka mirkanaa’uuf ga’eesaanii akka ba’aatan dhaamu. Dabalataanis nageenyi bifa, qomoofi saalaan kan hindaangeeffamne waan ta’eef dursa kennuun barbaachisaadha jedhu.

Ministirri Ministeera Teknolojii Qunnamtiifi Odeeffannoo Aadde Ubaah Mohammad waraqaa marii mataduree, “Dubartoota afyaa’iiwwan, nageenyaafi hariiroo mootummootaa cimsuuf” jedhu dhiheessaniin akka jedhanitti, sadarkaa biyyoolessaatti iyyuu yoo ilaalame dubartoonni nageenya biyyaa kabachiisuu keessatti ga’ee olaanaa qabaatan illee hamma irraa eegamu ba’achaa hinturre. Kanaafis sababa kan ta’u ilaalchi dubartootaaf kennamu bakkeewwan baay’eetti gadaanaa ta’uusaatiini.

Dubartoonni uumamaan obsa kan qaban waan ta’eef nageenya eegsisuun isaaniitti hinulfaatu jedhamee akka amanamu kaasanii, akka fakkeenyaattis aadaa biyya Itoophiyaa keessatti “bultoo ishee kan eeggatu” dubartiidha akka jedhamu ibsu. Kana jechuun abbaan warraa ishee yoo nama aaruufi dubbii jaallatu ta’eellee tasagabbeessee obsaan bultiishee tursiifachuu kan qabu dubartiidha jedhu. Bultiin ykn manni ammoo kutaa xiqqoo biyyaa waan ta’eef manarra darbee naannawa isaaniittiillee nagaa eegsisuun itti hincimu jedhu.

Dabalataan daa’immaan ijoollummaarraa kaasee harka caalu kan bira oolu haadha isaanii yookiin dubartii isaan guddistuu ta’uu kan eeran Aadde Ubaah, ijoollee qajeelchanii guddisuun kan irraa eegamu isaanuma waan ta’eef qoodni isaanii daran bal’aa ta’uu mul’isu.
Nageenya kabachiisuuf dubartoonni shoora olaanaa qabu

Saamraawiit Girmaatiin

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *