Imala raayyaa olaantummaa seeraa qofaaf dhaabbate horachuu

Yeroon amma keessa jirru yeroo kamiyyuu caalaa ummattootni biyyattii kan abdii itti horataniifi jireenya wabii qabu kan itti mirkaneeffachaa jiraniidha.

Waggoota kurnan lamaan darbaniif haalli bulchiinsa biyyattii keessa ture afaaniin waa’ee dimokraasii haasa’aa dhoksaan immoo dabniifi shirri hedduu kan itti raawwatamaa ture ta’uunis ammaan tana ifa ta’aa dhufeera.

Rakkoolee sirna bulchiinsaa baroota darbanii keessaa inni tokko immoo paartiifi mootummaan adda bahuu dhabuusaati.
Bakka paartiifi mootummaan gargar hinbaanetti hojiin qulqullina qabuufi seera qabeessummaansaa mirkanaa’e hojjachuun ulfaataadha. Heerri biyyattii garuu qaamootni lamaan kunniin adda ta’uu akka qaban kan dirqamsiisu waan tureef gama kanaan heerri cabeera jechuun ni danda’ama.

Gama biraatiin immoo dhaabbileen haqaa kanneen akka mana murtii, poolisii, raayyaa ittisaafi humni tikaa bifa walaba ta’eefi hooggantootni paartiilee siyaasaa ajajuu hin dandeenyeen ijaaramuu akka qabu heerri biyyattiirratti tumamus hojiitti waan hinhiikamneef gamanaanis seerri cabuusaa agarsiisa.

Hanqinoota kanneeniifi kkf hiikuuf immoo ce’uumsa ammaa kanaan hojiin hojjatamaa jiru abdachiisaa yemmuu ta’u, keessattuu kamii guddaan kan irratti dhagahamaa tureefi dhalattoota naannoo tokkootiin guuttamee kan ture raayyaan ittisa biyyaa si’ana riifoormii cimaa keessa galeera.

Waggoottan 27 darbaniif rakkoon siyaasaa akka biyyaatti ture raayyaa ittisaa keessatti calaqqisaa turuu kan himan Ministeera Ittisa Biyyaatti Ajajaan Duula Addaa Letenaal Jeneral Hayilamaariyaam, haala dura ture fooyyeessuudhaan dhaabbatichi kan ummattoota hundaa ta’ee akka ittifufu gochuun kaayyoo riifoormichaa keessaa isa hangafa ta’uu dubbatu.

Sababoota garaa garaatiin tanaan dura ajajootni dhaabbatichaa heddumminaan dhalattoota iddoo tokkoo dhufaniin qabamee tures yeroo ammaa jijjiiramaa jiraachuusaafi kun immoo yeroo dheeraaf akka ka’aa turetti Amaaraa, Oromoofi Tigree qofa osoo hintaane, sabootaafi sablammoota hundarraa walitti bahee akka ijaaramuuf hojjatamaa jiraachuu ibsu. Akka ibsa jeneraalichatti; kanuma bu’ura taasifachuudhaan yeroo ammaa humna ittisaa keessatti ramaddiin bifa haaraa ta’een raawwatameera.

Ramaddii kanaanis sadarkaa gadiitii kaasee hanga oliitti kan hirmaachise yemmuu ta’u, namootni dandeettiifi muuxannoo gahaa osoo qabanii sababoota garaa garaatiin guddina hinargatin hedduus ramaddii kanaan sadarkaa olaanaarratti ramadamaniiru.

Sabootaafi sablammootni hundi qixa sadarkaa hooggansaatii kaasee hanga dakaatti akka hirmaatan taasisuun kallattii jijjiiramichaa ta’us, muuxannoofi dandeettii barbaachisu guutuun garuu waan gaaffii keessa galuu miti.

Kanaafis kootaan saboota, sablammootaafi ummattoota biyyaatiif kennamus dandeettiifi muuxannoo isaan qaban bu’ura taasifatee kan raawwatamu ta’uus ni ibsu.
Jijjiirama amma jiruufi caaseffama haaraa kanaan miseensotni hedduu abdiifi kaka’umsa olaanaa keessa jiraachuusaanii kan himan immoo ajajaan Izzii Kaabaa, Mejer Jeneraal Geetaachoo Guddina, rakkoo guddaan amma jiru jeequmsaafi walitti bu’iinsa biyya keessaa haala barbaadameen to’achuu dhabuu akka ta’e himu.

Walitti bu’iinsi biyya keessaa akka wareera alaatti humna waraanaa itti duulchisanii haleeluudhaan kan furamu osoo hintaane, muuxannoofi dandeettii qaamota wal dhaban araarsuu kan gaafatu ta’uusaatiin dhimmichi hedduu walxaxaa akka ta’es ni dubbatu.
Of eeggannoo cimaadhaan yoo qabame malee walitti bu’iinsa biyya keessaa iddoowwan garaa garaatti uumamu kana humnaan to’achuuf yaaluun balaa biraa fiduu waan danda’uuf humnoota nageenyaatiifis dhimichi ulfaataa ta’uu ibsu.

Kanaaf jeequmsaafi walitti bu’iinsa darbanii darbanii uumaman kanneen furuuf humna ittisaa caalaa humnoota nageenyaa naannawa sana jiran cimsuurratti kan hojjatamu ta’uu eeru.
Walumaagalatti, raayyaa ittisa biyyaa seeraafi heera qofaaf amanamaa ta’e horachuufi olaantummaa saba tokkoo achi keessa ture gara saboota hundaatti diriirsuudhaan dhaabbaticha kan ummata bal’aaf amanamaa ta’e taasisuun waan riifoormicharraa eeggamuudha.

Bayyanaa Ibraahimiin

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *