“Ammaan booda kan hindanda’amne duubaatti deebi’uu qofa”

Rakkoolee ijoo damee fayyaa keessatti mul’atan keessaa tokko hanqina ogeessota fayyaati. Yunivarsitiin Jimmaas rakkoo gama kanaan jiru furuuf yeroo yeroon ogeessota fayyaa leenjisee eebbisiisaa jira. Yunivarsitichi Sanbata darbe barattoota damee barnoota adda addaatiin barsiisaa ture kuma lamaafi 679 dippiloomaa, digrii jalqabaa, lammaffaafi sadaffaan kan eebbisiise yoo ta’u, isaan keessaa 238 damee fayyaarra eebbifaman. Kana malees hospitaala, istaadiyoomiifi galma guddaa ijaarsisaa ture xumuree eebbisiiseera.

Pirezidaantii Yunivarsitichaa, Pirofeesar Fiqiree Lammeessaa sirna eebbichaarratti akka jedhanitti, yunivarsitichi eebba barattootaa cinatti hospitaala, istaadiyoomiifi galma sadarkaasaa eege eebbisiisuun guddinaafi jijjiirama walirraa hincinne agarsiisaa jira. Hospitaalichi sireewwan 800 al tokkotti keessummeessuu danda’u kan qabuufi meeshaalee wal’aansaa ammayyaa’aa kan qabu ta’uu himaniiru.

Galmichi namoota kuma afuriifi 500 qabata kan jedhan pirezdaantichi, istaadiyoomichi ammoo al tokkotti daawwattoota kuma 40 kan qabatuufi dirreewwan ispoortiin adda addaa itti adeemsifaman biroos kan qabu ta’uu himu.

Ogeessonni fayyaa eebbifamanis tajaajila ummatniifi biyyattiin isaan irraa eeggatan damaqinaafi amanamummaan kennee jireenya isaanii, maatii isaaniifi hawaasaa gara sadarkaa fooyya’aatti ceesisuuf cimanii hojjechuu akka qaban dhaamsa dabarsaniiru.

Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad sirna eebbichaa irratti argamuun akka jedhanitti, utuu addunyaan akka ammaa hinqaroomin ogeessonni fayyaa dur dhukkubsattootaa kunuunsuu, ogummaa isaanii warra kaan barsiisuufi tokkoon tokkoon dhukkubootaa qoricha hanga argartanitti qorannoo adeemsisaa turaniiru. Isaan kunneen duudhaalee ogeessi fayyaa tokko gonfachuu qabuudha.

Dhukkubsattoonni hundi ogeessa fayyaa amananii lubbuu isaanii dabarsanii waan itti kennaniif ogeessonni fayyaas yeroo kamuu isaan kunuunsuufi fayyisuuf kan hojjetu ta’uu isaa gochaanis ta’e jechaan mirkaneessuu qabu. Hawaasnis gara ogeessota fayyaa kan dhaqu fayyuudhaafi.Ogeessotnni fayyaa dhukkubsattoota yaaluu caalaa haala dhibeewwan dursanii ittisuun danda’amu irratti xiyyeeffatanii hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Ogeessonni fayyaa dhaabbilee fayyaa adda addaa keessa jiran qindoominaan hojjetanii kenniinsa tajaajila fayyaa sadarkaa caalutti ceesisuuf cimanii hojjechuu akka qaban kan yaadachiisan Doktar Abiyyi, qulqullina kenniinsa tajaajila fayyaa sadarkaa biyyaatti mirkaneessuun kutattummaa hooggansaa irratti malee yeroo hunda qabeenyaafi baajata irratti kan hin hundoofne ta’uu Kuubaarraa barachuu qabna.

Qisaasama kenniinsa tajaajilaa damee fayyaa irratti mul’atu qoratee yeroo turtii baqaqasanii hodhuu, yaalii barbaachisaa hintaaneefi galteewwan yaalaa walakkaadhaan fooyyessuu kan dandeenyu yoo ta’e dhaabbilee fayyaa, meeshaalee fayyaafi ogeessota fayyaa amma qabnu utuu hindabalin kenniinsa tajaajila fayyaa keenya dachaadhaan guddisuu ni dandeenya jedhu.

Fayyummaa hawaasaa yaaluu qofaan mirkaneessuun hindanda’amu kan jedhan Doktar Abiyyi, ogeessonni fayyaa hawaasni sochii qaamaa taasisuufi dhibeewwan dursee ofirraa ittisuurratti akka akka xiyyeeffatu taasisuuf barsiisuu akka qaban yaadachiisaniiru. Ogeessonni fayyaa kunneen hojii ummaa, mootummaafi biyyattii boonsu akka raawwataniif gorsaniiru.
Ogeessonni fayyaa kunneen kutatanii ka’uun filannoo keessan harkatti galfadhaa.

Karaa isa gabaabaa utuu hintaane isa sirrii filadhaa. Isa dhiyoo qofa osoo hintaane isa fagoos ilaalaa. Gara boodaatti utuu hintaane gara fuulduraatti deema. Addaan faffaca’uu utuu hintaane eda’amuudhaan, xinnaachuu utuu hintaane babal’achuun nuyi, Itoophiyaanotaaf kan malu ta’uu hubachiisaniiru. “Ammaan booda tabbi hindanda’amne gara duubaatti deebi’uu qofa” jedhu.

Hawaasa fayya buleessaafi biyya badhaate ijaaruun kaayyoo keenya kan jedhan ministirri muummichaa, isinis kaayyoo ummataafi biyyattii jijjiruuf qabattanii baata akka karaatti hinhafneef kutannoon hojjedhaa. Ogeessonni fayyaa eebbifamtan ji’oota dhufan Itoophiyaa qofa osoo hintaane gara biyyoota ollaa deemuudhaan tajaajila yaalaa tola ooltummaa akka kennaniif gaafataniiru.

Eebbifamtoonni guyyaa sanaas keessumaa damee fayyaatiin eebbifaman ogummaan fayyaa lubbuu namaa irratti murteessuu waan ta’eef beekumsaafi ogummaa horattaniin kutannoofi amanamummaan hojii isaanii kan hojjetan ta’uu dubbatu.

Ministirri Muummee Doktara Abiyyi Ahimad, Pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa, Pirezidaantii Sudaan Omar Hasan Ahmad Albashir, akkasumas Pirezidaantii Jibuutiifi Ministirri Eegumsa Fayyaa Doktar Amiir Amaaniifi Ministirri Saayinsiifi Barumsa Olaanaa Doktar Hiruut Waldemaariyam sirna eebbichaarratti argamuun eebbifamtoota waliin suura ka’aniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *