Shira diinaatti dammaquun haxxummaafi bilchina

Injifannoowwan ammaan tana ummatoonni Itoophiyaafi olloonnishii kanneen akka Ertiraafaa dhandhamaa jiran kana ummatni Oromoo adda durummaan hidhannoo meeshaa waraanaa tokko maleedha irree tokkome, yaada mo’ataafi ilaafi ilaameedhaan kan argamsiise.

Oromoon kaleessa hattootaafi saamtota, sarbitoota mirgaafi cunqirsitoota ofiifi sabootaafi sablammootarraa hunkuteessuuf lubbuusaa aarsaa godhe, dhiigasaa dhangalaase akka carraa ta’ee har’as aara galfatee bu’aa qabsoosaa dhandhamuu hindandeenye. Har’as akkuma kaleessaa diinota isa marsiin boqonnaa dhabee qe’eesaarraa buqqa’aafi dhiinginsaa garmalee dhanagala’a jira. Boqonnaan ammaan tana keessa jirru silaa yeroo itti Oromoon bu’aa qabsoosaa itti mi’eeffatu, irreessaa hiyyummaafi gadoodarratti diriirsu ture.

Garuu kan ta’aa jiru faallaa dhimma qabsaa’ameefi yaadameeti. Kanneen faayidaan isaanii jalaa xuqame ammas Oromiyaa keessa labanii ummata boqonnaa dhowwaafi bu’aa dhamaatiisaa akka hin hammaarranne gochaa jiru. Oromoon qabsaa’ee sabootaafi sablammiilee kuun bilisa baase shira diinonni halkanii guyyaa irratti xaxaniin ofii boqonnaa dhabee gidiraa argaa gaaffiilee nageenyaa, misoomaa, dinagdee, bulchiinsaafi siyaasaa kaasaa jira.

Jeequmsi hammaachuun dinagdee daran laaffisuun hooggantoonni sadarkaa naannoofi federaalaatti jiran guyyaa guyyaan hojii abidda dhaamsuurratti akka bobba’aniifi hojii tarsiimoo biyyattii ceessisuurratti qalbiidhaan akka hinhojjenne taasisaa jira.

Xiinxalaan siyaasaa, Obbo Jawaar Mahaammad ibsa dhiyaanya kana Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin, daangaa Oromiyaa, Naannoo Somaaleefi Beenishaangul Gumuz gidduutti walitti bu’iinsa uumuun ummanni ollaa isaarratti akka xiyyeeffatu shirri xaxamaa jira. Ummanni naannolee kanneenii gama dinagdeetiinis ta’e siyaasaatiin miidhamoodha. Rakkoo kana furuufi araara buusuuf jaarsoliifi hayyoota biyyatiirraa tattaaffii cimaatu eegama.

Ummanni naannolee kanneenii waan walshakkuuf walkeessa deemaa hinjiru. Rakkoo akkanaa biyyattiitti babal’atee waan jiruuf dafee furmaata argachuu qaba jedhu. “Ummatni nageenyisaa eegamee walkeessa deemuu qaba. Daandiin cufames banamuu qaba. Hawaasni rakkoo daandii cufuudhaan qaqqabu hubatee gochicharraa of qusachuu qaba. Nageenya waaraa mirkaneessuuf hoogganoonni mootummaafi paartiilee siyaasaa wajjummaan hojjechuu qabu. Ummannis mootummaan ce’umsa irra akka jiru hubatee obsa, hubannaa, tasgabbiifi gara bal’inaan caasaalee nageenyaafi bulchiinsaa waliin nageenyasaafi kan biyyaa eegsisuufi hojii misoomaa si’eessuurratti hirmaachuu qaba.

Yoo ummatni tasgabbii hinqabaanne mootummaan qalbii tasgabbaa’een hojii irraa eegamu raawwachuu hindanda’u. Hojiin ummata tasgabeessuu, walitti fiduu, mariisisuufi araara buusuu dhimma xiyyeeffannaa olaanaadhaan irratti hojjetamuu qabuudha. Qeerroofi qarreen tokkummaasaanii cimsuun, tarsiimoodhaan hogganamanii, teknolojjiitti fayyadamanii dantaan sabichaa akka hintuqamne, adeemsi gara dimokraasiitti taasifamu akka hingufanneef dammaqinaan eeguu qabu.

Qeerroon motoraafi wabii jijjiiramaa biyyattii waan ta’eef gaaffii qabu karaa seera qabeessaan dhiyeeffachuufi gorsa abbootii, hayyootaafi waliisaa fudhachuu qabu. Warri kaleessa biyyaa saamaafi ummata boochisaa, gidirsaafi hiraarsaa turan humna qeerrootiin waan diigamaniif qeerroorraa haaloo guddaa akka qabanis hubachaa shira diinaatti dammaquun haxxummaafi bilchina.

Gaazeexaa Bariisaa

Recommended For You

2 Comments to “Shira diinaatti dammaquun haxxummaafi bilchina”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *