WMOfi onnachiistuusaa

Misoomni humna namaa guddina hawaas dinagdee biyya tokkootiif wantoota daran murteessoo ta’an keessaa isa duraafi olaanaadha. Kanaaf  humna nama baratee gaai’inaafi qulqllinaan horachuun wantoota olaanaa guddini biyya tokkoo  itti madaalamu keessaa sadarkaa jalqabaarratti kan eeramuudha.

Guddina si’ataafi itti fufiinsa qabu, biyya keenyatti galmaa’aa jiru gara fulduuraattis ittifufsiisuuf misoomni humna namaa barbaachisaadha. Haaluma kanaan ammaan tana itti amanamee hojii bal’aan damee barnootaatiin hojjetamaa jira.

Tattaaffiin barnoota biyyattiitti babal’isuuf taasifamaa jiru kun milkaa’uu kan danda’u mootummaa qofaan osoo hintaane abbootii qabeenyaa, ummanni, dhaabileen mootummaa, mitmootummaafi dhunfaa, akkasuma waldaaleen misoomaa yoo tumsaniidha. Gama kanaan sochiin Waldaa Misooma Oromiyaa (WMOn) taasisaa jiru akka fakkeenya olaanaatti kan fudhatamuudha.

Waldichi keessumaa bara 2006 irraa kaasee gama barnootaatiin xiyyeeffannaa guddaa kennee hojjetaa jira. Keessumaa tattaaffii barnoota lammiilee hunda biraan gahuun taasiseen bu’aa abdachiisaan argamaa jira.

WMOn tattaaffii ammaan tana qulqullina barnootaa mirkaneessuuf taasifamaa jiru keessatti waan irraa eegamu gumaachaa jira.

Manneen barnootaa godinaalee Oromiyaa adda addaa keessatti ijaaruufi babal’isuun gamatti deeggarsa cimaa taasisaa akka jiru pirezidaantiin ittaantuufi qindeessituun kilaastarii hawaasummaa Bulchiinsa   Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Aadde Xayibaa Hasan ni dubbatu.

Aadde Xayibaan kana kan ibsan wayita tibbana  barattoota manneen barnoota bultii Addaa WMO damee Adaamaafi Gudariif mooraa Yunivarsitii Saayinsiifi Teknolojii Adaamaatti barattoota qormaata kutaa 10fafi 12fa bara 2010tti akka biyyaatti qabxii olaanaa galmeessisaniifi barsiisotasaaniif badhaasa kennanitti.

Guddina biyya tokkoo s’eessuuf lammii beekumsa, dandeettiifi ilaalcha gaarii qabu, sirna dimokraasiifi bulchiinsa gaarii gahumsaan kunuunsu horachuun dirqama kan jedhan Aadde Xayibaan, dhimma kana dhugoomsuufis barnoota qulqullina qabu lammii hunda qaqqabsiisuun hojii kamiyyuu caalaa dhimma xiyyeeffannoo barbaadu ta’uu muldhisu.

Barnootni biyyaa keenyaa sirnoota darban keessatti fedhii ummataarratti xiyyeeffatee guddina hawaas-dinagdee ummatichaatiif dhimmoota murteessoo ta’an ijaarsa sirna dimokraasii, guddina misoomaafi bulchiinsa gaariirratti xiyyeeffatee hojjechaa hinturre jedhan.

Tooftaan barnootaa carraa barattootaa babal’isuuf, walgitiinsaafi gahumsa keessoo barnootaa fooyyessuuf fedhii ummata giddugaleessa kan godhate miti jechuun tuqaniiru.

Akka Oromiyaatti imaammata barnootaafi leenjii hirmaannaa ummataa giddugaleessa taasifate diriirsuun lammiin hundi afaan dhalootaatiin ykn afaan filateen ijoolleesaa akka barsifatu, barumsi sadarkaa 1fafi 2fa  bilisaan akka kennamuufi barattoota dubartootaaf deeggarsi addaa akka  taasifamu dubbatu.

Barattoonni akaakuuwwan barnootaa hundaan ”A” galmeessisan  kunneen barumsa ittaanus jabaatanii hordofuun abdii biyyaa ta’uu qabu jedhaniiru.

Godina Shawaa Kibbaa Lixaa, Aanaa Daawoo, magaalaa Buusaarraa kan dhufan abbaan barataa Kumalaa Fufaa, Obbo Fufaa Raggaasaa qabxii olaanaa ilmisaanii galmeessisetti daran gammaduusaanii nutti himaniiru.

“Isa malee ijoollee afurin qaba. Ijoolee afraniifuu wanta barbaachisu guuteefiin barsiisa. Iddoo hintaane akka hinoolleefis to’achaan jira. Mana barumsaasaaniis dhaqeen barsiisotasaanii wajjin nana mari’adha. Ijeelleen kuunis akkuma Kumalaa qabxii olaanaa galmeesisaa waan jiraniif gammachuu guddaatu natti dhagahama” jedhan.

Mana Barumsaa Bultii Addaa WMO Damee Adaamaarraa qabxii afur galmeessisuun tan badhaafamte barattuu Haannaa Tafarii gamashiitiin badhaasa kanaaf kan dhaqqabe gorsa  bariistotaa, maatiifi hiriyootasheetiin ta’uu eerteetti.

Walumaagalatti sochiin waldichi barattiita qaxalee onnachiisuuf taasisaa jiru daran kan jajjabeeffamu waan ta’eef tattaaffii eegale kan cimsee ittifufuu qaba.

Bariisaa sadaasa 21/2011

Tashoomaa Qadiidaatiin

 

 

Recommended For You

One Comment to “WMOfi onnachiistuusaa”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *