Gabbisa hubannoo seeraarratti haa hojjetamu

Heerri Mootummaa Federaalaa Itoophiyaas ta’e kan Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa mirgoota dimokraasiifi namoomaa sadarkaa olaanaadhaan akka kabajamuu qaban qabiyyee heerota kanneenii keessatti iddoon bal’aan kannameera.

Heerota kanneen wanti adda taasisu migoota nama dhuunfaas ta’e  gareetiif kabaja walqixa kennuusaati. Kana jechuun mirgi garee yoo kabajame malee mirgi dhuunfaa kabajamuu akka hindandeenye, akkasumas mirga dhuunfaa kabajuu qofti mirga gareetiif wabii akka hintaane hubatamuu qaba.

Waa’ee mirgaa ammoo waa malee hinkaafne. Meeqa keenyatu waa’ee heeraafi seeraa qabiyyeesaa wajjin beeka laata? ‘Seera beekuufi beekuu dhabuun ittigaafatamummaa seeraa jalaa nama hinbaasu’  jedhamas mitiiree?

Seera beekuuf barachuun dirqama ta’uu baatus barachuun hubannoo hawaasni seerarratti qabu gabbisuu keessatti gahee olaanaa qabaata. Wantoota adeemsa hojii keessatti mudatanirraa ka’uun hubannoo hawaasni seerarratti qabu daran gadaanaa ta’uudha, kan hubatamu.

Seera beekuu dhabuun ammoo ittigaafatamummaa jalaa nama hinbaasu. Hubannoo hawaasni seerarratti qabu gabbisuun hojii guddaa kan gaafatu ta’ullee qaamoleen sadarkaa sadarkaan jiran gama kanaan qooda irraa eegamu bahachuu qabu.

Manneen murtii dabalatee qaamoleen haqaas hubannoo hawaasni  seerarratti qabu gabbisuufi mirga namoomaa kan dhuunfaas ta’e garee kabachiisuuf ittigaafatamummaa seeraan kennameef sirnaan bahachuun irraa eegama.

Hubannoo hawaasni seerarratti qabu gabbisuun gahee mootummaa qofa waan hintaaneef waldaaleen hawaasaa, abbootiin amantii, abbootiin Gadaafi miidiyaaleenis qoodasaanii sirnaan bahachuu qabu.

Hawaasni hubannoo seeraa qabu mirgaafi dirqamasaa adda baasee beeka. Namni mirgaafi dirqamasaa beeku ammoo olaantummaa seeraa kabajuufi kabachiisuuf socho’a. Mirga nama biraas ni eega; mirgasaas dabarsee hinkennu.

Kanaaf seerri waraqaarra darbee qabatamaan hojiirra ooluu dhabuun  hawaasni seerarratti amantaa akka hinqabaanne taasisuurra darbee biyyayyuu waan miidhuuf qaamoleen haqaa marti carraa argatan maraan gabbisa hubannoo seeraarratti cichanii hojjechuu akka  hojii ijootti fudhatanii hojjechuu qabu.

Recommended For You

2 Comments to “Gabbisa hubannoo seeraarratti haa hojjetamu”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *