Waamichi komishinichi dhiyeesse marii aadaa taasisuuf shoora olaanaa qaba

Finfinnee: Waamichi komishinii marii biyyaalessaa murnoota karaa seeraan alaa hidhatanii socho’aniif dhiyeesse marii aadaa taasisuuf shoora olaanaa qaba jechuun Komishiniin Marii biyyaalessaa ibse.

Komishinarri ittaanaan komishinichaa Doktar Yoonaas Addaayee ibsa Kamisa darbe Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, waamichi komishinichi humnoota hidhataniif dhiyeesse waliigaltee biyyaalessaa cimsuun marii aadaa taasisa. Bu’uuruma kanaan komishinichi marii hundagaleessaafi amanamummaa qabu gaggeessuun rakkoolee bu’uuraa biyyaattii ta’an furmaata akka argataniif humnoonni hidhatan gara mariitti akka dhufaniif irra deddeebi’ee waamicha dhiyeessaa jira. Gara fuulduraattis wamicha dhiyeessuu ittifufa.

Akka ibsasaaniitti, waamicha hanga ammaatti dhiyaateen yaada qabaachuusaanii darbee darbee mallattoo mul’atuun ala deebii qabatamaan murnoota kanneenirraa dhufe hinjiru. Ta’us mootummaan mariif qophii ta’uu ibsa kennamurraa komishinichi nihubata.

Qaamoleen waldhaban walitti dhufanii akka mar’ataniif waamichi komishinichaa akka qaqqabuuf hayyoota, abbootii Gadaa, abbootii amantaa, waldaalee siivikii fayyadamuun hojii bal’aan hojjetamaa jira. Kun gara fuulduraattis ittifufa jedhaniiru.

Hayyudureen Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Jaal Araarsoo Biqilaa gamasaaniin akka jedhanitti, waamichi komishinii marii biyyaalessaatiin qaamolee hidhataniif dhiyaate ummata nagaa dheeboteef nagaa buusuun dhalootaaf furmaata ta’a. Haala qabatamaa biyyaafi addunyaarratti ilaalluun nagaan mar’atanii rakkoo biyyaa furuun bu’aa akka qabu himanii; waldhabdee humnaan furuuf yaaluun maraammartoo baradheeraa kaleessaatti deebi’uudha.

ABOn bara 2010 gaafa biyya galee karaa nagaa qabsaa’uuf biyya seene. Ammas carraa kana fayyadamuun daandii nagaan qabsaa’uu akka ittifufu himanii; waamichi komishiniin marii biyyaalessaa dhiyeesse jajjabeeffamuu qaba jedhan.

Akka qabatamaa rakkoo biyyaatti wanta madda walittibu’iinsaa ta’e carraa argame kanatti fayyadamuudhaan gara waltajjiitti fiduun furmaata argachuu qaba kan jedhan dura taa’ichi, furmaanni har’a mariin argamu dhaloota ittaanuuf galaa waan ta’uuf qaamoleen seeraan ala hidhatanii jiran kutannoon gara mariitti akka dhufan gaafataniiru. Abbootiin Gadaa, abbootiin amantaa, haadholiin Siinqee hayyootni waamichi komishinichi dhiyeesse akka milkaa’uuf gumaacha irraa eegamu ba’uu qabu jedhaniiru.

Yuunivarsitii Finfinneetti hayyuun siyaasaa Shimallis Hayiluu waamichi komishinichaan dhiyaate jijjiirama amala, aadaafi sochii siyaasa biyyaa jijjiiruun ummataaf nagaa fiduuf shoora olaanaa qaba. Ija siyaasaatiin yeroo ilaalamus aadaa siyaasa kaleessa walajjeesuun aangoo walirraa fidhachuu hambisuun dhimma waloo borii mariin akka murteessan taasisa jedhan.

Kanaaf, humnootni waamichi dhiyaateef waamicha kana hubatanii fudhachuu akka qaban himanii; mootummaanis akkamitti akka isaan hirmaatan, yakka raawwatameef ittgaafatamummaa fudhatamuufi hinfudhatamne adda baasuun, murnoota kanneen akkamitti deebisanii dhaabuun akka danda’amurratti milkaa’ina marichaatiif ga’eesaa ba’achuu qaba jedhan. Ummannis murnoonni seeraan ala hidhatan gara mariitti akka dhufaniif gumaacha irraa eegamu ba’uu akka qabu dhaamaniiru.

Rippoortara Gaazexichaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 19 Bara 2016

Recommended For You