Oromiyaatti jijjiiramaa as barnoota cimsuuf qarshii biliyoona 106 ol baasii ta’eera

  • Barattoota miliyoona 5.7f nyaanni dhiyaachaa jira

Finfinnee: Bara jijjiiramaa 2010 as hojii baruufi barsiisuu naannichaa cimsuuf gumaacha hirmaannaa ummataafi mootummaan taasifameen qarshii biliyoonni 106 ol ta’u baasii ta’uu Biiroon Barnoota Oromiyaa beeksise. Barattoota miliyoona 5.7f  nyaanni dhiyaachaa jiraachuunis ibsameera.

Hogganaan biirichaa Doktar Tolaa Bariisoo gaafdeebii Roobii darbe Gaazexaa Bariisaa wajjin taasisaniin akka jedhanitti, Oromiyaatti bara jijjiiramaa irraa eegalee hojii baruufi barsiisuuf cimsuuf qarshii biliyoonni 106 ol ta’u hojiirra ooleera. Qarshii biliyoonni 100 ol hirmaannaa ummataatiin, biliyoonni jaha mootummaadhaan gumaachame.

Imaammanni barnootaa jijjiirama dura ture ijoolleen kutaa 1ffaa hanga 4ffaatti baratan barreessuufi dubbisuu akka hindandeenye taasiseera. Rakkoo kana hundeerraa furuuf mootummaan naannichaa imaammata barnoota haaraa sagantaa barnoota bu’uura boruu hammate qopheessuun hawaasa waliin ta’uun hojii bal’aan hojjetameera jechuun ibsaniiru.

Hawaasni rakkoo barattootasaa hubachuun hirmaannaa tajaajila lammummaa taasiseen hojiileen misooma barnootaa milkaa’ina qaban  hojjetamaa jiraachuus hoggantichi eeraniiru.

Waggoota jijjiirama darbanitti ummatni tajaajila lammummaatiin manneen barnootaa bu’uura boruu kuma 15fi 58 ijaaruun barattootni miliyoona 1.8 ittibarachaa jiru. Daree barnootaa kuma 34 ijaaruun, kitaabilee barnootaa miliyoona 5 sassaabuun danda’ameera jedhanii, baadiyyaattis manneen jireenyaa barsiisota kuma shan ijaaramuufi nyaata barattoota miliyoona 5.7f dhiyaachaa jiru dabalatee qarshii biliyoona 100 caalu ummataan kan gumaachame ta’uu ibsaniiru.

Haaluma walfakkaatuun manneen bultii addaa torba, manneen barnootaa  ifa boruu 100fi manneen barnootaa  addaa 33 qarshii biliyoona jahaan mootummaadhaan  ijaaramaniiru. Kanneen keessaa manneen barnootaa bultii addaa yuunivarsitii naannawaasaanii jiran waliin walitti hidhatiinsa uumuun raawwatamaa jiru.  Manneen barnootaa kunneen haala qabatamaa naannichaa giddugaleessa godhachuun Najjoo, Baddallee, Amboo, Yaa’aballoo, Nagallee, Dodolaafi Maayaatti ijaaramanii hojiin baruu barsiisuu ittigeggeffamaa jira.

Barnoota, dinagdeefi ijaarsi sirna sabboonummaa Oromoo cimsuuf barbaachisaa ta’uu himanii; kana milkeessuufis barnootni shoora olaana qabaachuu Doktar Tolaan eeraniiru. Kanaafis uwwisi  barnoota lammii hundaa akka qaqqabuuf xiyyeffannaan hojjetamaa jira jedhaniiru.

Bu’uura kanaan yeroo ammaa barattootni miliyoona 11.6 barachaa akka jiraniifi uwwisni barnootaa babal’achuun walqabatee lakkoofsi barsiisotaa dabaluu eeraniiru.

Istaandardii mana barumsaa, dandeettii barsiisotaafi qabxiin barataa gadbu’uun, barattootni hanga kutaa 1ffaa-4ffaatti baratan barreessuufi dubbisuu dadhabuun rakkoo ture. Akkasumas lakkoofsi barataa waggaa waggaan hanga miliyoona 1.4n dabaluufi hanqinnii dhiyeessii meeshaalee barnootaa bu’aa ba’ii hojii barnoota naannichaa keessa darbame ture jechuun himaniru.

Gaafdeebii Doktar Tolaan Gaazexaa Bariisaa wajjin taasisan guutuusaa fuula Mijuurraa argattu.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Ebla 19 Bara 2016

Recommended For You