Misoomni koriidarii Finfinnee dhaloota egeree ilaalcha keessa kan galcheedha

  • Qarshiin biliyoona 2.8 ragga’eera

Finfinnee: Misoomni koriidarii Finfinneetti hojjetamaa jiru dhaloota dhufu ilaalcha keessa kan galcheefi magaalattii fakkeenya badhaadhinaa gochuuf ijaaramaa kan jiru ta’uu Kantiibaan Adaanach Abeebee dubbatan. Manni marichaa qarshii biliyoona 2.8 raggaasiseera.

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee gabaasa raawwii misooma koriidarii guyyoota 45 mana maree magaalattii kaleessa yaa’iisaa idilee 3ffaa bara hojii waggaa 3ffaa adeemsifateef dhiheessaniiru.

Haaluma kanaan misoomni koriidariifi deebisanii misoomsuu dhaloota dhufu yaada keessa galchuun hojjetaman qulqullinaafi si’aayinaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Finfinnee miidhagduufi jiraattotaaf mijooftuu taasisuuf bulchiinsi magaalattii haaluma filannoorratti waadaa galameen bu’uuraalee misoomaa haaraa karoorsee hojjechuufi kanneen dullooman haaressuun halkanii guyyaa hojjechaa jiraachuus eeraniiru.

Bu’uraalee misoomaa waggoota dheeraa lakkoofsisan ammayyeessuuf, haaressuufi fayyadamummaa haqaqabeessa jiraattotaa mirkaneessuuf misoomni koriidarii adeemsifamaa jiraachuu beeksisaniiru.

Hojiin Finfinneen magaalaa  dippilomaasii, Afrikaa, magaalaa muummee Itoophiyaa, buufata dinagdeefi hawaasummaa ta’uushee madaalu hojjetamaa akka jirus dubbataniiru.

Kana keessaa misoomni koriidarii kan eeramuudha jedhanii, misoomichi kooriidariiwwan shananiin, manneen kuma shaniifi 135 kaasuufi bakkicha qulqulleessuun misoomaaf qophii gochuun danda’amuus ibsaniiru.

Hanga ammaatti kanneen misoomichaaf kaafaman harka 80 oliif beenyaa, mana jireenyaafi bakka hojii kennuun keessummeeffamaniiru jedhan.

Kanneen misoomaaf jecha kaafaman mannni jireenyaa fooyya’aa, lafti, beenyaan, bakki hojii, sheedonni, baasii geejjibaafi beenyaan hamilee  kennamuufis eeraniiru.

Kana malees akkaataa qorannoo misooma koriidariitiin kanneen misoomsuu danda’aniif mirgi kennamee akkasumas manneen jireenyaa dhuunfaa kaafaman  hamma mana ijaarratanitti baasiin kiraa manaa danda’amuufii ibsaniiru. Misoomicha halkanii guyyaa hojjechuun baatii sadii keessatti xumuruuf  karoorfamuus dubbataniiru.

Misoomni kooriidaraa kun yeroo ammaa namoota kuma tokkoofi 485f hojii dhaabbataa, namoota kuma 13fi 784f carraa hojii yeroo walumaagala namoota kuma 15fi 269f carraa hojii uumuu Aadde Adaanach beeksisaniiru.

Ijaarsi misooma koriidarii kun oggaa xumuramu carraa hojii amma uumame caalaa harka 51 akka dabalu dubbatanii, hojicha tumsaan, qindoominaafi walhubachuun hatattamaafi qulqullinaan adeemsifamaa waan jiruuf biyya keenyaaf aadaa hojii haaraa uumeera jedhan.

Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad Finfinnee fakkeenya badhaadhinaa gochuuf hojii hojjetamaa jiru kana yaada maddisiisuurraa hamma deeggarsaafi hordoffiitti gumaacha taasisaniifis galateeffataniiru.

Rakkoolee hojicharratti mudataniifi odeeffannoowwan dogoggoraa hatattamaan sirreessuufi hawaasni dhugaa jiru hubatee misoomicha akka deeggaru hojiin hojjetame kan jajamuudha jedhan.

Manni marichaa qarshii biliyoona 2.8 beenyaa kaafamtoota misooma koriidariif ooluufi bajata dabalataa qarshii biiliyoona 21 raggaasiseera.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 19 Bara 2016

Recommended For You