Biiroon Daldalaa Oromiyaa qaala’iinsa gatii ittisuuf qophii taasise

  • Beeyladoota kuma 500 ol gabaaf dhiyeessuuf hojjetamaa jira

Finfinnee: Ayyaana Faasikaa baranaa sababeeffachuun qaala’iinsi gatii omishaalee qonnaafi industirii akka hinmudanneef qophii barbaachisaa taasisuu Biiroon Daldala Oromiyaa ibse.

Biirichatti Daarektarri Gabaa Obbo Galatee Caalaa ibsa kaleessa Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, qaala’iinsi gatii omishaalee qonnaafi industirii akka hinuumamneef biirichi qophii dursaa taasiseera. Hojiin gabaa sanbataa 282 naannicha keessatti hundeeffaman babal’isuu cimee ittifufa

Akka ibsasaaniitti, gabaa ayyaanaa kanatti qaala’iinsi gatii akka hinmudanneef biirichi torbee sadii dura gareewwan ja’a hundeessuun magaalota Oromiyaa hundatti bobbaasuun qaamolee qooda fudhatan hunda waliin marii bal’aan gageeffameera. Hojii qophaa’inaa hanga ammaatti taasifameenis daldaltoota jumlaa, daldaltoota qinxaaboofi yuuniyeenota waliin marii bal’aan adeemsifameera. Marichaanis ejjennoo tokkorra ga’ameera.

Ittaansuudhaan gabaa sanbataa 282 hundeeffamanii tajaajila kennaa jiran babal’isuufi haala omishaaleen qonnaafi industirii  daldaltoota qaqqabee tajaajila kennaa jiran irraa sumuudni gabaa garee bobba’een fudhatamee ilaalamuus daarektarichi eeraniiru. Tajaajila kennamu kanaaf ga’een qooda fudhattootaafi dirqamni maal akka ta’e adda baasuun sirna qabeessa taasisuuf hojii bal’aan hojjetamuus ibsaniiru.

Haaluma kanaan omishi qulqullinaafi baay’ina qabu jiraachuu garichi qulqulleeffachuu eeranii; bu’aa inisheetiivii qonna magaalaarraa lukkuu miliyoona 2 ol, killee miliyoona 10, kuduraafi muduraawwan adda addaa kuntaala kuma  150fi beeyilada qalmaa adda addaa (hoolaa, re’eefi sangaa) waliigalaan kuma 500 gabaaf dhiyeessuuf qophiin taasifameera.

Kana cinatti mootummaan shukkaarri kuntaala kuma 20fi 400 kan dhiyaatu ta’ee mootummaa federaalaatiin daldaltoota daldalli ‘firaankoo vaalutaan’ eeyyamameefiin zayitiin, sukkaarri, daakuun ashuuraan alaa galchanii gatii madaalawaan ummata akka qaqqabuuf waliin hojjechaa jiraachuu himanii; hordoffiifi to’annoon eegalame cimee akka ittifufu ibsaniiru.

Pirezdaantiin Mana Marii Daldaltoota Finfinneefi Naannawaashii Obbo Eliyaas Guyyoo gamasaaniin akka jedhanitti, manni marichaa gabaa ayyaana Faasikaa baranaa sababeeffachuun qaala’iinsa gatii omishaalee ittisuuf qindoominaan hojjechaa jira.

Akka ibsasaaniitti, gatiin omishaalee gabaa ayyaana torbee kanaaf  dhibbantaa 10 hanga 20tti hir’isuuf qaamolee dhimmisaa ilaallatu waliin qindoominaan hojjetamaa jira. Balbalawwan shanan Finfinneen qabdurratti baazaariin daldaltootni omishaalee ittidhiyeessan qophaa’ee hojii eegaleera. Daldala seeraan alaa to’achufis hordoffiifi to’annoon cimee ittifufa.

Magaalaa Shaggar, Kutaa Magaalaa Koyyee Faccee, naannawaa Masqalanyaa jedhamutti bakka baazaariif qophaa’etti kan daldalan Aadde Haannaa Mitikkuu gatiin shunkurtii torbee lama dura ture gad bu’aa jiraachuu himaniiru. Isaan shinkurtii kiiloo tokkoo qarshii 70 osoo gurguraa jiranii Wiixatarraa eegalee shinkurtii kiiloon tokkoo qarshii 60tti gad bu’uu himanii; sababiin gatiin gadi bu’eefis gabaa ayyaanaaf jecha omishni baay’inaan galaa jiraachuu ibsaniiru. Killeennis qarshii sagaliin gurguramaa jira jedhan.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Ebla 19 Bara 2016

Recommended For You