Abjuu qoqqooddotaa tokkummaan maseensuu

Waltajjiin ummataa mootummaa jijjiiramaa deeggaru bakka Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad argamanitti Dilbata darbe Naannoo Itoophiyaa Jiddugaleessaa, Magaalaa Walqixxeetti gaggeeffameera.

Waltajjii Doktar Abiyyi dabalatee hoggantoonni federaalaa, naannoleefi godinaa akkasumas jiraattonni magaalichaa irratti argaman kanarratti ergaawwan addaddaa jijjiiramicha deeggaran darbaniiru.

Ministirri Muummee Abiyyis ergaa, “Itoophiyaa maxxantummaa dinagdee jalaa baasuun fakkeenya bilisummaa, tokkummaafi badhaadhinaa Afrikaa nitaasifna” jedhu dabarsaniiru.

Guraageen hawaasa waadaasaa Goot jedhamuun waa’ee tokkummaafi waloomaa cimsee kan barsiiseefi qabatamaan ittiin jiraateedha jechuunis ibsaniiru.

Diinota Itoophiyaa addaan qooduufi walitti buusuuf guyyaa guyyaan dhama’an hundaaf Itoophiyaanonni humna tokkummaa barachuun biyya badhaate ijoolleessaaf dabarsuun akka hojjetu ergaa dabarsaniiru.

Itoophiyaanonni guutuun nageenya cimsanii barbaadu, waloomaan jiraachuun Itoophiyaa badhaateefi hundaaf mijattu arguuf akka hojjetamus waamicha dhiheessaniiru.

Itoophiyaanonni ibsituu eenyummaa hedduu akka qabnu fudhachuun, garaagarummaan aadaa, afaanii, teessuma naannawaa Itoophiyaa kan bittimsu ta’uu akka hinqabnes ibsaniiru.

Ummanni Guraagee enyummaa addaddaa ofkeessaa qabaatus Guraagummaan tokko ta’ee jiraachuun fakkeenyaafi mallattoo tokkummaa Itoophiyaa ta’ee jiraachuusaa dubbataniiru.

Itoophiyaan yeroo addaddaa bilisummaasheef kan qabsoofteefi kan hinbitamne taatus maxxantummaa dinagdeerraa bahuun bilisummaashee guutuu taasisuuf hojjechuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.

Itoophiyaan yaalii weerartootaa yeroowwan addaddaatti kan qolatteefi biyya gita hinbitamne ta’uushees kaasanii, ta’us bilisummaa dinagdee osoo hinmirkaneessiin turuushee yaadachiisaniiru.

Ummanni Guraagee bu’aan daldalarratti agarsiisan Itoophiyaa maxxantummaa dinagdeerraa baasuuf fakkeenya ta’uu eeranii, Itoophiyaanonni hundi misoomaafi badhaadhinaaf dhaabachuu akka qaban ergaa dabarsaniiru.

Kanaaf kadhaaraa bahuuf, qusannaa gabbisuuf, daldala babal’isuuf tokkummaan tumsuun murteessaa ta’uu eeraniiru.

Yaalii cimaadhaan Itoophiyaa badhaadhinatti olbaasuun fakkeenya bilisummaafi badhaadhinaa Afrikaa taasisuuf cimnee hojjechuu filanneerra kan jedhan Ministirri Muummee Abiyyi, Itoophiyaanonni hundis miira ittigaafatamummaatiin biyya kanaaf akka ka’an waamicha dabarsaniiru.

Tattaafataan ummata Guraagee ejjennoo Itoophiyaan tokkummaashee eegdee nibadhaati jedhu qabatee mootummaa cinaa dhaabachuu akka qabu dhaamaniiru.

Itoophiyaan kan badhaatu yaalii cimaan ta’uus ibsanii, abjuu humnoota biyya qoqqooduufi walitti buusuuf yaalanii fashaleessuufi maseensuuf tokkummaa cimsuun murteessaadha jedhaniiru.

Kutaa Qophiitiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 19 Bara 2016

Recommended For You