Xomboorri Olompikii Oromiyaarraa gara Amaaraatti qajeele

Finfinnee: Oggaa Seenaa Olompikii kaafnu jalqabaaf Peeyeer D.Kubartii yaadanna. D.Kubartiin lammii biyya Faransaay yoo ta’u, taphni olompikii addunyaa maratti baldhinaan akka adeemsifamu yeroo baay’ee hawwaa tureera. Hawwiinsaa kan dhugoome ALA bara 1896 walga’ii (gumii olompikii) magaalaa guddoo Faransaay, Paarisitti adeemsifameeni.

Haaluma kanaan Olompikiin jalqabaa ALA bara 1896 magaalaa guddoo Giriik, Ateensitti akka adeemsifamu Giriik waan gaafatteef korichis akka qopheessitu eeyyameef. Peeyeer D.Kubartiinis gammachuu guddaan itti dhagahameera. Maaliif yoo jedhame Olompikiin kun ummata addunyaa adiifi gurraacha jidduutti obbolummaafi jaalala akka uumu waan amaneefi fiixaan bahiinsasaafis carraaqaa waan tureefi.

Koreen kunis baruma kana taphni Olompikii waggaa afuritti al tokko akka qophaa’u waan murteesseef Giriik olompikii ammayyaa isa jalqabaa kana ALA Hagayya 6 -15 bara 1896 magaalaa Ateensitti qopheessiteetti.

Taphni Olompikii waggoota afur afuriin adeemsifamuufi ummata addunyaa biratti miidhaginasaatiin hawwii olaanaadhaan eegamu dargaggoota addunyaa adiifi gurraacha osoo addaan hinqoodiin miira obbolummaafi jaalalaatiin gaaddisa tokko jalatti walitti qabuun beekama.

Taphni Olompikii ammayyaa ALA bara 1896 Giriik, Ateensitti eegalamuun biyyoota miseensota koree Olompikii biyyoolessaa jidduutti jalqabame kun ammaan tana waggoota 128 lakkoofsiseera. Baranas yeroo 33ffaaf Faransaay, Paarisitti adeemsifamuuf ji’oota muraasatu hafa. Paariis kan baranaa kana dabalatee yeroo sadaffaaf Olompikicha keessummeessusheeti.

Olompikiin kun osoo hinadeemsifamin dura jala bultiisaatti Xomboorrisaa ardiidhaa ardiitti, biyyaa biyyatti, naannoodhaa naannootti ummanni walharkaa fuudhaa tureera, jiras. Itoophiyaanis miseensa korichaa waan taateef xomboorichi naannoorraa naannootti akka ce’u taasisaa jirti.

Haaluma kanaan “Itoophiyaan haafiigduu, fiigdee haa mo’attu” jechuudhaan naannoo Tigraayirraa kan ka’e xomboorri Olompikii kun Naannoo Beenishaangul Gumuz, achii gara naannoo Affaaritti ce’uudhaan Oromiyaatti kan darbe yoo ta’u, Oromiyaan ammoo torbee darbe Naannoo Amaaraatti dabarseera.

Sirni Xombooricha walharkaa fuudhuus Sanbata darbe magaalaa Bishooftuutti kan adeemsifame yoo ta’u, sirnicharratti Ministir De’eetaan Dhimma Alaa Ambaasaaddar Birtukaan Ayyaannoo, pirezidaantiin Koree Olompikii Itoophiyaa Doktar Ashabbir Waldagiyoorgis, pirezidaantiin Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Komishinara gargaartuu Daraartuu Tulluu, Hogganaan Biiroo Dargaggoof Ispoortii Oromiyaa Obbo Maatiyoos Sabbooqaa, bakka bu’aan Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Naannoo Amaaraa Obbo Addunyaa Yigizaawu, miseensonni koree Olompikii Itoophiyaafi jiraattonni magaalaa Bishooftuufi naannawashee argamaniiru.

Ambaasaaddar Birtukaan akka jedhanitti, ispoortiifi dippilomaasiin tokkuma. Lameenuu ergaa ummataafi biyyasaanii qabanii imalu. Walcinaas dhaabachuudhaan biyyasaanii addunyaarratti waamsisu.

Xomboora Olompikii kana walitti dabarsuun keessan tokkummaa ummata keenya jidduu jiru kan cimsu waan ta’eef gammachuu guddaatu natti dhagahama. Kanaafuu dirree Olompikiirratti atileetonni keenyas qabxii boonsaa galmeessisuun meedaaliyaawwaniin akka deebi’anin hawwa jedhan.

Bakka bu’aan Biiroo Dargaggoof Ispoortii Naannoo Amaaraas gamasaaniitiin akka ibsanitti, xombooricha duuba ergaan ummattoota lameenii akka jiru dagatamuu hinqabu. Ummanni Oromiyaafi Amaaraa tokko ta’uudhaan dargaggoota biyya keenyaa dirreewwan ispoortii adda addaarratti waamsisan kan horataniifi horachaas jiraniidha. Kanaafuu xomboorri kun ergaa guddaa qabateeti kan naannolee hunda keessa socho’u.

Naannoon Oromiyaa gooticha Olompikii Abbabaa Biqilaa dabalatee Itoophiyaan dirreewwan ispoortii atileetiksiirratti injifannoon maal akka fakkaatu erga mirkaneessee kaasee hanga ammaatti biyyattiin kabajamtuu ta’uushee muldhiseera.

Naannichi gootota dirreewwan adda addaarratti biyya haadhasaanii waamsisuudhaan beekamtu waan ta’eef dhaloonni har’aas ta’ee kan booda dhufu xombora olompikii qofa walharkaa fuudhuu osoo hin ta’in kan misooma adda addaas walharkaa fuudhuudhaan guddina biyyaaf ga’ee irraa eegamu hojjechuu akka danda’u abdiin qaba jedhan.

Obbo Maatiyoos Sabbooqaa gamasaaniitiin akka ibsanitti, Oromiyaa bara 1960 irraa kaasee burqaa atileetota biyyaafi Afrikaa ta’uudhaan beekama jedhan.

Keesumaa ijifannoo gootonni Olompikii Abbabaa Biqilaafi Maammoo Waldee walitti aansanii maaraatonii Olompikiirratti mo’achuudhaan meedaaliyaa warqii argamsiisaniin biyyatiin galmee Olompikii keessatti maqaanshee warqiidhaan barreeffamee akka taa’u taasisaniiru.

Xomboora Dubartoota Afrikaaf daandii injifannoo Olompikii saaqe kan qabsiiste gootittiin Olompikii Daraartuu Tulluu addunyaa maraa waliin gahuudhaan Itoophiyaan addunyaa maraarratti ifaa jirti. Haaluma kanaan naannoon oromiyaa gootota akka Abbabaafi Daraartuu baayi’inaan horachaa jira.

Xomboora Olompikii, “Itoophiyaan haafiigduu, fiigdee haa mo’attu” jedhu kana naannoo Amaaraatti dabarsinee yoo keeninu gammachuu guddaatu nutti dhagahama. Naannichi kanaan dura atileetota ciccimoo horachuudhaan kan beekamu ta’uusaatti gara fuula duraattis kana caalaa akka horatu abdiin qaba jetteetti.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 14 Bara 2016

Recommended For You