Fiigichi Itoophiyaan haa omishtuu boru adeemsifama

Finfinnee: Fiigichi kiiloo meetira kudhanii Itoophiyaan haa omishtuu yeroo lammaffaaf boru Finfinneetti adeemsifama.

Ministir De’eetaan Minsteera Industirii Obbo Taarraqany Bulultaa ibsa Roobii darbe waajjirasaaniitti gaazexeessitootaaf kennaniin akka jedhanitti, dorgommiin atileetiksii kiiloomeetira 10 kun ka’umsiifi deebiinsaa Adababa’ii Masqalaati.

Ministir De’eetichi akka dubbatanitti, misoomni Ispoortii hawaasa tokko keessatti jaalalaafi walitti dhufeenyi gaariin akka uumamu, aadaan walkabajuu akka cimuufi dagaaguu, akkasumas misoomaafi guddina saffisaa ittifuufiinsa qabu mirkaneessuu keessatti industiriin ga’ee olaanaa taphata.

Sosochiin, “Itoophiyaan haa omishtuu” bara 2014 Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiin jalqabame. Fiigichi Itoophiyaan haa omishtuu kiiloo meetira shaniin bara 2015 Inxooxxootti jalqabame kun barana gara kiiloo meetira 10tti guddachuudhaan akka adeemsifamus eeraniiru. waggaa waggaadhaan ittifufee adeemsifama jedhaniiru.

Fiigicha boruu kanarratti atileetonni Itoophiyaa dirreewwan ispoortii addunyaa adda addaa kanneen akka olompikii, shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa, dorgommii qaxxaamura biyyaafi shaampiyoonaawwanirratti beekaman nihirmaatu.

Akkasumas atileetonni beekamoon kilaboota 21 Magaalaa Finfinnee, naannolee babbahaniifi dhunfaadhaan korniyaawwan lameeniinuu kan hirmaatan ta’uun beekameera.

Fiigicha kanarratti atileetonni tokkoffaadhaa hanga shanaffaa ba’an qarshii kuma 250 hanga qarshii kuma 25tti kan badhaafaman ta’uus Obbo Taarraqanyi ibsaniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 12 Bara 2016

Recommended For You