Fiigichi Itoophiyaan haa omishtuu adeemsifamuufi

Finfinnee: Ispoortiin hawaasa tokko keessatti jaalalaafi walitti dhufeenyi gaariin akka uumamu, aadaan walkabajuu akka baratamuufi dagaagu, akkasumas misoomaafi guddina ariifachisaafi ittifufiinsa qabu mirkaneessuu keessatti ga’ee olaanaa akka taphatu ni amanama.

Itoophiyaan sadarkaa addunyaatti akkuma ispoortiidhaan beekamtu damee misooma industiriitiinis akka dursitu qaamooleen damee kanarratti hirmaachaa jiranis kanuma ibsu.

Hawaasa fayya qabeessa horachuufi horata indastiriinis guddisuu keessatti dameen ispoortii kun shoora olaanaa taphata.

Kanuma hubachuudhaan Warraaqsi Itoophiyaan haa oomishtu jedhu bara 2014 Ministira Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmadiin kan eegalsiifame yoo ta’u Warraaqsi Itoophiyaan haa oomistu jedhu keessaas tokko kan ta’e fiigichi kiilomeetira shanii daandirratti adeesifameera.

Dorgommiin fiigichaa Itoophiyaan haa oomishtu jedhu kiilomeetira shanii bara 2015 Inxoxootti jalqabame kun barana gara kiilomeetira kudhaniitti guddachuudhaan akka adeemsifamu Ministeerri Indastirii ibseera.

Ministeer De’eetaan Ministeera Indastirii Obbo Taarraqany Bulultaa ibsa dheengadda kennaniin dorgommiin atileetiksii kiilomeetira kudhanii kun barana Ebla 13 bara 2016 ka’umsiifi deebiinsaa Doloolloo Buddeenaa ta’uu himu.

Dorgommiin kunis kan addaan citu osoo hinta’iin sadarkaa addunyaatti namoonniifi atileetonni bebbeekamoon durfamuun gaggeeffama jedhaniiru.

Haaluma kanaan atileetonni dorgommicharratti tokkoffaadhaa hanga shanaffaa ba’uun mo’atan badhaasa qarshii olaanaa badhaafamu. Akka ibsasaaniitti tokkoffaa kan bahan badhaasa qarshii kuma 250, lammaffaan kuma 150, sadaffaan kuma 100, afraffaan kuma 50, shanaffaan ammoo kuma 25 badhaafamu jedhaniiru.

Dorgommicharratti atileetonni beekamoo kilaboota adda addaa magaalaa Finfinnee, kanneen naannoleefi dhuunfaa korniyaawwan lamaaniinuu akka hirmaatan beeksisaniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 7 Bara 2016

Recommended For You