Qonnaan bultootni Baalee akka gara makaanaayzeeshiinii qonnaatti ce’aniif; tumsa Yunivarsitii Madda Walaabuu

Godinaalee akka biyyaattis ta’e akka Naannoo Oromiyaatti omisha qamadiitiin maqaa gaarii qaban keessaa tokko kan ta’e Godinni Baalee, biyyattiin gama omisha qamadiitiin fedhii biyya keessaa akka guuttuufi darbitee sadarkaa qamadii gara biyya alaatti erguu irra akka geessuufis godinni Baaleetiifi qonnaan bultootni godinichaa gahee leencaa taphataniiru.

Baale duris lafa garbuufi qamadiin godinicharra darbee biyyattii sooruu danda’u itti omishamu ta’us, waggoota dhihoo as immoo xiyyeeffannoon mootummaan omisha qamadiitiif kenne akkuma jirutti ta’ee qonnaan bultootni godina Baalee paakeejii qonnaa guutuu akka fayyadamaniif Yunvarsiitiin Madda Walaabuu deeggarsa guddaa taasisaafii jiraachuu qonnaan bultootni nidubbatu,

Qonnaan bulaan paakeejiiwwan qonnaa guutuu fayyadamuudhaan omishaafi omishtummaa akka dabaluuf kallattiin gama mootummaatiin taa’eefi waajjirri qonnaa gama ogeeyyota ekisteenshiinii qonnaatiin deeggarsa kennuun qonnaan bultootni bifa harca’aa ta’een gara paakeejii guutuu fayyadamuutti dhufuu eegaluu kan himan qonnaan bulaan Aanaa Sinaanaa Mahaammad Kadiiri. Erga deeggarsiifi hordoffiin yunvarsiitichaa ooyruusaaniirratti eegalee as qonnaan bultoonni hundi fayyadamuu eegaluu dubbatu.

Tanaan dura qonnaan bultootni hedduu yeroo qoricha farra armaa biifaa turanitti qorichichi akka sirritti keessa naa seenu jechuudhaan rooba keessa qoricha farra aramaa biifaa turuus himanii, ta’us qorichi rooba keessa biifamu bu’aa tokkos akka hinqabneefi rooba keessa biifuun akka dhaabbatu taasisuu keessatti ogeeyyotni yunvarsiitichaa deeggarsa gorsaa kennaa turuu ibsu.

Akka yaadasaaniitti; hojiiwwan qonnaa keessatti garri caalu waanuma qonnaan bulaan muuxannoodhaan waggoota dheeraa keessatti horateen kan hojjatamu ta’us, dhimmoota teeknooloojiiwwan haaraa dame qonnaa keessatti dabalamaniifi makaanaayizeeshiinii qonnaatiin walqabatee garuu dhaabbileen qorannoo qonnaa akka Sinaanaafi Yunvarsiitiin Madda Walaabuu deeggarsa guddaa qonnaan bulaaf taasisaa jiru.

Sanyiiwwan haaraa qorannoodhaan argamanii dhaabbilee qorannootiin raabsamanii erga qonnaan bulaa bira gahaniin boodas haala sanyiin haaraa kun ittiin omishamuu danda’uufi amalootasaa irratti hojiin muuxannoo qonnaan bulaadhaaf uumuu kun gamuma dhaabbilee qorannoofi yunvarsiitii kanaatiin kan kennamaniidha.

Hojii guddaan yunivarsiitichi qonnaan bultootaaf kennaa jiru keessaa inni guddaan sanyiiwwan qamadii haaraa qorannoodhaan argaman akka qonnaan bulaan amanee fudhatu gochuudhaaf jalqaba ofiisaaniitiif facaasanii bu’aasaa qabatamaan qonnaan bulatti agarsiisuu yemmuu ta’u, erga qonnaan bulaan bu’aasaa sirritti hubateen booda immoo qonnaan buloota adda dureedhaaf tola raabsuudhaan akka qonnaan biroos walirraa fudhatee fayyadamuuf haala mijataa uumaa jiru.

Yunivarsiitii Madda Walaabuu omishni kilaastaraa godina Baaleetti akka baratamuufi babal’atu taasisuu keessatti shoora olaanaa kan qabu ta’uu kan himan immoo Hogganaan Waajjira Qonnaa Aanaa Gindhiir Obbo Usmaan Umari.

Sababa hojii humneessuu yunvarsiitichi Madda Walaabuutiin yeroo ammaa kana lafa aanichaa keessaa dhibbantaan 80 kilaastaraan omishamaa jiraachuu dubbata.

Kaka’uumsi kilaastaraan facaasuu qonnaan bultoota Aanichaa akka dabaluuf yunvarsiitich jalqaba lafa hektaara 20 ta’urratti kilaastaraan akka faca’uuf tolaan qonnaan bultootaaf kennuu kan himan Obbo Usmaan, sanaan booda muuxannoon kilaastaraan facaasuu bifa dorgommii fakkaatuun babal’achaa jira.

Kilaastaraan facaasuun fayyadama galteewwan qonnaa garaa garaatiifis haala gaarii ta’e kan uumu yemmuu ta’u, sababoota kanneen irraa kan ka’es omishaafi omishtummaa qamadii irratti jijjiiramni dhufuudhaan yeroo ammaa aanichatti hektaaraa hanga kuntaala 45 omishuun danda’amuusaas Obbo Usmaan ni ibsu.

Yeroo ammaatti fedhiin qonnaan bultootni paakeejii qonnaa guutuu fayyadamuuf qaban garmalee dabalaa kan jiru ta’us gama dhiheessiitiin garuu hanqinni jiraachuu kan kaasan hogganaan kun, keessattuu, dhiheessiin xaa’oofi keemikaalota farra aramaatiin walqabatee jiru dafee akka sirratu gaafataniiru.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 23 Bara 2016

Recommended For You