Maaddii Guutuu: Sagantaa yeroo gabaabaa keessatti bu’aa olaanaa argamsiisaa jiru

Sagantaa ‘Maaddii Guutuu’ jiraattonni magaalaafi baadiyyaa dhuunfaadhaanis ta’e gurmaa’anii horsiisa lukkuu, horii aannaniifi kanniisaa akkasumas omisha kuduraaleefi fuduraalee gara garaatti bal’inaan akka hirmaatan taasisuudhaan midhaan nyaataan of danda’uurra darbanii galii dabalataa argachuun yeroo gabaabaa keessatti jiruufi jireenyasaanii akka fooyyeffatan taasisaa jira.

Sagantichi bakkawwan hundatti haala gaariin hojiirra oolaa jiraachuufi iddoowwan gara garaatti mandaroonni omisha dammaa, aannanii, buuphaa, kuduraaleefi fuduraalee hundaa’anii jiraachuu himu Pirezidaantiin Bulchiinsa Naannoo Itoophiyaa Giddugaleessaa Obbo Indaashaawu Xaasawu.

Naannichatti Sagantaa Maaddii Guutuu dhugoomsuuf inisheetiiviiwwan gara garaa hojiirra oolchaa jiraachuu himanii, inisheetiiviiwwan hojiirra oolaa jiran keessaa tokko inisheetiiviin misooma fuduraalee 30/40/30 jedhu isa tokko.

Inisheetiiviin kun qonnaan bulaan tokko bara jalqabaa fuduraalee 30, bara ittaanu fuduraalee 40 waggaa sadaffaatti 30 waggaa sadii keessatti waliigalaan fuduraalee gara garaa 100 qe’eesaa keessaa akka qabaatu kan taasisuudha. Namni tokko waggaa sadii keessatti fuduraalee 100 yoo qabaate waggaa afuriifi shan keessatti omisha ittiin maatiisaa bulchuu danda’u qabaachuu kan danda’u ta’uu himaniiru.

Sadarkaa Ittaanaa Pirezidaantiitti, Qindeessaa Damee Qonnaafi Misooma Baadiyyaafi Hogganaa Biiroo Qonnaa naannichaa Obbo Usmaan Surur akka jedhanitti, hojiilee horsiisi lukkuu, kanniisaa, loowwan aannaniifi omisha kuduraaleefi fuduraalee naannichatti sagantaa ‘Maaddii Guutuu’ jedhuun hojiirra oolaa jiran yeroo gabaabaa keessatti bu’aa olaanaa kennaa jiru.

Sagantaa kanaan ji’oota torba darbanitti cuuciiwwan guyyaa tokkoofi guyyoota 45 miliyoona 4.5 ol raabsuun kan danda’ame ta’uufi hojiin kun dargaggoota waldaadhaan gurmaa’an hedduu hirmaachisuun raawwatamaa jiraachuu eeraniiru.

Naannichatti sagantaa Maaddii Guutuu milkeessuuf inisheetiiviiwwan gara garaa hojiirra oolchaa jiraachuu himanii, horsiisa lukkuun walqabatee inisheetiiviin 5/10/25 jedhu hojiirra oolaa jira. Inisheetiiviin kun maatiin tokko waggaa duraa lukkuuwwan shan, bara ittaanu 10, waggaa sadaffaatti 25 waggaa sadii keessatti waliigalaan lukkuuwwan 40 akka qabaatu kan taasisuudha. Inisheetiiviichaan maatiin hundi akka lukkuu qabaatu taasifama.

Inisheetiiviin kun maatiin tokko buuphaa lukkuuwwan buusan nyaachuurra darbee gurguruun horsiisa lukkuurraa gara re’oota, hoolotaafi loowwan aannanii horsiisuutti akka ce’u taasisuudhaan jiruufi jireenya maatii fooyyessuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu himaniiru.

Akka Obbo Usmaan jedhanitti, sagantaa Maddii Guutuu kanaan hojiin horsiisa kanniisaas bal’inaan adeemsifamaa jira. Inisheetiivii horsiisa kanniisaatiin maatiin tokko yoo xiqqaate gaagura aadaa torbaafi ammayyaa’aa sadii kan qabaatu ta’a.

Maatiin tokko omisha dammaa gaagurawwan kunneen keessaa argatu gurguruudhaan gara gaagurawwan ammayyaa biroo dabalachuu danda’a. Gaagurri ammayyaa tokko qarshii kuma shanii hanga ja’aatti gurguramaa jira. Sagantichaan mandara horsiisa kanniisaa, lukkuufi loowwan aannanii akkasumas fuduraalee gara garaa dargaggoonni gurmaa’an bal’inaan irratti hirmaachaa jiran hedduu qabna.

Omisha fuduraaleetiin walqabatee naannichatti inisheetiivii 30/40/30 jedhamu hojiirra oolchaa jiraachuu himanii, inisheetiivichi maatiin tokko waggaa jalqabaa fuduraalee akka maangoo, appilii, avokaadoo, paappaayyaafi muuzii 30, bara lammaffaatti 40, waggaa sadaffaatti 30 waggaa sadii keessatti fuduraalee gara garaa 100 akka qabaatu kan taasisuudha. Inisheetiivii kanaan walqabatee biqiltuuwwan fuduraalee sanyii fooyya’aa kennaniifi haala qilleensa baddaa, badda dareefi gammoojjiitti omishaman adda bahanii kan qophaa’an ta’uus himaniiru.

Dhaabbileen mootummaafi hawaasummaas biqiltuuwwan fuduraalee gara garaa 100 hanga kuma 10tti fudhatanii akka dhaaban taasifamaa jiraachuu eeranii, dhaabbilee mootummaa kanneen akka mana barnootaa, buufataalee fayyaafi wiirtuu leenjii qonnaan bultootaafi dhaabbileen hawaasummaa kanneen akka masgiidotaafi bataskaanotaa lafa bal’aa waan qabaniif tokko tokkoonsaanii fuduraalee hanga kuma 10tti akka dhaaban taasisuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Akka Obbo Usmaan jedhanitti, biqilaa avokaadoo tokkorraa yoo xiqqaate waggaatti omisha qarshii kuma 20-30 baasutu argama. Masgiidonniifi bataskaanonni fuduraalee kuma 10 dhaabbatanii utuu qabanii ummata gargaaru malee ummatarraa gargaarsa hineeggatan. Aanaa tokko keessa masgiidonniifi bataskaanonni 20 kan jiran yoo ta’eefi fuduraalee kunneen dhaabanii kan qaban yoo ta’e, galii achirraa argataniin namoota harkaqal’eeyyii hedduu gargaaruurra darbanii carraa hojii bal’aa uumuu danda’u.

Sagantaa Maaddii Guutuu milkeessuuf hojiileen naannichatti raawwatamaa jiran wabii nyaataa mirkaneessuu, sirna nyaataa fooyyessuu, galii argamsiisuu, qaala’ina gatii tasgabbeessuufi carraa hojii bal’aa uumuu keessatti shoora olaanaa taphachaa jiraachuu eeranii, hojiin kun galtee indastirii ta’uun omishaalee biyya alaatii galan kan biyya keessaatiin akka bakka bu’an taasisuurratti xiyyeeffachuun raawwatamaa jiraachuus ibsaniiru.

Bara darbe guyyaa tokkotti mooraa Yunivarsitii Walaayittaa Sooddoo keessa biqiltuuwwan avokaadoo kuma 10 dhaabneerra kan jedhan Obbo Usmaan, boodarra yunivarsitichi biqiltuuwwan avokaadoo kuma shan ittidabaluun waggaa tokkotti biqiltuuwwan avokaadoo kuma 15 dhaabeera. Hojii kana yunivarsiitotaafi manneen barnootaa keenya hundatti babal’isuuf hojjechaa jiraachuus himaniiru.

Qonnaan bultoonni lafa xiqqaarratti qonna qindaa’aa adeemsisuudhaan omisha guddaa akka argatan taasisuurratti xiyyeeffannee hojjechaa jirra. Qonnaan bulaan qe’eesaarratti kuduraaleefi fuduraalee gara garaa akka qabaatu akkasumas lukkuu, looniifi kanniisa horsiisuurratti akka hirmaatu taasisaa jirra jedhan.

Hojiin kun yeroo gabaabaa keessatti jiruufi jireenya qonnaan bulaa keenyaa qabatamaan jijjiiraa jira. Maatiiwwan baay’een sagantaa seeftineetiitiin gargaaramaa turan yeroo ammaa gargaarsa jalaa bahanii of danda’anii maatiisaanii bulchaa jiraachuus nidubbatu.

Qonnaan bultoonni naannichaa keessumaa naannawa Simbixxaa jiraatan waggaa lama dura gargaarsa mootummaa naannoofi federaalaatiin jiraachaa turan yeroo ammaa muuzii dabalatee fuduraaleefi kuduraalee gara garaa qe’eesaanii keessa dhaabuun nyaatarra darbanii gurguranii galii argachuun ittifayyadamaa jiru. Inisheetiiviin 30/40/30 jedhu hojiirra oolchuun bu’aa guddaa argamsiisaa jira. Inisheetiivichi qonnaan bulaan wabii nyaataan akka of danda’u taasisuurra darbee galii dabalataa argatee jiruufi jireenyasaa akka fooyyeffatu taasisaa jiraachuus eeraniiru.

Fuduraalee inisheetiivichaan dhaabaman keessaa kan waggaa tokkotti omisha kennuu jalqaban jiraachuu himanii, muuzii qonnaan bultoonni bara 2014 inisheetiivichaan dhaaban yeroo ammaa waggaa guutuu omisha guddaa kennaa jira jedhu. Hojiileen sagantaa Maaddii Guutuu milkeessuuf naannichatti raawwatamaa jiran sadarkaa gaariirra jiraachuus ibsaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 12 Bara 2016

Recommended For You