“Afrikaa bu’uuraalee misoomaatiin walitti hidhuun cimina dinagdeeshiitiif murteessaadha” -Doktar Abiyyi Ahmad

Biyyoota Afrikaa bu’uuraalee misoomaan walittihidhuun dinagdeedhaan akka ciman eeggattummaafi hirkattummaa jalaa akka bahan taasisa. Isa kanaafimmoo furtuun barnoota ammayyaan dhaloota ijaaruudha, dargaggoonni keenya barnoota ammayyaa teknolojiin deeggarameen of gahuun caalatti akka hojjetan hiyyummaa seenaa akka godhan taasisa.

Kanaafis Itoophiyaan xiyyeeffannoo kennitee hojjetaa jirti kan jedhan Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad waggoota shanan darbanitti manneen barnootaa oolmaa daa’immanii, sadarkaa 1ffaafi giddugaleessaa kuma 30 ol ijaarsisteetti.

Dhaloonni barate rakkoof furmaata uuma, rakkoon Afrikaa dinagdeen duubatti harkifachuudha isa kanaafimmoo falli jiru barnoota ammayyaa teknolojiin deeggarame waliin gahuudha.

Afrikaanonni yeroo dheeraaf koloneeffattootaan saamamaa qorqalbiinshii jaamfamaa turaniiru. Sun amma hafeera ardii Afrikaa tokkoomte ijaaruun dinagdeedhaan walittihidhuun barbachisaadha.

Keessumattuu hariiroon keenya daandiin, buufata xiyyaaraan, buufata dooniin ujummoo daddabarsa boba’aatiin walitti hidhaminsa uumuun dirqamadha kan jedhan Doktar Abiyyi, imala Paan Afrikaanizimii cimsuun hiyyuma seenaa gochuu keessatti bakka olaanaa kan qabudha.

Inni biraan daldala bilisaa babal’isuu wajjin kan walqabatu yoo ta’u oomishalee keenya haalaan itti fayyadamuun addunyaarratti dorgomaa akka taanu nugargaara.

Ardiin Afrikaa qabeenya uumamaan kan badhaatedha, qilleensa mijataa qabdi, haalli teessuma lafashee qonnaafis ta’e jireenyaaf mijattuudha. Haata’uutii qabeenya uumamaan badhaane kana maallaqatti jijjiiruurratti hojiin hojjetame gadaanaadha.

Kunimmoo umriin hiyyummaa akka nurratti dheeratu godheera jedhanii amma dammaqnee qabeenya uumamaa keenyatti fayyadamnee dinagdeen humnaahuun barbaachisaadha.

Albuudaaleen gati jabeessi hammaaramee hindhumne guuteera, isa kana maallaqatti jijjiiruu qabna, dhaloota hiyyummaa keessaa baasuu qabna. Yoo kun hintaane dhidhima hiyyumaa keessaa bahuun hindanda’amu.

Misooma albuudaalee taasisnu keessatti daldala bilisaa waloo keenyaa babal’isuurratti hojjechuu malla kunimmoo imalli dinagdeen of humneessuufi ardii Afrikaa tokkoomsuu akka dhugoomu taasisa.

Kun akka dhugoomuuf nageenya waaraa keenya mirkaneessuun faladha, nageenyi waaraa keenyammoo qawween osoo hintaane ilaaf ilaameen kan furamudha.

Rakkoo nageenyaan wal dhiibaa dinagdee cimate ijaaruun hindanda’amu kan jedhan Doktar Abiyyi, nagaafi tasgabbiif dursa kennuun fala dursa argachuu maludha.

Ittifayyadamni teknolojii keenyaa fooyya’uu mala. Keessumaaa hojiilee kalaqaa gara garaan of cimsaa deemuun qonna keenya deeggaraa deemuu qabna. Dinagdeen keenya qormaata keessa galaa jira isa kanaaf sababa kan ta’emmoo jijjiirama haala qilleensaa nu mudachaa jirudha.

Hamma danda’ameetti rakkoo jijjiirama qilleensaan mudachaa jiru maqsuuf hojiin ashaaraa magariisaa eegalame akka Afrikaatti cimuu qabaata. Kun yoo hintaane Afrikaa tokkoomte jechuunis dinagdeen, bu’uuraalee misoomaafi teknoloojiin fagaatte ijaaruun hindanda’amu jechuudha.

Kana cinatti lafti keenya lafa omishaawaadha, gabbataadhas. Haalaan ittifayyadamne jennaan omishaafi omishtummaan keenya dachaan akka dabalu taasisa kanaaf toorri xiyyeeffannoo keenya nagaa buusuu, barnoota ammayyaa saayinsiifi teknoloojiin wal hidhe ijaaruu, misooma saffisiisuufi biyya badhaate ijaaruudha.

Gama kanaan damee qonnaa keenyarratti xiyyeeffannoo laannee hojjechuun barbaachisaadha akka fakkeenyaatti omisha qamadiifi ruuzii eegalamerraa bu’aan argamaa jiru keessumattuu Itoophiyaa keessatti galmaahaa kan jiru waan gaariidha.

Lakkoofsi namaa yeroorraa yerootti dabalaa jira. Namoonni barachuu qabu, fayyaansaniis eegamu qaba. Akka raagni biyyoota guddatanii eerutti bara 2050tti lakkoofsi ummata Afrikaa biliyoona 2.5 gaha.

Kanaaf faayinaansii hiixataa diriirsuu qabna, qonna keenya ammayyeessuu qabna, dinagdee dijitaalaa keenya babal’isuun dirqama.

Kun hamma hintaanetti Afrikaa dinagdeen ceessisuun hinyaadamu jedhanii keessumattuu imala milkaa’inaa bara 2063 qabatamee ka’e galmaan gahuuf humna guutuun hojjechuudha.

Addunyaan nudursaa jirti kanaafuu ittiin dorgomuu qabna, kan nudorgomsiisuufi imala keenya milkeessummoo qabeenya uumamaa keenya haalaan itti fayyadamuufi badhaadhina gama maraan yaadame dhugoomsuudha.

Dhangala’insi daataa keenyaa kan daangaa ce’e ta’uu qaba, kunis ijaarsa bu’uuraalee misoomaa biyyoota Afrikaa kallattii gara garaan walitti hidhuufi daldala bilisaa jajjbeessu kanneen akka daandii, daandii baaburaa, dooniin, xiyyaaraan hariiroo waloo cimsuun walijaaraa walhumneessaa deemuun barbaachisaadha.

Akka ibsasaaaniitti ajandaan ardii Afrikaa 2063 kan milkaahu hariiroon biyyoota Afrikaa gidduu jiru gama hawaas dinagdeen yoo hidhata uume, itti fayyadamni teknoloojii dijitalaa yoo babal’atedha.

Qormaatileen uumamaafi namtolcheen walqabatee dinagdeen keenya qoramuu danda’a. Kanaafis haalduree ittisaarratti hojjechuun barbaaachisaadha. Misooma ashaaraa magariisaa babal’isuunis murteessaadha.

Itoophiyaan gama kanaan hojjechaa jirti rakkoo faalama qilleensan nu mudachaa ture hamma tokko hir’isneerra jalqabbiin kun cimaa deemuu qaba yoo kun hintaane falli jijjiiramaa hinjiru.

Lakkoofsi namaa dabalaa deemaa jira, kan dhalatu hundi dinagdee barbaada kanaaf itti fayyadama qabeenya uumamaa keenyaafi qonna keenyaa ammayyeessuun lakkofsa uummataa baay’ataa deemu kana qabeenyatti jijjiiruu qabna.

Afrikaan qabeenya uumamaan kan badhaate, madda dhala namaafi qaroominaanis kan maqaa qabdudha, beekamtiishii kanammoo hojjennee qabeenyaafi badhadhinatti jijjiiruu qabna yoo kun hintaane addunyaa teknoloojii dijitaalaan fagaachaa jirtu dorgomuun hindanda’amu.

Walumaagalatti ardii Afrikaa qabeenya uumamaan badhatuu taate kana falama qilleensaarraa ittisuun teknoloojii ammayyaafi dijitaalaa babal’isuun ardii caaltee argamtu, kan hiyyumni seenaa itti ta’u gochuuf waltaanee hojjechuun barbaachisaadha.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 16 Bara 2016

Recommended For You