“Maallaqni baankii taa’us qarshii tiriliyoona 1.2 qaqqabeera” – Ministira Muummee Abiyyi Ahmad (PhD)

Ministirri Muummee Mootummaa RFDI, Doktar Abiyyi Ahmad Kibxata darbe gaaffiilee adda addaa miseensota Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataarraa isaaniif dhiyaataniif deebiifi ibsa bal’aa kennaniiru. nutis deebiifi ibsa isaan dhimmoota dinagdeedhaan walqabsiisuun kennan keessaa kanneen qabxiilee ijoodha jennee yaadne akka armaan gadiitti qindeessinee dhiyeessineerra.

Qaala’iinsa gatii

Qaala’insa gatii tasgabbeessuuf mootummaan qormaatilee garagaraa keessatti hojii jajjabeessaa hojjateera. Qaala’iinsi gatii akkuma addunyaattiyyuu dhimma yaaddoo ta’eedha. Itoophiyaan qormaatilee gara garaa dandamachuun biyya guddina saffisaa galmeessaa jiran keessa tokko jedhan.

Qaala’insa gatii tasgabbeessuuf hojiiwwan garagaraa hojjatamaniiru. Kanneen keessaa omisha dabaluun isa jalqabaati.

Omisha qamadiifi ruuziin hojii boonsaan hojjatameera. Doolaara miiliyoona 700-800 baasuun qamadii alaa galchuun seenaa ta’eera.

Omisha alaa galu kan biyyaa keessaatiin bakka buusuufi sosochii Itoophiyaan haa omishtu jedhuun dhiyeessii omishaa dabaluuf hojiin hojjatame bu’aa qabeessadha. Qaala’iinsi Itoophiyaas harka 35 irraa gara 28tti gadii bu’eera. Itoophiyaan biyyoota addunyaa guddina saffisaa galmeessisaa jiran keessaa tokko. Itoophiyaan baranas guddina harka 7.9 ni galmeessisti jedhamee eegama.

Ongee

Mootummaan ongee mudate ittisuuf qarshii biliyoona 14 baasee deeggarsa namoomaa gochaa jira. Ongeen mudate lubbuu namaarratti miidhaa akka hinqaqqabsiifneef mootummaan bajata projektootaaf qabate gara kanatti naannessuun kan hojjetu ta’a.

Idaa

Injifannoowwan mootummaan jijjiiramaa ittiin boonu keessaa tokko hir’isa dhiibbaa idaati. Waggoota shanan darbanitti mootummaan liqii komeeshaalii akaakuu kamuu hinfudhanne. Faallaasaatiin bara 2011 hanga 2015tti Itoophiyaan idaa doolaara biliyoona 9.9 kanfaluu dandeesseetti.

Waggoota shan dura kuufamni Omisha Waliigalaa Biyyaalessaa (GDP) keessaa idaan alaa harka 32 ture. Kana gara dhibbantaa 17ti gadibuusuun danda’ameera. Fedhiin keenya ijoon 10 gadi gochuudha. Gama kanaan odeeffannoon Itoophiyaan boondii Yuuroo kanfaluu hindandeenye jedhamee hafarfamu dhugaarraa kan fagaateedha.

Carraa hojii invastimantii

Ji’oota jahan darbanitti lammiilee miliyoona tokkoof carraan hojii banameera. Lammiileen kuma 150 ta’aniif ammoo carraan hojii biyya alaa mijaa’eera. Gama invastimantiitiinis doolaara biliyoona 1.5 hawwachuun danda’ameera.

Galii biyya keessaa

Ji’oota jahan darbanitti sadarkaa biyyaatti galii qarshii biliyoona 265 sassaabuun danda’ameera. Kunis karoora keessaa raawwii harka 98 qaba. Garuu omisha waliigalaa Itoophiyaan qabdu wajjin walbira qabamee yoo ilaalame galii hanga maluuf sassaabaa hinjirtu. Yeroo ittaanutti sirna sassaabbii galii keenyaa ammayyeessuudhaan galii fooyya’aa walitti qabuu qabna.

Guddina biyyaalessaa ilaalchisee

Itoophiyaan biyyoota addunyaa guddina si’aayaa galmeessisaa jiran keessaa tokko. Barana guddina dhibbantaa 7.9tu eegama. Keessumaa damee qonnaatiin hojii daran bu’aaqabeessa ta’e raawwatameera. Fooyyessiiwwan imaammata fiisikaalaafi moonitariingiirratti taasifamanis jijjiirama olaanaa galmeessisaa jiru.

Dhiyeessii liqii

Ji’oota ja’an darbanitti liqiin qarshii biliyoona 170 olii kennameera. Kana keessaa sektara dhuunfaaf kan kenname %83. Maallaqni baankii taa’us qarshii tiriliyoona 1.2 qaqqabeera. Kunis cabiinsa damicharra jiru kan fureedha.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 2 Bara 2016

Recommended For You