Hojiilee misoomaafi omisha qamadii bonaa Godina Shawaa Kibba Lixaatti adeemsifamaa jiran keessaa

Godinni Shawaa Kibba Lixaa godinaalee Oromiyaa 21 keessaa tokko yoo ta’u, godinichi aanaalee 12, gandoota 316fi baay’ina ummataa miliyoona 1.5 qaba. Waliso magaalaa guddoo godinichaa yoo taatu, Finfinneerraa kiilomeetira 114 fagaattee argamti.

Ittigaafatamaan waajjira bulchiinsa godinichaa Obbo Tolasaa Tarrafaa gaafdeebii dhiyeenya kana garee gaazexeessitoota Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, godinichatti hojiileen misoomaafi nageenya mirkaneessuu haala gaariidhaan adeemsifamaa jiru.

Rakkoo nageenyaa darbee darbee godinichatti mul’atu furuuf hoggantoonniifi hawaasni qaamolee nageenyaa waliin ta’uun hojjechaa waan jiraniif hojiileen misooma aanaalee godinichaa hundatti haala gaariin adeemsifamaa jiru. Godinichatti hojiileen misoomaa sababa rakkoo nageenyaatiin addaan citanis kan hinjirre ta’uu himaniiru.

Barana hojiin ijaarsa pirojektota misoomaa 235 godinichatti raawwatamaa jiraachuu himanii, gamoon waajjira bulchiinsa godinichaa abbaa darbii shanii qarshii miliyoona 307n ijaarsisaa eegale pirojektoota godinichatti ijaaramaa jiran keessaa isa tokko ta’uu , hojiin ijaarsa pirojektootaa bara darberraa baranatti ce’an jiraachuufi kan bara dhufutti ce’anis kan jiran ta’uu himaniiru.

Manneen barnootaa oolmaa daa’immanii hanga sadarkaa 2ffaatti jiran 450 ol godinicha keessa jiraachuu himanii, manneen barnootaa kunneen yeroo ammaa barattootta kuma 309 simatanii barsiisaa jiru. Hojiin qulqullina barnootaa mirkaneessuus kallattii taa’e hordofee raawwatamaa jiraachuus eeraniiru.

Barattoota magaalaafi baadiyyaa walfakkeessuuf manni barumsaa bu’uura borii manneen barnootaa hunda keessatti ijaaramaniiru kan jedhan Obbo Tolasaan, kun barattoonni magaalaas ta’e baadiyyaa qubeefi lakkoofsa baratanii kutaa 1ffaa akka seenan taasiseera. Manneen barnootaa bu’uura borii baadiyyaatti ijaaramuun barattoonni baadiyyaas waggaa afurriraa kaasanii carraa barnootaa akka argatan taasiseera jedhu.

Bara darbe manneen barnootaa bu’uura boruu 221 godinichatti kan ijaaraman ta’uu himanii, barana ammoo manneen barnootaa bu’uura boruu 90 ijaaruuf karoorfamee hojjetamaa jira. Kanneen keessaa hanga ammaatti 85 ijaaramanii xumuramanii tajaajila kennuu jalqabuus eeraniiru.

Manneen barnootaa Ifa Boruu sadii godinicha keessa jiraachuu kan himan Obbo Tolasaan, barsiisonni mana barumsichaatti mindeeffamaniifi barattoonni mana barumsichaatti baratan dorgomiidhaan waan ta’eef manneen barnootaa Ifa Boruu sadan manneen barnootaa idileerra fooyya’oo ta’uus himaniiru.

Godinichatti hojiin misooma qamadii bonee bal’inaan adeemsifamaa jiraachuus himanii, hojiin kun aanaalee godinichaa hunda ykn 12n keessatti adeemsifamaa jiraachuufi Aanaa Sabbataa Hawaasiifi Iluutti ammoo bal’inaafi kilaastaraan kan omishame ta’uu himu.

Hojiin Ijaarsa Pirojektii Ikoo Turizimii Wancii-Dandii boqonnaa duraa xumuramee dhiyeenya kana bakka Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad argamanitti eebbifames ummata godinichaafis ta’e naannawa harichaa jiraatu bu’uuraalee misoomaa kanneen akka daandii, ibsaa, elektirikiifi mana barumsaa akka argatu taasiseera jedhu.

Qonnaan bultoota sababa ijaarsa pirojektichaatiin qe’eesaaniirraa ka’aniif manneen jireenyaa sadarkaasaanii eggatan qarshii miliyoona 150n naannawa harichaatti ijaaramanii meeshaalee manaa guutuu waliin qonnaan bultoota 13f kennameera kan jedhan Obbo Tolasaan, pirojektichi yeroo ammaa dargaggoota godinichaa 839f carraa hojii uumuu ibsaniiru.

Bulchiinsi godinichaa ammoo qarshii miliyoona tokkoo oliin biskileettota 30 bitee dargaggoota gurmaa’an 36f kennuudhaan turistoota gara Haroo Wancii dhufanitti kireessanii galii akka argatan taasiseera jedhu.

Akka godinichaatti ammoo barana dargaggoota kuma 73fi 964f carraa hojii uumuuf karoorfatanii hojjechaa jiraachuu himanii, kana keessaa hanga Amajjii 30 bara 2016tti dargagoota kuma 44fi 535f carraa hojii uumuun danda’ameera jedhu.

Hojiin ijaarsi pirojektii daandii Walisoo- Amboo erga jalqabamee waggoota sagal ta’uufi hanga ammaatti xumuramuu dhabuun hawaasa biratti komii guddaa uumuu himanii, hojiin ijaarsa daandii mootummaa federaalaatiin eegalame kun qaama pirojektii Ikoo Turizimii Haroo Wancii- Dandii ta’ee yeroo gabaabaa keessatti akka xumuramuuf Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiifi Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Doktar Abrahaam Balaayiin akka hojjetamuuf kallattiin taa’uu himaniiru.

Ittigaafatamaa Ittaanaa Waajjira Qonnaa Godina Shawaa Kibba Lixaa Obbo Lataa Hurrumaa akka jedhanitti, godinichatti barana lafa hektaara kuma 105fi 402 omisha qamadii bonaatiin uwwisuun callaa qamadii kuntaala miliyoona 5.1 argachuuf karoorfamee hojjetamaa jira. Hojin qonna qamadii bonaa kun keessumaa aanaalee Sabbataa Hawaasiifi Iluu keessatti bal’inaan kan adeemsifame ta’uu eeraniiru.

Hojiin jalqabsiisa facaasaa qamadii bona baranaa bakka Pirezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obba Shimallis Abdiisaa argamanitti ifatti kan jalqabame ta’uu himanii, hojiin misooma qamadii bonaa godinichatti erga jalqabee waggaa sadii ta’uufi yeroo ammaa keessumaa aanaalee godinichaa keessaa aanaalee Sabbataa Hawaasiifi Iluutti daran babal’atee kilaastaraan omishamaa jiraachuu eeru.

Irrajireessi lafa godinichaa diriiraafi qonna qamadii boneef mijataa ta’uu kan himan Obbo Lataan, bakka lageen hinjirrettis bishaan lafa jalaa baasanii omisha qamadii bonaa adeemsisaa jiraachuu eeraniiru.

Aanaa Sabbataa Hawaasitti omishni qamadii bonaa jiga Laga Awaashitti fayyadamuun adeemsifamaa turuu himanii, barana deggersa mootummaan naannichaa taasiseefiin boolla bishaanii xixiqqaa 180fi boolla bishaanii guguddaa sagal baasuun omishni qamadii bonaa bal’inaan adeemsifamaa jira jedhan. Aanaa Iluuttis boolliwwan bishaanii guguddaan sadii bahee hojiin misooma qamadii bonaa bal’inaan adeemsifamaa jiraachuu dubbataniiru.

“Hojii misooma qamadii bonaa baranaa milkeessuuf Biiroon Qonna Oromiyaa deggersa humna namaafi meeshaalee nuu taasisaa jira” kan jedhan Obbo Lataan, hanqina bishaaniirraa kan ka’e omisha qamadii bonaa kana aanaalee godinichaa hunda keessatti bifa walfakkaatuun adeemsisuu kan hindandeenye ta’uus dubbataniiru.

Hanqinni dhiyeessa xaa’oofi sanyii filatamaa qamadii bonaarratti bara darbe mudatee ture barana furamuu himanii, lafti omisha qamadii bona baranaa irrajireessi tiraakteraan qotamee kan faca’e ta’uus ibsaniiru.

Obbo Addunyaa Galataafi Obbo Malkaa Aboo Aanaa Sabbataa Hawaasitti, qonnaan bultoota Ganda Boondeeti. Obbo Addunyaan akka jedhanitti, barana yeroo jalqabaatiif qamadii bonaa kan facaasan. Sanyii qamadiifi xaa’oo deggersa mootummaan taasiseefiin argatan.

Omisha qamadii bonaa kana bishaan lafa jalaa mootummaan baaseef fayyadamuun kan omishan ta’uufi utuu omishni qamadii bonaa kun dursee faca’eera ta’ee laficharra midhaan biraa facaasuu akka danda’an dubbatu. Lafa kana waqtii gannaa lagni Awaash dhangala’ee waan irra ciisuuf ganna omishuu kan hindandeenye ta’uus ni eeru.

Omisha qamadii bonaa barana kan jalqaban ta’uufi lafa hektaara tokkorraa callaa qamadii hanga kuntaala 30tti eegna kan jedhan Obbo Malkaan, lagni Awaash waqtii gannaa lafasaaniirra kan ciisu ta’uufi fulbaanarraa jalqabee lafti qooraa waan deemuuf bara dhufu lafasaanii waggaatti yeroo lama omishuuf dursanii gara hojiitti galuuf qophii ta’uu dubbatu.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 2 Bara 2016

Recommended For You