Bariisaan kaleessa, Guraandhala 1 bara 2016 waggaa 47 qabate guddina afaaniifi ogbarruu Oromoo keessatti maal gumaache?

Miidiyaalee guddina Afaan Oromoo keessatti shoora olaanaa gumaachan jidduudhaa adda durummaan kan eeramu Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatiin torbanitti al tokko guyyaa Sanbataa kan maxxanfamu Gaazexaa Bariisaati.

Gaazexaan Bariisaa sadarkaa mootummaa Federaalaatti Afaan Oromootiin qophaa’uun qofagaleessa yoo ta’u, gaazexichi bara 1969 irraa eegalee waggoota 47n darbaniif madda odeeffannoofi bu’uura guddina Afaan Oromoo ta’ee tajaajilaa jira.

Bariisaan kan hundeeffame sirni Fiwudaalaa Hayilasillaasee kufee erga Dargiin dhaabbatee waggaa tokko booda ALA Fulbaana 11, 1975tti. Gaazexaa Bariisaa kan hundeesse, kanarraas ka’ee Abbaa Bariisaa jedhamuun kan beekamu, Pirofeesar Mahdii Haamid Muudeeti .

Namoota isaan wajjin hirmaachaa turan keessaas muraasni Jaal Leencoo Lataa, Lammeessaa Boruu, Pirofeesar Kuwee Kumsaa (haadha warraa Jaal Leencoo Lataa) Ibraahim Hajii Aliifi Immiruu Angooseefaan ni eeramu.

Bariisaan jalqabarratti hanga habbaa (koppii) kuma 20 maxxanfamee raabsamaa ture. Maallaqni gaazexaan kun ittiin maxxanfamu namoota dhuunfaarraa kan walittiqabamu ture. Guraandhala 1 bara 1969 mootummaa Dargiitiin dhaalame.

Bara 1965 oggaa sagantaan siyaasaa wixinametti qaamni qabsoo qindeessu ‘Koree Qindeessituu Waaltaa’ jedhamu hundaa’ee ture. Miseensota korichaatti dirqama adda addaatu kenname. Koree dhaabbate keessaa tokko ‘Koreen Aadaafi Hawaasummaati. Koree kana kan hogganaa ture Obbo Leencoo Lataati.

Korichi hanga korri sabaa tokkoffaan bara 1969 taa’amutti hojiilee jajjaboo lama raawwachuun milkaa’eera. Milkaa’inni duraa naannawawwan Oromiyaa hundarraa hawwisoo walitti fiduun agarsiisa aadaa tokko Galma Biheeraawwii Tiyaatiritti geggeesse.

Agarsiisni aadaa kun maqaasaatu aadaadha malee kaayyoonsaa guddaan Oromoo bakkawwan hundaa walitti fiduun,

walbarsiisuu, eenyummaa, seenaa, aadaafi afaansaa tokko akka ta’eefi akka saba tokkootti akka waliif yaadaniifi quuqaman taasisuufi sabaan tokkicha, hiree tokkichaafi biyya tokkicha akka qabu hubachiisuuf ture.

Milkaa’inni lammaffaan Afaaniifi Aadaa Oromoo guddisuuf seera mootummaa jalatti Gaazexaa Afaan Oromoo tokko jalqabuuf ture. Dargiin yeroo sana ‘Warraaqsa Dimokraasii Haarawaa’ hordofna jedhee waan tureef sanatti dhimma bahuun Gaazexaan ‘Bariisaa’ jedhamu maxxanfamuu jalqabe.

Jaal Leencoofi haati warraasaanii, Kuwee Kumsaa Gaazexaa Bariisaa Afaan Oromoon yeroo jalqabaatiif maxxanfame qonnaan bultoota mootummaan Dargii guutummaa biyyattiirraa walitti fidee Yunivarsitii Finfinnee qubsiisee kaayyoofi akeeka mootummaasaa barsiisaa tureef tola hiran.

Qonnaan bultoonnis Gaazexaa Bariisaa Afaan Oromootiin yeroo jalqabaatiif barreeffame qabatanii gara naannawaa irraa dhufaniitti fudhatanii galan. Oduun gaazexichaas biyya guutuu walga’e. Gaazexaa Oromootu dhalate jedhanii namoonni hedduun haasa’uu jalqaban jedhu maddeen adda addaa waa’ee Gaazexaa Bariisaa illaalchisuun qophaa’an.

Walumaagalatti, miidiyaa Oromoo hangafa kan tahe Gaazexaan Bariisaa guyyaa hundaa’erraa kaasee hanga bara 1986, ji’a Muddeetti qubee Saabaatiin maxxanfamee ummata bira gahaa ture. Sana booda qubee Afaan Oromootiif daran mijataa ta’etti fayyadamuun sadarkaa mootummaa federaalaaatti maxxanfamaa jira.

Nuti erga hangana jennee yaada namoonni adda addaa gumaacha Gaazexaa Bariisaa keessumaa gama guddina Afaaniifi Ogbarruu Oromoo ilaalchisuun yaadni hayyuun tokko kanaan dura gaazexichumaaf kennan akka ittaanutti dhiyaateera.

“Akkan ilaalutti Bariisaan akkuma biyyaattuu gaazexaa dhuunfaa ta’uuni kan maxxanfamuu eegale. Akka Oromootti ammoo gaazexaa hangafa ta’uusaatiin daran jaalatamaa ture. Namoonni gaazexaa kana qopheessan namoota bakkawwan adda addaatii walitti dhufaniidha

 

Kanaanis Afaan Oromoo tokko ta’uusaa ittiin agarsiifamaa ture. Loqoda iddoowwan adda addaatti fayyadamuun, namoota walbarsiisuudhaan, walittifiduudhaan, aadaafi jecha bakka tokkotti beekamu warra kaanitti agarsiisuudhaan, akka afaan waalta’aa dubbachuu dandeenyuuf gaazexichi daran nu gargaareera.

Gaazexeessitoonni jalqabarraa eegalanii kutaa qophii Gaazexaa Bariisaa keessa turaniifi jiran beekumsa qofa otoo hintaane kanneen quuqama guddaa qaban waan ta’aniif guddina afaaniifi ogbarruutiif waan guddaa gumaachaniiru.

Gaazexaan kun barreeffamuunsaa Afaan Oromoo kallattii afranitti dubbatamu kunis jira, akkanatti dubbatama jechuun guddicha afaaniifi ogbarruu Oromoo keessatti gumaacheera.

Keessumaa gama guddina ogbarruutiin asoosamaafi walaloofaa dhiyeessuun waan guddaa gumaacheera. Ummanni bara gaazexaan sun jalqabe keessa ture ilaaluu qofaan seenaa, ilaalchaafi fedhii ummata keenyaa Gaazexaa Bariisaarraa hubachuun nidanda’ama; waantonni bara baraan deemaa turan waan jiraniif.

Gaazexaan kun Afaan Oromoo jechoota akka cirrachaa baay’ataniin badhaadhe fayyadamuun waan katabuuf ummatoota walittifiduudhaan, akka jechoonni dagatamanii hinbadneef ittifayyadamuufi barsiisuun gumaacheera.

Kana maleesa gaazexichi jechoonni haaraan warraaqsaafi yeroo wajjin deeman oggaa dhufan dafee fudhatee ittifayyadamuun hariiroo hawaasummaafi dinadgee keessatti qoodasaa bahateera.

Afaan Oromoo dafee teknolojii wajjin akka walbaru gochuu keessattis Bariisaan shoorasaa gumaacheera. Kaan hayyoota wajjin moggaasaafi haaraa uumaati guddina afaaniifi ogbarruu sabichaa keessatti qoodasaa bahataa kan tureefi jiru. Gaazexichi jechoonni kamtu maaliif akka oolan barsiisuu keessatti iddoo guddaa qaba. Kanaanis akka guuboo jechootaatti tajaajilaati kan tureefi jiru.

Haalli ijaarsa himaa gaazexichi ittifayyadamaa tureefi jirus guddina Afaan Oromoo keessatti waan guddaa gumaacheera. Namoonni sirna Amaariffaatiin barreessanis turaniiru. Gaazexaan kun deemsa keessa Afaan Oromoo akkuma uumamasaatti akka deemu gochuu keessatti waan guddaa gumaacheera. Caasaa mataasaatiin deemuu akka danda’us Bariisaan sirriitti hojjeteera.

Yeroo barnoonni biyya kanatti babal’atu, yeroo Afaan Oromoo barnootaaf oole keessatti madda (riifaransii) guddaa ta’uun tajaajileera. Kanas ijoolleen afaanichaan baratan Bariisaan akkanatti barreessa jechuun fayyadamaa turan. Waan akkanaa Bariisaarratti agarre jedhanii oggaa ibsan nin dhaga’a. Kunis gumaacha gaazexichaa keessaa isa tokko.

Gaazexaan Bariisaa Afaan Oromoo afaanota kuun wajjin qixa ta’uu mirkaneessuu keessattis qooda olaanaa bahateera. Afaanichi miidhagaa, kan barreeffamaaf tolu ta’uunsaa ifatti akka mul’atu gochuu keessati shoorrisaa guddaadha.

Bariisaan yaada kamuu baatee deemuu, ibsuufi tursiisuu kan danda’u ta’uu qabatamaan mirkaneesseera. Gaazexichi hunda caalaa ummata keenya kallattiilee afranitti argamu walittifideera. Afaansaas walbarsiiseera. Seenaan, aadaafi dhuudhaansaa akka mul’atuu, gabbatu hojjeteera.

Siyaasa keessattis ummanni eenyummaasaatiin, afaansaatiin, aadaafi duudhaasaatiin akka boonu, kan akkanaan qaba jedhee mataa olqabatee akka mul’atu gochuu keessatti waan guddaa gumaacheera.

Gaazexaa mootummaa federaalaa waan ta’eef sochii akka biyyaatti taasifamu akka Oromoon afaansaatiin hubatu, haala jireenyaa naannawawwan biroo, aadaafi duudhaalee sabootaafi sablammoota kaanii afaanumasaatiin akka baru, kansaas akka barsiisu gochuu keessattis qoodasaa bahataa tureera, jiras.

Kana malees haala qabatamaa addunyaa, imaammatawwaniifi karoorawwan mootummaa ummata biraan gahuu keessatti gumaacheera. Gaazexaan kun kan Mootummaa Federaalaa ta’uun gaarii ta’ee garuu habbaan maxxansasaafi haalli raabsaasaa waan sirrii hintaaneef ummata bira qaqqabaa hinjiru malee gama qabiyyeessaatiin miidhagaafi cimaadha yaada jedhun qaba.

Hanqinni guddaan gaazexaa kanaa haala baay’inaafi fedhii ummataa guutuun maxxanfamee dhiyaachuu dhabuusaati. Bariisaan ummata biraa gahaa hinjiru. Dhimmoota hawwatoof xiyyeeffannaa kennuu barbaachisa. Fuulawwan aadaafi dinagdeefaan jiraachuun gaarii ta’us kolaniiwwan haaraafi hawwataa qabatee bahuu qaba.

Namoota haala siyaasaafi kkf xiinxalan barbaadee dhiyeessuu qaba. Waanti namoonni irratti walfalman, yaada irratti dhiyeessan jiraachuu qaba. Kunis akka namoonni gaazexicha dubbisan baay’atu gochuuf gargaara. Beeksisas bal’inaan qabatee bahuu qaba. Gaazexaan kun humna namaatiinis cimuu akkasumas baay’inni habbaasaa dabalamuu qaba.

Ummata bira gahuu qaba. Gaazexaan waantota sadiin ibsama; qaamnisaa sadii, qopheessuu, maxxansuufi raabsuu. Yoo qaamonni kunniin qindooman malee gaazexaan maxxanfame jechuu qofti ga’aa miti. Hanqina caasaalee mootummaa bira jiru waliin dubbachuudhaan sirreessuurrattis hojjechuu qaba. Ogeessonniifi dhaabbatichi kanaaf xiyyeeffannoo kennuu qabu. Nu birattis (Oromiyaatti) dhufuu qaba.

Obbo Mahaammad Qophee (Nama yeroo gaazexaan Bariisaa maxxanfamuu eegaletti raabsasaarratti qooda fudhachaa turaniifi hayyuu ogbarruu)

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 2 Bara 2016

Recommended For You