“Biiftuun hara Wanciirratti bahe rakkina nurraa haqe” – Jiraattota Haroo Wancii

Godina Shawaa Kibba Lixaatti kan argamtu Wanciin qabeenya uumamaa halaalarraa nama hawwachuu danda’uun osoo badhaatee jirtuu birmannaa mootummaa dhabuudhaan ija jalaa dhokattee turte.

Bishaan keessa dhaabatanii bishaan dheebochuun qabeenya uumamaa madda galii guddaa ta’e gadi baasanii agarsiisuufi misoomsuu dhabuun haroo sana qofa miti uumama dacheesheerra jirullee hiyyuma nyaachisee ture. Jiraattonni naannawichaas qabeenya uumamaa kanatti fayyadamanii dinagdeesaanii cimsuu caalaa simboo uumamni kenneef kanaan of sossobaa bara eegaa turaniiru.

Barichis gahee ummanni dagatamee tures birmannaa mootummaan jijjiiramaa taasiseefiin Wanciin dagatamtee turte har’a ummata dinagdeen laamsha’ee bara eegaa tureef ija banuurra dabartee ijaafi qalbii addunyaa hawwachuun ija ta’aa jirti.

Isa kanaafimmoo mootummaan jijjiiramaa gahee leencaa taphata jedhu jiraattonni Wancii birmaannaa mootummaan taasiseefiin jiruufi jireenyasaanii fooyyeffataa jiran. Gaafa of harkaa dhaban ijji ofii waan argu hinqabu. Hhar’a erga Wanci ija godhachuu eegaltee nu jiraattota mitiitii addunyaan, mootummoonni Gamtaa Afrikaallee garasitti imaluu eegalaniiru jedhu.

Obbo Naadoo Baqqalaa jiraataa Haroo Wanciiti. “Abbaankoo umrii ganna 92tti boqatan. Turtii umriisaanii kana hiyyummaan dabarsan haata’uutii jijjiirama amma nuuf dhufe kana ijaan osoo hinargiin darbuu nangadda.

Qabata lafti keenya haroon marfameef yoo qonne harootu miidhama yoo dhiisne beelofna falli jireenyaa nu harkaa badee rakkaataa turre. Booda kana mootummaan jijjiiramaa hudhaa jireenya keenya gaadi’e adda baasuun lafa keenyarratti akkamiin akka of jijjiiruu dandeenyu karaa nu agarsiisee jijjiiramneerra.

Hojii yabalaa mootummaan Haroo Wanciirratti nugurmeessee hojjechuu wan eegalleef dinagdeen keenya bayyanachuu eegaleera, dhala koo najala jiraniif kanaa ol carraan bal’aa banamaa akka jiru abdiin qaba.

Ibsaa oduusaa malee ijaan agarree hinbeeknu. Har’a ijji keenya argeera, hojii yabalaanis bashannansiisnee maallaqa argachaa jirra. Ilmaan keenya barsiifachaa jirra. Kun dinagdee keenya kanaan dura tureen kan yaalamuufi yaadamu miti” jedhu Obbo Naadoon.

Manni barumsaa sadarkaa 1ffaa ijaarameera. Manni yaalaa nuu banameera, daandiin nuu hojjetameera. Tajaajila bu’uuraalee misoomaa, gahaa arganneerra. Baasii humnaa olii nutti fe’amee ture erga mootummaan nurraa kaasee as dinagdeen keenya fooyyee agarsiiseera jedhu.

Wayita dubartii ulfaa ciniinsuun qabu baannee erga gaara baasnee konkolaataan fe’achuuf maallaqni gaafatamaa turre humna keenyaa ol ta’uun hedduun du’aa turan. Har’a garuu waan daandiin balbala keenya gaheef gatii madaalawaan tajaajila geejjibaa yeroo yeroon argataa jirra jechuunis ibsan.

Dhaloonni dinagdeensaa laafee ture har’a waan ittiin jijjiiramu harkaan qabateera. Ilmaan keenya egereemmoo kanaa ol hojiilee gara garaa kanneen akka omisha dammaafi daawwachiisummaan dinagdeesaanii fooyyessu abdii jedhun qaba jedhan.

Wanci qabeenya omisha dammaatiin badhaatuudha. Kaleessa gatii hinmalleen damma gurguraa turre. Har’a giddugalli gabaa dammaa Nadhii nuu saaqameera. Achitti gatii madaalawaan gurgurataa jirra jechuun faayidaa argachuu eegalan eeraniiru.

Saamichi omisha dammaa keenyarratti qaqqabaa ture haqameera, kana boodammoo omishtummaa dachaan dabaluun fayyadamummaa keenya mirkaneessuuf humna guutuun hojjenna. Dur awwaarri (dhukkeen) hanga jilbaatti nu fudhatee, deegni nu nyaachaa ture. Amma sun seenaa ta’ee irraa nyaachaa jirra. Turistiin biyya keessaa garakeenyatti yaa’aa jira. Waldaadhaan gurmoofnee Haroorra bashannansiisnee galii argataa jirra. Galii argannuun ofis maatii keenyas gargaaraa jirra jedhan.

Misooma dammaanis gurmoofnee dinagdee keenya cimsaa jirra kunniin hundi hojii aantummaa mootummaaan jijjiiramaa nuu taasiseen kan dhugoomeedha jechuun dubbatu. Kaleessa bakka nuti jirru eenyuyyuu quba hinqabu. Har’a ija addunyaa keessa galleerra. Dinagdeen keenyas dabalaa jira. Hiyyumni kaleessa hanga jilbaatti nu nyaatee ture dhiqamee bahaa jira. Nuti yoo hammana jijjiiramne dhaloonni nuduuba jiru carraa bal’aa dinagdeensaa itti ijaaramu akka argatu beekuun salphaadha jedhan.

Gabaabumatti jalqabbii mootummaan jiraattota Wancii dinagdeedhaan humneessuuf kaan tajaajila yabalaatiin kan hafanimmoo tajaajila misooma dammaafi kan biroon ijaaruun jalqabame yoomuu kan nama onnachiisu daran akka cimnee hojjennu kan nu taasisudha jechuun ibsan.

Obbo Wadaajoo Tadlaas jiraataa Wancii yoo ta’u, dhimmi dinagdeen of danda’uu hudhaa jiraattota naannawichaa ta’uu kaasu. Haata’uutii akka tasaa Ministirri Muummee keenyaa Doktar Abiyyi Ahmad birmannaa nuu taasisaniin hiyyumni seenaa ta’ee dinagdeen keenya kallattii gara garaan ijaaramaa jira jedhu.

Xiyyeeffannoo mootummaan jiraattota Wancii dinagdeen ijaaruuf kennaa jiru nu onnachiiseera kan jedhan Obbo Tadlaan, hojii yabalaan ala omisha dammaan, daawwachiisummaan kunuunsa biyyeen ijaaramnee hojii guddaa hojjetaa jirra jechuun ibsan.

Wanci kaleessaafi har’a walii lama kaleessa dukkana waanti keessa jirullee hinmul’anne turte har’a fagootti iftee isa ishee bira jiru qofa osoo hin taane kan fagoollee halaalatti waamaa jirti. Kanneen dhufan hundi kan golli Wancii omishe osoo hindhandhamiin hingalu. Fakkeenyaaf Nadhii dammaa, bashannanaa haroorraa, gombisa ykn tapha fardaa kunniin hundi madda galii dinagdeen keenya itti ijaaramudha jedhan.

Pirojektiin hara Wancii guutummaatti xumuramnaan waliigalaan namoota kuma kudha tokkoof carraa hojii kan uumu ta’uu himameera. Kanarraa kan ka’e abdiin ilmaan keenyaaf jiru olaanaadha jedhu Obbo Tadlaan.

Keessumattuu jalqabamuu pirojektichaan booda daandiin sirrachuunsaa walitti hidhaminsi gabaa akka gabbatu ta’aa jiraachuu kaasanii, yeroo ammaatti manguddoonnis ta’e dargaggoonni tajaajila geejjibaa mijataa hordofuun hojii daldalaa gara garaa irratti akka bobbahan haalli mijataa uumameeraaf.

Kunimmoo miira abdii kutannaa bakka dhaloota ofiitti nama hinta’ani jedhu kan cabse dhaloota duuba keenya jiru kan onnachiisedha kan jedhan Obbo Tadlaan kanaa olitti hojjetanii of jijjiiruuf tattaafataa jiraachuu kaasu.

Fardeen keenya kaleessa dheengaddaa dirree keessa dheedaa oolan kanamalees tajaajila muraasaaf qofa eegaman har’a madda galii nuuf ta’aa jiru tuuristoonni bashannanaaf dhufan marti ittiin bashannanaa galii nuuf argamsiisaa jiru.

Dargaggoonni keenya ga’umsa tapha fardaan kan bilchaatanidha, hojidhabdummaa kaleessaa keessaa bahanii daawwattoota gara Wancii dhufan fardeeniin bashannansiisaa dinagdeesaanii fooyyeffachaa jiru.

Dammi kaleessa dheengadda gatii gadaanaan gurguramaa ture amma gatii godhateera,barbaadaamummaan damma keenyaas olaanaa ta’eera isa kanaafimmoo mootummaa Doktar Abiyyiin hoogganu galateeffanna.

Mootummaan osoo nuuf hin birmanne ta’e silaa hiyyumatu nu nyaata, har’a waaqayyo umrii nuuf laatee guyyaa eebbifamaa jiruuf jireenyi keenyi itti fooyya’e arguukoof nan gammada.

Pirojektiin Wanciif dhufe kun namasaa qofa miti uumama lafasheerra jiru hunda kan fayyade waan ta’eef waanin jedhee ibsu hinqabu. Wanci wiirtuu hawwata turistii ta’uun iftee mul’ataa jirti. Wanciin hawwata tuuristiin galiin argattu dabalaa yoo deeme hawaasni achiis daran fayyadamaa jechuun kan ibsanimmoo Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaati.

Akka ibsasaaniitti ga’umsa tapha fardaan dandeettiin jiru bashannansiisarrra darbee madda galii akka ta’uuf irratti hojjetamaa jiraachuu kaasaniru. Wancii dabalatee Aanaan Dandiis misooma ispoortii fardaan ijaaramaa deemuun hawwata tuuristii galiin biyya keessaafi alaa itti argamu akka ta’uuf uummanni kaka’umsa taasisuu mootummaanis deeggarsa barbaachisu akka taasisuuf toorri xiyyeeffannoo jiraachuu himu.

Taphni fardaa Oromoof tapha aadaa ittiin guddate yoo ta’u daran ammayyeessuun madda galii gochuun barbaachisaadha. Lammiilee biyya keessaa qofarraa galii argamu qofa eeguun sirrii akak hintaane himanii tuuristoota alaa hawwachuun sharafa alaa argamsiisuuf dhaabbileen dhimmisaa isaan ilaallatullee hojjechuu akka qaban kallattii kaahaniiru.

Komishiniin Tuurizimii Oromiyaa hojii wiirtuulee hawwata tuuristii Oromiyaa beeksisuu qabatanii ka’aniin hojiin guddaa hojjetamaa jirachuu yoo ibsan ammas hojiin cimaa akka isaan eeggatu himu.

Kanaafuu akkuma Wanci kaleessa dhokattee teesse addunyaatti baasuun madda galii gochuun danda’ame ammas ciminaan irratti hojjechuun qalbii addunyaa garasitti hawwachuun barbaachisaadha.

Walumaagalatti Wanci kaleessa qabeenya uumamaa miidhagaadhaan badhaatee ilmaanshee hiyyuma gonfitee turte har’a jiruuf jireenya akkasumas dinagdee ilmaanshee fooyyessuurra dabartee ifa addunyaarratti mul’attu ta’uunshee amantaa hawaasni mootummaarraa qabu kan dabalu, hojjetanii jijjiiramuun akkasumas hiyyuma seenaa gochuun salphaa ta’uusaaf agarsiistuu guddaadha.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 25 / 2016

Recommended For You