Badhaasa ‘FAO Agricola’: Ragaa diigamuu gaa’ela Itoophiyaafi hiyyummaaf kenname

Itoophiyaan biyya goototaa taatus gootummaashee gama hundaan guutuu taasisuu dadhabuusheetiin biyyoota hiyyeeyyii sarara hiyyummaa gad jiraatan keessatti waamamaa turte.

Kanaanis Itoophiyaan waggootaaf maraanmartoo hiyyummaan wal’aansoo qabaa kan turte yoo ta’u, kunis hoggansa tarsiimoon masakameefi carraawwan gaarii turan gara bu’aatti jijjiiru dhabuurraa kan maddu ture.

Waggoota shanan as garuu jijjiirama aarsaa qaalii kaffalchiiseen gara aangoo jiddugaleessaa muummee biyyaatti kan dhufan Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad imaammataafi tarsiimoo tarkaanfii haaraan dabaalame bocuun gootummaa Itoophiyaa guutuu taasisuuf tarkaanfiiwwan gara garaa fudhataa jiru.

Injifannoowwan guguddoo yaadama haaraa ministirri muummee maddisiisan gochaan dabaalamee biyya keenyatti kabajaafi ulfina horaa jiru keessaa inisheetiiviin misooma qamadii adda durummaan kan eeramuudha.

Seenaa biyya keenyaa keessatti Itoophiyaan yeroo jalqabaatiif hoggansa Doktar Abiyyi kennaniin misooma qamadii tibba bonaa kan eegalte qofa osoo hintaane omisha qamadii baasii guddaan biyya alaatii bitamaa ture biyyuma keessatti omishuu bira darbitee alatti erguu jalqabdeetti.

Kana malees, wabii nyaataa mirkaneessuuf carraawwan jiran hunda duguuganii fayyadamuufi rakkoowwan mudatan dandamachuu qofa osoo hintaane gara carraa gaariitti jijjiiruunis hoggansa cimaa jaarraan 21ffaa kun barbaadu waan kennaa jiran fakkaatu. Kun ammoo biyya keenyaaf qofa osoo hintaane Afrikaa guutuuf boqonnaa haaraadha.

Kanaanis wabii nyaataafi dhiyeessii nyaata madaalawaa mirkaneessuuf cichoomina, kutannoofi hoggansa kennan akkasumas wabii nyaataa mirkaneessuuf furmaata kalaqaa hordofuun omisha qamadiin argamsiisaniin badhaasni meedaaliyaa ‘Agricola’ Dhaabbata Nyaataafi Qonna Mootummoota Gamtoomaniin badhaafamaniiru.

Badhaasni Medaaliyaa Dhaabbata Nyaataafi Qonna Mootummoota Gamtoomaniitiin Ministirri Muummee kenname kun kaka’umsa imala gama midhaan nyaataatiin of danda’uuf biyyattiin qabatte milkeessuu keessattis shoora olaanaa kan taphatu yoo ta’u, wabii nyaataa lammiilee biyyattii mirkaneessuu qofa osoo hintaane, gama nyaata madaalawaa lammiilee biyyattiitiif dhiheessuudhaan quucarummaa hir’isuufis qooda guddaa kan bahatuudha.

Hiyyummaan xurii dhiqamee bahu malee godaannisa hinfayyine miti. Milkaa’ina akka biyyaatti damee qonnaatiin waggoota shanii as argamaa jiru gama hundaan utubamee, jijjiiramni bu’uraa aadaa hojii biyya keenyaarratti dhufnaan milkaa’inniifi badhaasni biyyattiin sadarkaa Addunyaatti argachaa jirtu kun dachaan dabalaa akka adeemu tilmaamuun waan nama rakkisuu miti.

Sagantaa badhaasaa Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiif Xaaliyaan Roomitti kenname kun kan Mootummoota Gamtoomaniitti Sagantaan Nyaataafi Qonnaa namootaafi dhaabbilee damee qonnaafi omisharratti hojii gaarii hojjachuudhaan wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu keessatti shoora olaanaa bahataniif kennamuudha.

Waggoota afran darbanitti Itoophiyaan gama wabii nyaataa mirkaneessuutiin bu’aa olaanaa galmeessisuusheef ragaa kan bahu ‘FAO’n, milkaa’ina kanaafis omishni qamadii dachaan guddate raga guddaa ta’uu eereera.

Injifannoon waggoottan darbanitti omisha qamadii dachaan dabaluudhaan wabii midhaan nyaatatiin of danda’uuf hooggansa isaaniitiin argame kun immoo Itoophiyaan biyyoota Afrikaa hedduufi kanneen biroo birattis akka fakkeenyummaatti akka fudhatamtuuf carraa kan uumu waan ta’eef hojii jabaatee itti fufuu qabuudha.

Walumaagalatti, badhaasni torbee kana Ministirri Muummee Doktar Abiyyi waltajjii sagantaa nyaataafi qonna Addunyaatiin argatan seenaa Itoophiyaa keessatti isa jalqabaa qofa osoo hintaane, seenaa badaa Itoophiyaan dur addunyarratti beelaan itti beekamaa turtes kan geeddare waan ta’eef lammiilee biyyattii hundaaf hiika addaa kan qabuudha.

Qonnaan bultoonni godinaalee Oromiyaa omisha qamadiitiin beekaman, Baaleefi Arsii Lixaa dhimma kanarratti yaada kominikeeshinoota godinaaleetiif kennaniin badhaafamuu Doktar Abiyyi Ahmaditti daran kan gammadan ta’uufi caalaatti hojjechuuf kan isaan kakaasu ta’uu eeraniiru.

Bayyanaa Ibraahimiin

 BARIISAA SANBATAA Amajjii 25 / 2016

Recommended For You

2 Comments to “Badhaasa ‘FAO Agricola’: Ragaa diigamuu gaa’ela Itoophiyaafi hiyyummaaf kenname”

  1. Pingback: jarisakti

Comments are closed.