“Rakkoon bishaan dhugaatii keenya furmaata dhabe” – Jiraattota Magaalaa Boongaa

Boongaan magaalaa guddittii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Ummattoota Itoophiyaa Kibba Lixaati. Magaalattiin rakkoo bishaan dhugaatii hamaa yeroo dheeraa lakkoofsiseef saaxilamtee jiraachuu dubbatu jiraattonni magaalattii.

Gareen gaazexeessitoota Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa dhimma hojiif gara magaalattiitti imales rakkoo bishaan dhugaatii jiraattonni magaalattii kaasan qaamaan argamee argeera.

Adeemsisaan Hojii Hoteela Shaaloom Dargaggoo Abeenezar Adaalee akka jedhutti, rakkoon bishaan dhugaatii Magaalaa Boongaa industirii hoteelaarratti dhiibbaa guddaa uumaa jira. Hoteelichi walakkeessa magaalattii ganda 02 keessatti agamus dhiyeessa bishaanii hinqabu. Rakkoon bishaanii kun kenniinsa tajaajila keenyarratti dhiibba guddaa uumaa jira.

Hoteelichi erga tajaajila kennuu jalqabee waggaa afur ta’uufi bishaan bakka jiruu baajaajii ykn konkolaataadhaan bitee dhiyeessaa jiraachuu himee, rakkoon bishaanii kun hoteelicha qofa utuu hintaane jiraattota magaalattiis daran miidhaa jiraachuu dubbata.

Akka Abeenezar jedhutti, hoteelichi abbaa darbiifi sadii kutaa ciisichaa 30 qabu yoo ta’u, bishaan kutaa ciisichaaf barbaachisu jaarikaaniidhaan dhiyaachaa jira. Abbaan qabeenyaa hoteelichaa gaaffii rakkoo bishaanii kana irra deddeebiin qaama dhimmi ilaallatuuf dhiyeessanis hanga ammaatti deebii argatan hinqaban. Qaamni sababa rakkoo bishaanii kana ibsuufi furu hinargamne.

Industiriin hoteelaa dhiyeessa bishaanii gahaa barbaada kan jedhu Abeenezar, hoteelichi guyyaatti bishaan jaarkaanii abbaa liitirii 200 ol bitee ittifayyadamaa jira. Hoteelicha qulqulleessuufi nyaata qopheessuunis bishaan gahaa barbaada. Kana ammoo nama hojicha keessa jirutu beeka jedha.

Abbaan qabeenyaa hoteelichaa waa’ee rakkoo bishaanii kana yeroo gara garaa irra deddeebiin qaama dhimmii ilaallatutti iyyatanis deebii argatan hinqaban kan jedhu Abeenezar, yeroo tokko kantiibaan magaalattii deebii, “Yoo barbaaddan hoteelicha cufaa, yoo cuftan waanti nutti hafu hinjiru, isinumatu miidhama” jedhu kennuufii dubbatu.

Maamiltoonnisaanii baay’een akka ‘shaaworiin’ hinjirre hubatan dhiisanii deemaa jiraachuu himee, rakkoon bishaanii kun tajaajila hoteelaarrattis ta’e fayyaarratti dhiibbaa guddaa waan qabuuf furmaata hatattamaa kan barbaadu ta’uu dubbata.

Obbo Arraagaa Alamaayyoo Magaalaa Boongaatti jiraataa ganda 01ti. Akka isaan jedhanitti, magaalattiitti dhiyeessi bishaan dhugaatii jira jechuun hindanda’amu. Jiraattonni magaalattii bishaan roottoofi jaarikaaniidhaan dhiyaatu bitanii ykn burqituu waraabbatanii ittifayyadamaa jiru.

Magaalattiin utuma bishaaniin marfamtee jirtuu rakkoo bishaan dhugaatiif saaxilamuun sirrii miti. Otoo boolli bishaanii qotamee bishaan dhiyeenyatti argama jechuunis ibsu.

Rakkoon bishaan dhugaatii keenya yeroo dheeraa lakkoofsisus hanga ammaatti furmaata hinarganne kan jedhan Obbo Arraagaan, jiraattonniifi abbootiin hoteelaa waltajjii argatanirratti gaaffii rakkoo bishaan dhugaatii irradeddeebiin kaasaa turanis hanga ammaatti deebii kan hinarganne ta’uu dubbatu.

Ani guyyaatti bishaaniif yoo xiqqaate qarshii 100n baasa kan jedhan Obbo Arraagaan, bishaa jaarikaanii abbaa liitira 20 qarshii 10n bitanii ittifayyadamaa jirachuu dubbtu.

Deebiin qaama mootummaarraa nuu kennamu “Bajatni qabameera ni hojjetama” kan jedhu ta’uufi qabatamaan waanti hojiin mul’atu garuu akka hinjirre eeru.

Sababa rakkoo bishaan dhugaatii Magaalaa Boongaafi mala furmaatasaa kantiibaafi qaama dhimmi ilaallatu dubbisuuf yaalii taasifnus yeroof argachuu waan hindandeenyeef gara fuulduraatti qaama dhimmichi ilaallaturraa yoo deebii arganne kan dhiyeessinu ta’a.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 18 Bara 2016

Recommended For You