Horsiisee bultummaa: Utubaa dinagdee biyyaa isa biroo

Akka addunyaatti horsiisee bultoonni miliyoona500 ta’an jiraachuu ragaaleen damichaa ni mul’isu. Akka ardii Afrikaatti ammoo lakkoofsi kun miliyoona 280 yoo ta’u, akka Itoophiyaatti miliyoona 15, akkasumas akka Oromiyaatti horsiise bultoonni miliyoona shan ta’an jiruufi jireenyasaanii kan gaggeefatan horii horsiisuudhaan akka ta’e barreeffama tibbana guyyaa kabaja ayyaana horsiisee bultootaa Oromiyaa marsaa 19ffaa ilaalchisuun marii paanaalii Magaalaa Finfinneetti qopha’eerraa hubachuun kan danda’amu.

Waltajjicharratti haasaa kan taasisan Hogganaan Biiroo Misooma Jallisiifi Horsiisee Bulaa Oromiyaa Injinar Girmaa Raggaasaa akka jedhanitti, rakkoon horsiisee bulaa inni guddaan hanqina nyaata beelladaafi dhiyeessii bishaanii ta’uufi rakkoo kana furuufis bishaan lafa irraafi jalaa naannawa kanatti argamurratti hojjechuu dhabuun rakkicha hammeesseera.

Mootummaanis dhimma kanaaf xiyyeeffannoo addaa kennee hawaasa horsiisee bulaa fayyadamaa taasisuuf hojjechaa jiraachuu eeranii, keessumaa akka naannoo Oromiyaatti, pirojektota finnaa 73 hojjetamuuf karoorfaman keessaa 35 qarshii biliyoona 10n ijaaramaa jiran saffisaan xumuramanii hawaasa akka tajaajilaniif xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu himu.

Rakkoon horsiisee bulaa inni guddaan hanqina nyaata beelladaafi dhiyeessii bishaanii ta’uu kan himan ammoo Sadarkaa Pirezidaantii Ittaanaatti Qindeessaan Kilaastara Misooma Baadiyyaa Oromiyaa Obbo Abduraamaan Abdallaati. Isaanis rakkoo kana furuuf bishaan lafa irraafi jalaa naannawa kanatti argamurratti hojjechuu dhabuun rakkinicha hammeessuu himu.

Mootummaanis dhimma kanaaf xiyyeeffannoo addaa kennuun hawaasa horsiisee bulaa fayyadamaa taasisaa jiraachuu kaasanii, pirojektiin finnaa hojiilee hojjetamaa jiran keessaa agarsiistuu akka ta’e ibsu. Pirojektonni ijaaramaa jiran kunneenis saffisaan xumuramanii hawaasa akka tajaajilaniif xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dubbatu.

Pirojektota waggoota muraasaa as mootummaan xiyyeeffannaan hojjetaa jiru keessaa bishaan roobarraa argamu cim’isanii akka itti tajaajilamaniif pirojektii finnaa hojjechaa jiraachuu ibsanii, waggoota afran dhufanittis pirojektota finnaa 255 hojjechuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu himu.

Akka isaan jedhanitti, Itoophiyaan qabeenya beeladaan beekamtuu taatus waan teknolojiidhaan hindeggeramneef bu’aa barbaadamurraa argachaa hinjirtu. Mootummaan naannoo Oromiyaas kana ilaalcha keessa galchuun karoora tarsimoo dandamannaa hongee kan hongeen duraa, yeroo hongeen mudatuufi hongeen boodatti qooduun hojjechaa jira.

Jallisii fayyadamuunis inisheetivii misooma marga nyaata beelladaa hojjetamaa jiraachuu himanii, hojiin qonna midhaan nyaataas cinatti hojjetamaa jiraachuus ni ibsu. Yoo rakkoon hongee mudates ummatni Oromoo duudhaasaa ganamaatti deebi’uun buusaa gonofaan akka walbira dhaabbachuu qabus waamicha taasisaniiru.

Paanaalicharratti barreeffama marii kan dhiheessan Pirezidaantii Ittaanaan Yunivarsitii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Doktar Riyaad Daawud akka ibsanitti, akka biyyaatti lakkoofsi qonnaan bultootaa %12.5 kan uwwisu yoo ta’u, Oromiyaattis haaluma walfakkaatuun %12.5 ummatichaa jireenyasaa kan gaggeeffatu horsiisaani. Kunis lafa naannichaa keessa %43 kan uwwisuu horsiisa yoo ta’u, omishni horsiisee bulaan omishu dinagdee biyyaa keessatti %12-16 akka qabaatu gumaacha taasiseera. Guddina ‘GDP’ Afrikaa keessattis horsiisee bultoonni %40 shoora taphataniiru. Paarkiiwwan biyyattii keessaa harki caalus lafa horsiisee bulaa keessatti kan argaman yoo ta’an, akka waliigalaatti gahee isaan guddina dinagdee biyyaa keessatti qaban akka laayyootti kan ilaalamu muti.

Akkasaan jedhanitti, akka waliigalaatti lafa biyyattiin qabdu keessaa heektaara miliyoona57 akkasumas kan Oromiyaa keessaa heektaara miliyoona35.3 lafa horsiisee bulaa yoo tahu, kana keessaa qonni %9.9 kan ta’u kan wantoonni hinfayyadne irratti biqalaniifi faayidaa tokkorra illee hinoolleedha. Qonnaaf kan faayidaarra oole %4.4 qofa.

Lafa bal’aa faayidaa malee jiru kana gara qonnaatti ykn hojii misooma biraaf oolchuun ni danda’ama jechuudha. Kana gochuu dadhabuurraa kan ka’e rakkoo hedduun mudachaa turuu himanii akka agarsiisaattis hongee bara darbe mudateen jireenya horsiisee bulaarrattis ta’e dinagdee biyyaarratti rakkoo olaanaan mudachuu kaasu.

Kanaanis qonnaan bultoonni miliyoona4.2 ta’an hanqina nyaataaf saaxilamuu, loowwan miliyoona5.5 miidhamanii miiliyoonni 3.3 du’uu himu. Kunis qabeenyi beelladaa naannichaa waliigalaa qarshii biliyoona 250 (bajata naannoo tokkoo kan ta’u)tti kan tilmaamamu keessaa biliyoona 30 ta’uu dhabsiisuufi balaan hongee akkanaa yommuu dhufu qabeenya olaanaa waan miidhuuf irratti xiyyeeffatamuu akka qabu hubachiisu.

“Yommuu waa’ee horsiisee bulaa haasofnu wantoota sadiirratti xiyyeeffachuun dirqama. Isaanis ummata, dinagdeefi naannawa. Gaafa waa’een ummataa ka’u dhaabbilee kanneen akka sirna gadaa, ateetee, siinqee, buusaa gonofaafi kanneen biroo hammata. Dinagdeen ammoo waa’ee loonii, fayyaa loonii, omishaafi gabaa kaasuun dirqama. Naannawaan ammoo haala kununsaafi eegumsasaa qabata” jedhu.

Rakkoon hammaataa akkanaa akka qaqqabuuf sababa kan ta’e ammoo sababoota kan ta’an keessaa aadaafi safuun baduu,tokko ta’uu eeranii, waggoota muraasa dura Boorana, Gujiifi godinaalee birootti namni muka tokko mure adabbii akka qabu himu. Mukni muramuu dhabuun margaafillee faayidaa kan qabu yoo ta’u, beelladootaaf soora ta’uurra darbee keessumaa biyyeen dhiqamee akka hindeemne waan ittisuuf faayidaa olaanaa qabaachuu eeru.

Inni biraa karooraan ala misoomsuu yoo ta’u, lafti tokko tajaajila sirrii inni ooluufi danda’u utuu adda hinbaasiin akkanumaan ittifayyadamuun akka mul’atu kan himan hayyuun kun, kana waliin walqabatee qubannaan seeraan alaas rakkoo fayyadama lafaarratti mul’atu hammeessaa jiraachuu dubbatu. Kunis lafa horiin irra jiraataniifi dheedan irraa muka ciruun soorri beelladootaa akka baduufi madaalli uumamaa akka hineegamne waan taasisuuf miidhaansaa olaanaa ta’uu kaasu.

Akka ibsa Doktar Riyaaditti, haala ittifayyadama lafaa sirreessuun dirqama. Kanaafis wantoota furmaata ta’an keessaa inni ijoon mootummaafi ummanni waliin ta’uun faayidaa lafaarratti murteessuu barbaachisa. Sirna Gadaa ummanni barootaaf ittiin bulaa turetti fayyadamuun lafti kun kanaaf oola jedhanii murteessuu qabu. Akkasumas, haala qilleensa jijjiiramu dandamachuun danda’amurratti dursanii mala furmaataa ka’achuu gaafata.

Dabalataanis beekumsa xabboo ummaticha keessa jiru fayyadamuun lafaafi bishaan bulfachuu akka barbaachisuu kaasanii, kanarra darbee mootummaafi misoomsitoonni naannawa horsiisee bulaa jiran waliin ta’uun misoomsuun akka irra jiru gorsu.

Qabeenya horsiisee bulaan qabu keessaa guddaadha kan jedhamu loowwan yoo ta’an, akka ragaan hongee bardheengaddaatiin dura jiru agarsiisutti akka Oromiyaatti qabeenyi loowwanii miliyoona8.2, hoolaafi re’een miliyoona12, gaalli miliyoonni tokkoo ol akkasumas, horii kottedudaa kanneen akka farda, harreefi gaangee kuma 800 jiraachuu himanii, qabeenyi kun aleergiin biyyattii keessatti illee %20 akka qabatuufi loowwan lubbuudhaan alatti ergaman keessaa %90 kan uwwisu horsiisee bulaa ta’uu ibsu.

Horsiisa looniirratti hanqinoonni hedduu jiraachuu kan kaasan Doktar Riyaad, akkuma irranatti eerame safuu, biqiltuuleen hinbarbaachisne baay’inan biqilanii argamuu, hanqinni margaafi bishaanii akkuma jiranitti ta’ee, gatiin nyaata beeladootaa dachaa oliin dabaluun, walitti hidhamiinsi gabaa cimaa jiraachuu dhabuu, yaalli loonii yeroosaa gituufi teknoloojiin deggaramee dhibuufi kanneen biroo tarreessu.

Gama dhiheessii maallaqaatiinis horsiisee bulaan horiisaa gurguree qarshii barbaadu irraa argachuu qofa osoo hintaane dhaabbileen faayinaansii itti dhiheenyaan argamuu dhabuun rakkoo ta’aa jiraachuu himanii, hubannoon qusannaafi liqiiffatanii hojjechuu horsiisee bulaa bira jiraachuunis rakkoo tauu kaasu. Gama dhaabbilee faayinaansiitin horiin akka qabeenya dhaabbiitti waan hinilaalamneef hojmaanni horii qabsiisanii qarshii liqeeffachuu jiraachuu dhabuun bu’aqabeessummaasaa miidhaa jira jedhu.

Rakkoolee eeraman kanneen hiikuun carraawwan bal’aa kanneen akka lafti hintuqamne bal’aan jiraachuu, dhaabbileen dhimmicharratti hojjetan bal’inaan jiraachuu, teknolojii gaariin jiraachuu, inshuraansiin fayyaa beeladootaa eegaluufi carraawwan mijatoo biroo damichaa fayyadamuun shoora horsiisni dinagdee biyyaa utubuu keessatti qabu caalaatti cimsuu akka barbaachisu gorsu.

Mootummaanis, bulchiinsa lafaa horsiisee bulaaf mijatu qopheessuu, walitti hidhamiinsa gabaa uumuu, imaammatawwaniifi tarsiimoowwan mijatoo bocuu, kaka’umsawwan pirojektiiwwan kanneen akka finnaa babal’isuufi kanneen biroorratti xiyyeeffatee hojjechuu akka qabu akeeku.

Akka waliigalaatti, qabeenya olaanaa dinagdee biyyaa utubuu danda’u horsiisee bultoota bira jiru kana bu’aqabeessummaasaa caalaatti mirkaneessuuf guyyaa kabajuurra darbee hojiin ittifufiinsa qabu hojjetamuu qaba jenna.

Saamrawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 18 Bara 2016

Recommended For You

One Comment to “ Horsiisee bultummaa: Utubaa dinagdee biyyaa isa biroo”

Comments are closed.