“Pirojektiin Ikoo Turizimii Wancii-Dandii dukkana keessaa ifatti nu baase”Jiraattota naannawaa pirojektichaa

Ijaarsi Pirojektii Ikoo Turizimii Wancii yeroo ammaa ijaarsisaa xumuramee eebbifameera. Eebbaan dura qopheessummaa Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii mootummaatiin gareen gaazexeessitootaa sadarkaa ijaarsi pirojektichaa irra jiru daaw’ateera. Barreeffama kanaan yaada jiraattonni naannawaa pirojektichaa nuuf kennan akka armaan gadiitti qindeessinee dhiyeessineera.

Obbo Raggaasaa Bultoo jiraataa Magaalaa Ambooti. Yaada nuu kennaniin akka jedhanitti, hojiileen misoomaa mootummaan kun iddoowwan gara garaatti raawwachaa jiru dubbatamee hindhumu. Pirojektiin Ikoo Turizimii Wancii-Dandii ijaarsisaa xumuramaa jiru kunis hojiilee misoomaa mootummaan naannolee gara garaa keessatti raawwachaa jiru keessaa isa tokko. Pirojektiin kun jireenya hawaasa naannawaa fooyyessuurra darbee dinagdee naannichaas ta’e biyyattii utubuu keessatti gahee olaanaa qaba.

“Qonnaan bultoonni naannawaa Haroo Wancii dammaafi warqee omishuufi fardeen horsiisuudhaan beekamu. Hawaasni naannawichaa keessummaa simachuufi kabajuudhaanis beekamaadha. Hawaasni naannawaa Haroo Wancii kanaan dura utuu naannawaan harichaa hinmisoomiin, daandiinis hinijaaramin turistoota biyya keessaafi biyya alaarraa haricha daawwachuu dhaqaniif farda dhiyeessanii, nyaachisanii, bakka bultii kennaniifii haalaan simatanii kabajaan geggeessaa turan. Yeroo ammaas turistoota dhufan simachuuf qophiidha” jedhu.

Pirojektiin kun jiruufi jireenya hawaasa naannawichaa jijjiiruu, turistoota biyya keessaafi alaa harkisuufi galii damee turizimiirraa argamu guddisuun dinagdee biyyaa utubuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu kaasanii, pirojektoonni walfakkaatoon naannolee biroo keessattis ijaaramaa jiraachuufi pirojektoonni kunneen guddina dinagdee biyyattiif abdii guddaa ta’uu himu.

Ijaarsi pirojektoota kunneenii to’annoofi hordoffii mootummaa waan qabaniif qulqullina sadarkaasaa eegeen ariitiin xumuramuu himanii, to’annoo mootummaan pirojektoota kunneenirratti taasise ijaarsa pirojektoota biroorrattis taasifamuu akka qabu gaafatu. Fakkeenyaaf ijaarsi daandii Amboo-Walisoo waggoota saddeet ol lakkoofsisuufi hanga ammaatti xumuramuu dhabuunsaa ummmata biratti komii guddaa uumuu ibsu.

Haroon kun mana hawaasa naannawichaati kan jedhan Obbo Raggaasaan, namni mana keessa jiraatu ofirratti hindiigu waan ta’eef hawaasni naannawaa haricha akkuma manasaatti eeguu, kunuunsuufi misoomsuu akka qabu yaadachiisu.

Turistoonni biyya keessaafi biyya alaa iddoo hawwata turizimii misoomaniifi misoomaa jiran akka daawwataniif nageenyi mirkanaa’uu akka qabu eeranii, mootummaafi qaamoleen hidhatanii bosona jiran mariifi karaa nagaan araaraafi nagaa buusuu akka qabuufi yaaliin araara buusuuf taasifamu hamma ija godhatutti itti fufuu akka qabu himu. Abbootii Gadaa, Haadholiin Siinqee, jaarsoliin biyyaafi abbootiin amantiis dhimma nageenyaa kanarratti xiyyeeffatanii hojjechuu akka qaban dhaamu.

Obbo Tashaalaa Sabbooqaa qonnaan bultoota naannawaa Haroo Wancii jiraataniifi bakkichumatti dhalatanii guddataniidha. Qonnaan bulaan kun akka jedhanitti, utuu ijaarsi pirojektii Ikoo Turizimii Wancii-Dandii hinjalqabamiin dura hawaasni naannawichaa bu’uraalee misoomaa kanneen akka ibsaa, daandii asfaaltii, manneen barnootaa waan hinqabneef ijoolleesaanii Magaalaa Amboofi Walisoo deemanii barachuuf dirqamaa turan. Ijoolleesaa kan barsiifatus nama xiqqoo dinagdeen of danda’u qofadha.

Mootummoota darban waliin qaamaan wal arganii akka hinbeekne kan himan qonnaan bulaan kun, mootummaan jijjiiramaa Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiin hogganamu garuu qaamaan isaan bira ga’ee pirojektiin kun akka ijaaramu taasisuu himu. Ijaarsa pirojektichaatiin yeroo ammaa bu’uuraalee misoomaa kanneen akka mana barumsaa, daandii asfaaltii, ibsaa argachuufi pirojektichi ijoolleesaaniifis carraa gaarii uumuu kaasu.

Duraan rakkoo daandii waan qabaniif ijoolleefi dubartoonni yoo dhukkubsatan ofii baatanii deemuun Ambootti yaalchisaa turuu kan dubbatan qonnaan bulaan kun, dhukkubsataan daandiirratti lubbuunsaa darbe turuusaa yaadatu. Pirojektiin kun dukkana keessaa ifatti isaan baasuufi addunyaa haaraa isaanitti agarsiisuus himu.

Hawaasni naannawichaa irra jireessaan damma omisha kan jedhan Obbo Tashaalaan, ofiisaaniitiis gaagura aadaa 70 kan qaban yoo ta’u, dammi naannawichaa qorichummaan kan barbaadamu waan ta’eef kiiloo tokko hanga qarshii kuma tokkotti akka gurgurachaa jiran himu.

Natsaannat Taaddasaatiin

 BARIISAA SANBATAA Amajjii 11/ 2016

Recommended For You