Karoora qindaa’aa ittifayyadama lafaa hojiirra oolchuun guddina dinagdee ittifufiinsa qabu mirkaneessuudha

Biiroon Lafa Oromiyaa Karoora Qindaa’aa Ittifayyadama lafaarratti Kibxata darbe qooda fudhattoota waliin Finfinneetti mari’ateera. Saganticharratti qorannoon karoorichaa dhiyaatee hoggantoota sektaroota mootummaa naannichaafi federaalaatiin akkasumas hayyoota, qorattootaafi hooggantoota miti mootummaa garagaraa waltajjicharratti argamaniin marii bal’aan irratti adeemsifameera.

Qorannoon karoorichaa bajata mootummaan naannichaa ramade qarshii miiliyoona 300 oliin lafa heektaara miliyoona 37 irratti kan adeemsifame yoo ta’u, bara 2014 irraa eegalee godinaalee Oromiyaa filataman sadii keessatti hojiirra oolaa tureera. Karoorichi yeroo ammaa magaalotaafi aanaalee naannichaa keessatti hojiirra oolaa kan jiru ta’uufi gara fuulduraatti hojiirra oolmaasaa caalaatti babal’isuuf qindoominaan kan hojjetamu ta’uunis eerameera.

Hoogganaan Biiroo Lafa Oromiyaa Obbo Guutaa Laachoree akka jedhanitti, lafti saba keenyaaf dinagdee, hawaasummaa akkasumas, jiruufi jireenyasaati. Lafti qabeenya murtaa’aa dabalamuu hindandeenyee yoo ta’u, qabeenya dhalootaa har’aafi boriiti. Qabeenya murtaa’aa kanatti sirnaan fayyadamuu baannaan jiruufi jireenya hawaasaarrattis ta’e guddina dinagdeerratti dhiibbaa guddaa qaqqabsiisa. Biirichis kana hubachuun bulchiinsa lafaa ammayyeessuun miidhaawwan qabeenyichatti seeraan ala fayyadamuun qaqqaban hambisuuf hojiilee guguddoo raawwachaa tureera.

Bulchiinsaafi ittifayyadama lafaa ammayyeessuuf magaalota 41fi aanaalee 160 ol naannicha keessa jiran keessatti hojiin kaadaastara lafaa raawwatamaa jiraachuu himanii, hojiin kun weerara lafaa hambisuun bulchiinsa lafaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf cimee kan itti fufu ta’uu himu.

Naannichatti ittifayyadama lafaa seeraan alaa hambisuuf hojiin bulchiinsasaa ammayyeessuufi karoora qindaa’aa ittifayyadama lafaa hojiirra oolchuu bal’inaan raawwatamaa jiraachuu himanii, faayidaa lafaarra argamu guddisuufi abbaan dhimmaa yeroo gabaabaa keessatti tajaajila barbaadu akka argatu taasifamaa jiraachuu akkasumas, tajaajilli lafaas teknolojiin deggaramee kennamaa jiraachuu himu.

Karoorri qindaa’aan ittifayyadama lafa Oromiyaa waggoota kurnan darbaniif qoratamaa turuu kan himan hoogganaan kun, kanaanis lafti kam faayidaa kamiif ooluu akka qabu qoratamuufi lafti qonnaa, turizimii, invastimantii, magaalaa, bineensaafi bosonaa, industiriifi qubannaaf oolu adda bahuu himu.

Akka ibsa Obbo Guutaatti, karoorri bara 2014 irraa eegalee hojiirra oolaa kan jiru yoo ta’u, yeroo ammaa ammoo qooda fudhattoota waliin ta’uun hojiirra oolmaa karoorichaa magaalota, godinaalee, aanaaleefi gandoota keessatti babal’isuuf hojjetamaa jira. Akka biyyaatti imaammanni ittifayyadama lafaa jiraachuu baatus naannoon Oromiyaa karoora qindaa’aa ittifayyadama lafaa naannolee biroofis ta’e, biyyattiif fakkeenya gaarii ta’u qopheeffatee hojiiirra oolchaa jira.

Hawaasni karooricha fudhatee hojiirra oolchuurratti kaka’umsa gaarii agarsiisaa jiraachuu himanii, dhimmi lafaa nama hunda waan ilaallatuuf hundumtuu hojiirra oolmaa karoorichaarratti hirmaannaa olaanaa akka taasisuuf waamicha dhiyeessaniiru. Qonnaan bultoonnis seera ittifayyadama lafaa baafatanii hojiirra oolchaa jiraachuu kaasanii, hojiirra oolmaa karoorichaa caalaatti mirkaneessuuf deggarsi hayyootaa, qorattootaa, yunivarsitootaa, sektaroota mootummaafi miti mootummaa murteessaa ta’uus eeraniiru.

Sadarkaa Pirezidaantii Ittaanaatti, Qindeessaan Kilaastara Baadiyyaa Oromiyaa Obbo Abdurramaan Abdallaa gamasaaniin akka jedhanitti, lafti bu’uura jiruufi jireenya dhala namaafi lubbu qabeeyyii hundaati. Lafti qabeenya murtaa’aa faayidaa addaddaaf oolu, uumaan nu badhaasee yoo ta’u, misooma qonnaa, industirii, mana jireenyaa, iddoo bashannanaa, tajaajila hawaasummaa gara garaaf kanneen biroof ooluu ni danda’a. Filannoowwan ittifayyadama lafaa kunneen keessaa kan mancaatii lafaa hambisu ykn baay’ee xiqqeessu filachuun hojiirra oolchuun ykn ittifayyadamuun dirqama dhaloota har’aati.

Guddina dinagdee itti fufiinsa qabu mirkaneessuufi lammii keenya hiyyummaa keessaa baasuuf qabeenya lafaatti sirnaan fayyadamuu barbaachisu himanii, kunis dhaloota har’aa qofa utuu hintaane kan boriis waan fayyaduuf qindoominaan irratti hojjetamuu akka qabu hubachiisu.

Lafa faayidaa har’a irraa argannu qofarratti yoo xiyyeeffannee fayyadamne bu’aa guddaa irraa argachuu dhabuu dandeenya kan jedhan qindeessaan kun, qabeenya lafaatti seeraan ala fayyadamuun qabeenya bosonaarrattis mancaatii guddaa qaqqabsiisa. Mancaatiin bosonaa ammoo jijjiiramni haala qilleensaafi balaa hongee qaqqabsiisa. Miidhaan jijjiirama haala qilleensaatiin mudatu dhaloota har’aa qofa utuu hintaane dhaloota boriis waan miidhuuf dhalloonni har’aa qabeenya lafaatti sirnaan fayyadamuu akka qabu dhaamaniiru.

Guddina dinagdee itti fufiinsa qabu galmeessisuufi jiruufi jireenya ummataa fooyyessuuf qabeenya lafaatti karooraafi sirnaan itti fayyadamuun barbaachisaa ta’uu kaasanii, mootummaan naannichaas qabeenya lafaafi uumamaa kanaan dura manca’e deebisee misoomsuun dhaloota har’aas ta’e borii dachee magariisaafi jireenyaaf mijattuu taate dhaalchisuuf sagantaa ashaaraa magariisaatiin waggaa waggaan biqiltuuwwan biiliyoonaan lakkaa’aman dhaabuun kunuunsaa jiraachuufi waqtii bonaas hojiin misooma sululaa hirmaannaa ummataatiin raawwatamaa jiraachuu eeru.

Qisaasama qabeenya lafaarratti raawwatamaa jiru ittisuufi caaseffama lafaa bakka addaddaatti faca’ee ture bakka tokkotti fiduun bifa haaraan akka gurmaa’u taasifamuu himanii, dhimmi bulchiinsaafi itti fayyaddama lafa magaalaafi baadiyyaa jechuun rakkoo uumaa ture yeroo ammaa walitti dhufee giddugaleessa tokkoon akka hoogganamu ta’uu ibsu. Bulchiinsaafi ittifayyadamni lafaa teknolojiin akka deggaramuufi hojmaannisaa akka fooyya’uuf hojiilee gurguddoon raawwatamus ni himu.

“Qabeenya lafaa Oromiyaan qabdu sirriitti beeknee akka itti fayyadamnuuf hojiin kaadaastara lafaa magaalaafii baadiyyaatti hojiirra oolaa jira. Qabeenya lafaa qabnutti sirnaan fayyadamuun guddina dinagdee waaraa mirkaneessuuf mootummaan naannichaa bajata guddaa ramaduudhaan karoora qindaa’aa ittifayyadama lafaa qopheessee bara 2014 irraa kaasee hojiirra oolchaa jira. Karoorichi godinaalee sadii keessatti hojiirra ooluu eegales yeroo ammaa aanaalee naannichaa filataman 21 keessatti hojiirra oolaa jira” jedhu.

Dhimmi karoora kana hojiirra oolchuu dhimma sektara tokkoof dhiifamu utuu hintaane dhimma hirmaannaa qaamolee gara garaa gaafatu waan ta’eef milkaa’ina karoorichaaf hundumtuu gahee isarraa eegamu bahachuu akka qabus yaadachiisaniiru. Qabeenya uumamaatti sirnaan fayyadamuun dhimma jiruufi jireenya dhaloota har’aa qofa utuu hintaane dhimma carraa dhaloota dhufuus murteessu ta’uusaa beekuun qindoominaan irratti hojjechuu akka barbaachisus dhaamaniiru.

Biiroo Lafa Oromiyaatti, Qindeessaa Hojiirra Oolmaa Karoora Qindaa’aa Ittifayyadama Lafaa Obbo Tasfaayee Kabbaddaa Gaazexaa Bariisaatti akka himanitti, qorannoon karoora qindaa’aa ittifayyadama lafaa balaawwan guguddoo sababa ittifayyadama seeraan alaatiin qabeenya lafaarra gahu furuuf jecha kan adeemsifameedha. Bu’aa lafti kennuu qabu dhiifnee bu’aa biraaf oolchuudhaan qabeenyi lafaa biyyattii manca’eera. Akkuma biyyaattuu irra jireessi lafa qonnaaf ooluu Oromiyaa keessatti kan argamu yoo ta’u, giddugaleessa naannichaatti lafti qonnaa harkicaalu garuu sababa babal’ina magaalaatiin miidhamaa jiraachuu eeranii, qabeenya lafaatti utuu seeraan fayyadamamee lafa midhaaniitti akka hinbu’amneefi lafti ijaarsaafi industiriiwwaniif ooluu qabu lafa midhaan hinbaafne ta’uu qaba jedhu.

Qabeenya lafaatti seeraan fayyadamuu dhabuun balaa guddaa biyyarraan gahaa jira kan jedhan Obbo Tasfaayeen, karoorri qindaa’aan ittifayyadama lafaa kun rakkoolee seeraan ala qabeenya lafaatti fayyadamuun gahu furuufi gara fuulduraattis akka hinmudanne ittisuuf gargaara. Karoorichi mancaatii qabeenya lafaarra gahe furuufi ittisuuf waan gargaaruuf hojiirra oolmaasaarratti hundumtuu hirmaannaa irraa eegamu bahachuu qaba.

Karoorichi bu’aa guddaa lafti kennu qoratee adda baasuun waan qophaa’eef hanga sadarkaa gandaatti gadi buufamee hojiirra oolaa jiraachuu himanii, ummanni karooricharraa ka’uun seera ofii akkaataa duudhaa aadaatiin tumatee karoora ittifayyadama lafaa kana hojiirra oolchaa jiraachuu himu. Ummanni qabeenya lafaa, bishaaniifi bosonaa waliin eeguufi kunuunsuun waliin irraa akka fayyadamu taasisuun kaayyoo karoorichaa isa guddaadha jedhu.

Akka qindeessaan kun jedhanitti, abbaan karoorichaa ummata; Karooricha hojiirra kan oolchus ummata. Gaheen mootummaa karoorichi akka hojiirra ooluuf deggarsa ogummaa taasisuudha. Ummanni karooricha guutummaatti fudhatee hojiirra oolchaa jira. Qabeenya lafaa mancaafne deebisnee misoomsuun dachee magariisaafi jireenyaaf mijatte dhaloota dhufutti ni dabarsina jechuun karooricha kaka’umsa olaanaan hojiirra oolchaa jira. Milkaa’inni hojii kanaa dhaloota har’aaf bu’aa guddaa dhaloota boriif ammoo abdii guddaadha.

Hirmaattonni waltajjichaas hojiirra oolmaa karoorichaaf deggarsa barbaachisu hunda taasisuuf waadaa seenaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 4 Bara 2016

Recommended For You