Imala waggoota 116 Ministeera Dhimma Alaa

Ministeerri Dhimma Alaa Rippablika Demokraatawaa Federaalawaa Itoophiyaa (RFDI) waggoota 116 dura, Onkololeessa 4 bara 1900 akka hundaa’e seenaan ni ibsa. Isa dura hojiin dippiloomaasii biyya karaawwan dinagdee, amantii, daldalaafi kanneen birootiin raawwatamaa tureera.

Ministeerichis erga haala gurmaa’een hundaa’ee kaasee imala jaarraa tokkoo oliif taasisaa ture bifa egzibishiniifi baazaariitiin Godambaa Saayinsiitti torbee dippiloomaasii jechuun moggaasuun dheengadda sirna ho’aadhaan Pirezedaantii RFDI Saahilawarqi Zawudeetiin banameera.

Kaayyoo agarsiisichaa ilaalchisuun Ministirri Muummee Ittaanaafi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dammaqaa Mokonnin gaafdeebii Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, kaayyoo guddaan Torbee Dippiloomaasii kanaa dhimmoota ijoo sadiirratti kan xiyyeeffatedha. Inni jalqabaa, Ministeerri Dhimma Alaa akka dhaabbataatti erga gurmaa’ee waggoota 116 lakkoofsiseera. Kanaaf imalli dippilomaasii waggoota darbanii baroota hunda keessatti ashaaraa kaa’eera.

Lammaffaa, gama dippilomaasiitiin haalli keenya yeroo ammaa maal fakkaata? Carraawwan jiran maali? Rakkoowwan akkamiitu jira? Dantaa ummataa kabachiisuuf maaltu taasifamuu qaba? Isa jedhu ilaaluun barbaachisaa waan ta’eef qophaa’uu himu.

Inni sadaffaan sagantaa Torbee Dippilomaasii, dippilomaasii egereerratti xiyyeeffate kan itti qophaa’eedha. Seenaa, haala yeroo darbee, kan egeree dhimmoota sadanuu walitti hidhuun, baazaarii, egzibishiniifi sagantaawwan garagaraatiin yoo kabajame fuuladuratti sosochii biyyaaleessaa fooyya’aa uumuun ni danda’a amantaa jedhuun qophaa’uu kaasu.

Dhimma ijoo biraatiin ammoo, Ministeerichi Onkololeessa 4, waggaa 116 dura akka dhaabbataatti gurmaa’ee hundaa’uu eeranii, hojiilee yeroo sanaa eegalee hojjetaman yaadachuun sadarkaa irra ga’ame dhaloota ammaaf beeksisuun faayidaa waan qabuuf qophaa’uu ibsu.

Ministeerri Dhimma Alaa erga akka dhaabbataatti gurmaa’ee kaasee hojiin hojjete maal fakkaata? Inni jedhu yoo ilaalamu hiikaa olaanaa akka qabu kaasanii, akkuma torbanoota muraasa dura Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa bara hundeeffama waggaa 116ffaa haala walfakkaatuun kabajatee ergama dhaloota dhufuuf qophii taasise ministeerichis ka’umsa kanaan torban dippilomaasii qopheessuu dubbatu.

Akka Obbo Dammaqaan jedhanitti, biyyootni Afrikaa hedduun, kabajniifi ulfinni Itoophiyaaf qaban olaanaadha. Yeroo tokko tokko biyyoonni ajandaawwan garagaraatiin qabamanii ejjennoon Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii irratti fudhatama; Itoophiyaan garuu rakkoo keessa teesseellee rakkooshee ofiin hiikkachuun biyya akka Gamtaa Afrikaattis ta’e akka Mootummoota Gamtoomaniitti fudhatamummaa olaanaa qabduudha. Biyyoonni hedduun dhimmoota garagaraarratti “Itoophiyaan maal jette?” jedhanii gaafachuun ejennooshee fudhatu.

“Carraan guddaan akkanaa utuu jiru, miirawwannifi fedhiiwwan garagaraarraa ka’uun ajandaa addaddaa luqqisuun numti mataan keenya biyya keessatti kan waljeeqnu, walmadeessinuufi Itoophiyaa gadi qabuuf wanti goonu nama gaddisiisa” jedhu.

Ciminniifi dhibbaa uumtummaan Itoophiyaan dippilomaasiidhaan qabdu haa cimu jedhamee yoo yaadame, tokkummaan biyya keessaa cimuu akka qabu kaasanii, kanaafuu yaada, addaddummaafi fedhiin kamuu Itoophiyaa keessatti osoo badii hinqaqqabsiisiin haala nagaan furuu amaleeffachuun barbaachisaa ta’uu hubachiisu.

Seenaa keessatti miirawwan addaddaatiin kan ishee xiqqeessinu, madeessinuufi gadi qabnu ijoolleedhumasheeti malee, addababa’ii biyyoolessaarratti ilaalchi Itoophiyaaf jiru olaanaadha kan jedhan Ministirri Muummee Ittaanaafi Ministirri Dhimma alaa kun, ulfinaafi kabaja kanaaf ammoo ilmaanshee gaggeessitoota ta’anii cimanii tarkaanfachuufi dhaabachuun akka irra jiraatu hubachiisu.

Bara dhufuufis wajjummaa keessoo, tokkummaa, hiyyummaa dinagdee keessaa bahuufi biyya jaalachuurratti xiyyeeffachuu akka barbaachisuufi hawaasa ofitti boonu, hiyyummaafi rakkina jalaa bilisa ba’e uumuuf hojjechuun murteessaa ta’uu dubbatu.

Hojmanee kana yoo hojjenne, dippilomaasii egeree milkaa’inaan ittifufsiisuun ni danda’ama; fuulduree dippilomaasii egeree tilmaamuu kan dandeenyuus gamanumaa ta’a jedhu.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 4 Bara 2016

Recommended For You