“Milkaa’inni ijaarsa hidha Laga Abbayyaa bu’aa rifoormii waggoota shanan darbaniiti” – Doktar Aragaawwii Barihee

Finfinnee: Waggoota shanan darban keessatti rakkoolee mudatan ce’uun milkaa’inni ijaarsa hidha laga Abbayyaatiin galmaa’e bu’aa rifoormii ta’uu Daarektarri Waajjira Hirmaannaa Ummata Biyyaalessaa Ijaarsa Hidha Abbayyaa beeksisan. Ijaarsi hidhichaa dhibbantaa 90 irra ga’uunis ibsameera.

Dura taa’aan Paartiin Dimokraatawaa Tigraayiifi daarektarri Waajjira Qindeessa Hirmaannaa Ummata Biyyaalessaa Ijaarsa Hidha Laga Abbayyaa Doktar Aragaawwii Barihee ibsa dheegadda Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, rifoormiin jijjiiramaa as waggoota shanan darbanirraa kaasee hojiirra jiru rakkoo namtolcheefi uumamaa furuurratti shoora guddaa gumaachaa jira. Fooyya’iinsa ijaarsa hidha Laga Abbayyaarrattis taasifameen yeroo ammaa ijaarsisaa dhibbantaa 90 irra ga’eera.

Sababa bittaa meeshaalee ijaarsaafi rakkoo qulqullina ijaarsaatiin walqabateen ijaarsisaa harkifachaa turuus yaadachiisanii, hojiin qulqullina qabuufi qindaa’aan rifoormiichaan waan hojiitti hiikameef hidhichi yeroo ammaa sadarakaa gaariirra jiraachuu ibsaniiru.

Guutummaatti xumuruufis hojii makaanikaalaawaafi hojii elekitirikaalii walxaxaafi of eeggannoo cimaa gaafatu qofti akka hafe himaniiru.

Yeroo ammaa tarbaayinooti lama humna elekitirikii maddisiisaa jiru kan jedhan Doktar Aragaawwiin; tarbaayinii sadaffaan yeroo dhiyoootti anniisaa maddisiisuu akka eegalus himaniiru.

Yaaddoo dhugaa hintaannerraa ka’uun mallattoo hinbarbaachifne walii mallatteessina jechuun Misir michootashee wajjin ta’uun ijaarsichi akka duubatti harkifatuuf yaaltus dhaabuu akka hindandeenyes ibsaniiru.

Qaamoleen idil addunyaa tokko tokko ijaarsa hidhichaa gufachiisuufi dhiibbaa uumuuf yaalanis hirmaannaa ummattoota biyyattiin ittifufuun danda’amuu eeranii, hirmaannaan hawaasni boondii bitachuun taasise ijaarsa hidhichaa saffisiisuun ala aadaa qusannaafi tokkummaa cimsuu danda’uus dubbataniiru.

Hidhaalee biroo ijaaruuf ijaarsa hidhichaarraa muuxannoo gaariin waraabamuu kan ibsan daarektarichi, hidhichi damee tuuriizimiifi invastimantii cimsuurratti shoora guddaa waan qabuuf mootummaan xumura ijaarsa hidhichaaf kutannoon hojjechaa akka jirus yaadachiisaniiru.

Misir ijaarsa hidhichaa gufachiisuuf hunmoota biyya keessaa fayyadamuun goolii uumuuf yaaliin taasiste akka hinmilkoofneefi waraana Itoophiyaa kaabaatiin walqabatee ololli “Hidhichi gurgurameera” jedhus itti yaadamee oofamaa turuu eeraniiru.

Hawaasa diyaasporaa akkasumas biyyoonni michuu Itoophiyaa duula faallaa ololichaa hiriiruun ijaarsa hidhichaa ittifufuun balaan lolaa Sudaaniifi Misir irra hir’achaa akka deemes hubatamaa jiraachuu ibsaniiru.

Biyyooti tokko tokko rakkoo xiqqoon diigamu kan jedhan Doktar Aragaawwiin; Itoophiyaan garuu qorumsa waraana ongee, walitti bu’insa waliinii keessa darbuun injifannoon waggoota shanan darban keessatti galmaa’e riifoormichi milkaa’aa ta’uu akka agarsiisu ibsaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 23 Bara 2015

Recommended For You

One Comment to “ “Milkaa’inni ijaarsa hidha Laga Abbayyaa bu’aa rifoormii waggoota shanan darbaniiti” – Doktar Aragaawwii Barihee

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *