“Miidiyaalee dhugaaf dhaabbatan dabalataan horachuurratti xiyyeeffatamee hojjetamuu qaba” – Obbo Mahammad Ahmad (Qophee)

Finfinnee: Badiifi diigumsa miidiyaalee finxaaleyyii harka jiraniin labsamaa jiru biyya gatii guddaa kaffalchiisaa waan jiruuf miidiyaalee dhugaaf dhaabbatan dabalataan horachuurratti xiyyeeffatamee hojjetamuu akka qabu ibsame.

Miseensi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataafi Gorsaan Dhimmoota Aadaafi Miidiyaa Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Mahammad Ahmad (Mahammad Qophee) dhugaan ummata bira waan jiruuf miidiyaalee dhugaaf dhaabbatan dabalataan horachuurratti xiyyeeffatamee hojjetamuu akka qabus hubachiisan.

Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad Kibxata darbee miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatiif raawwii hojii ji’oota ja’an darbaniirratti wayita ibsa kennaniifi gaaffiilee dhiyaateef deebii kennan miidiyaaleen tokko tokko rakkoolee biyya mudateef qaama furmaataa ta’uurra madda rakkoo ta’uu ibsuunsaanii ni yaadatama.

Dhimma kanarrratti, Obbo Mahammad yaada dheengadda addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, jijjiiramaa as dirree dimokraasii babal’isuu jechaa miidiyaalee hedduun uggura jalaa ba’aniiru. Qoodni miidiyaa nama barsiisuu, tokkummeessuu, dirree dimokraasii dagaagsuu, misoomaafi nagaa labsuu ta’ee osoo jiruu ammaan tana miidiyaaleen hedduun finxalessummaan olola jibbiinsaafi gochoota farra dimokraasii ta’anirratti fuuleffatanii dalagaa jiru.

Akka isaan jedhanitti, miidiyaalee hedduun finxaaleyyii harka jiru; dhugaan ummataafi miidiyaalee dhugaaf dhaabbatan harka jira. Finxaalessummaan saba kamuu bakka bu’uu baatus dhiibbaa badii isaan uumaniin saboota hundatu gatii kaffalaa jira. Yoo isaaniin ta’e malee finxaaleyyiif wanti hundi dukkana. Isaaniin ala wanti bifaafi boca qabu hinjiru.

Miidiyaaleen idilees ta’e alidilee finxaaleyyiifi farreen nageenyaa biyya kanaa ta’an harka jiran hundi ajandaa sobaa saba walnyaachisu bocuun halkanii guyyaa hojjechaa jiraachuun dhugaa namuu hubatuudha kan jedhan gorsichi; addattuu hooggansa Oromoo jijjiirama biyyaatiif dafqa xuruurfatee hojjetaa jiru abaaruufi salphisuun akkasumas ummata Oromoo jaalalaan hunda hammatee waliin jiraatu xiqqeessuufi maqaa balleessuun gabaasasaanii guyya guyyaa taasifachaa jiru jechuun ibsu.

“Rooba keessatti dhukkeen hinka’u; tuullaan sobaas haqa hinmo’u” kan jedhan Obbo Mahammad; ummatni Oromoos ta’e saboonni biyyattii kaan, “Miidiyaaleen waa’ee hinbaafne” kanneen yeroo ammaa keenyaa sobaan yayyabamanii jibbaafi diigumsa afarsaa jiran galaana haqaa as ba’aa jiruun haramanii darbuun fagoo akka hintaane hubatanii filatanii fayyadamuu aadaa taasifachuu qabu jedhan.

Babal’achuun miidiyaalee agarsiistuu gabbina dirree dimokraasii ta’us kanneen mirgaafi dirqama malee alseerummaan gulufanitti luugama gochuun miidhaasaarra faayidaansaa akka caalus eeranii, ta’uu baannaan finxaaleyyiin miidhama biyyarraa ‘bu’aa’ argachuu akka ittifufan hubachiisaniiru.

Oromoo dabalatee ummatoonni biyyattii miidiyaalee finxaaleyyii hordofuufi ofiis finxaaleyyii horachuun irraa hineegamu kan jedhan Obbo Mahammad; haa ta’uutii, miidiyaalee xiqqaa qabuunuu walitti duuluurraa gara waliif duuluutti ce’uu akka qabuufi miidiyaalee dhugaaf dhaabbatan dabalataan horachuurratti hojjetamuu akka qabus dhaamaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 23 Bara 2015

Recommended For You

One Comment to “ “Miidiyaalee dhugaaf dhaabbatan dabalataan horachuurratti xiyyeeffatamee hojjetamuu qaba” – Obbo Mahammad Ahmad (Qophee)

  1. Pingback: post

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *