Ittifayyadama Laga Abbayyaarratti ejjennoon Itoophiyaa haqaqabeessa ta’uun hubatamaa jira

 Finfinnee: Ittifayyadama Laga Abbayyaarratti ejjennoon dippilomaasii lagicha karaa haqabeessaan fayyadamuu Itoophiyaan calaqqisiiste fudhatamaafi bu’a qabeessa ta’uun biyyoonni yaa’a Laga Abbayyaa hubataa jiraachuu Ambaasaaddar Diinaa Muftii beeksisan. Bu’aan ejjennoo Itoophiyaa Sudaanirratti mul’achaa jiraachuus ibsaniiru.

Ambaasaaddar Diinaa Muftii ibsa dheengadda Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, Itoophiyaan Laga Abbayyaa kara haqaqabeessaan misoomsuuf ejjennoon qabatte sirrii ta’uu biyyootni yaa’aa Laga Abbaayyaa hubataa jiru. Biyyootni kunneen hidha Laga Abbayyaarraa humna elekitirikii gatii rakasaan akka argatan taasisuurra darbee Sudaaniif ammoo balaa lolaa hamaa ture isaanirra qolachaa jiraachuu akka fakkeenyaatti kaasuun ibsaniru.

Waggoottan shanan darban keessatti hojii dippiloomaasii hojjetameen danqaalee turan maqsuun bu’aan injifannoo argamee biyyaafi biyyoota ollaatti mul’ataa jira kan jedhan Ambaasaddar Diinaan, rakkoo Ertiraa waliin yeroo dheeraaf ture furuun alatti biyyoota Ertiraa faana Itoophiyaaf ilaalcha badaa qaban waliin nagaan akka bu’us ta’uu ibsu. Rakkoo waldhabdee Sudaan Kibbaatti ture furuuf Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiin tattaafiin taasifamuus eeru.

Dhibee koronaa, hongee, qaala’iinsa dinagdee dabalatee danqaalee turan furuuf biyyaan osoo adda hinqoodiin bu’aafi seerota dippilomaasii giddugaleeffachuun yeroo itti hojiin dippilomaasii guddaan hojjetameedha kan jedhan Ambaasaddar Diinaan, ta’us garuu waraana kaabaa biyyaatti geggeffameen walqabatee danqaaleen dippilomaasii turuus eeraniiru.

Akka ibsasaaniitti, waraana Kaaba biyyaattiitti mudate bu’uura godhachuun biyyootni tokko tokko fedhiifi hawwisaanii dirqiin Itoophiyaarratti fe’uuf carraaqaa turan. Sababa kanaaf gargaarsa duraan kennaa turan dhorkanii turan. Ta’us hojii dippilomaasii hojjetameefi nageenyi bu’uu booda yeroo ammaa haalli jiru gaariidha. Mariin araaraa Piriitooriyaafi Naayiroobii taasifames bu’aa dippilomaasiiti.

Ijaarsa hidha Laga Abbayyaa galmaan ga’uuf hojiin dippilomaasii eegale cimee ittifufus Misir akkuma gaafa jalqabaa har’as ija shakkiin ilaalaa jiraachuu kaasanii, Itoophiyaan garuu ijaarsi hidhichaa biyyoota yaa’a gara gadii Misiriifi Sudaaniin miidha amantaa jedhu akka hinqabneefi yeroo ammaa kana ijaarsi hidhichaa dhibbeentaa 90n akka xumurames hubachiisaniiru.

Yeroo ammaa biyyootni yaa’a Laga Abbayyaa gara olii hojiin ijaarsa hidha Laga Abayyaarratti Itoophiyaan geggessaa jirtuuf ilaalcha gaarii qabaachaa jiraachuu kan eeran Ambaasaddar Diinaan, dhiyeenya kana Misir dhimma kana gara Liigii Arabaatti geessuun sirrii akka hintaane ibsaniiru.

Faayidaa isheefi faayidaa biyyoota yaa’a laga Abbayyaa haala giddugaleeffateen Itoophiyaan ejjenoo dippilomaasii qabattee jirtu cimsitee akka ittifuftu ibsaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 23 Bara 2015

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *