“Biyya hundaaf mijooftuufi addunyaarratti bakka maluuf argattu ni ijaarra” – Obbo Adam Faaraah

Finfinnee: Itoophiyaa hundi walqixxummaan keessa jiraatuufi addunyaarratti sadarkaa maluuf qabaattu ijaaruuf hojjetamaa jiraachuu Pirezidaantii Ittaanaan Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah ibsan.

Obbo Adam ibsa kaleessa addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, Paartiin Badhaadhinaa mul’ata biyya badhaate dhugoomsuu qabatee sochii roga maraa taasiseen injifannoowwan hedduu galmeessiseera.

Dippiloomaasii lammiifi kabaja biyyaarratti fuuleffate qabaachuun lammiileen sababoota garagaraatiin biyyaa baqatan akka biyyatti deebi’an taasiseera. Warreen biyya ambaa jiraatanis

 mirgisaanii akka kabajamu gochuun ala kanneen rakkoon mudateefis birmachaa ture.

Dippiloomaasii ollaatiif dursa kennuun hojiitti hiikuunis, keessattuu diinummaan waggoota dheeraaf Ertiraa waliin ture obbolummaan akka goolabamuufi furmaata argatu taasiseera kan jedhan Obbo Adam; araarri kun balaa biyyarratti aggaamamee ture qolachuu keessatti shoora guddaa taphachuu eeraniiru.

Bifa kanaan dura hintureen hojiin dippiloomaasii biyyoota giddugaleessa bahaa waliin taasifames injifannoo rogawwan maraan biyya gonfachiisuu himanii; dhimma Itoophiyaarratti Kaawusiliin Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii murtoowwan garagaraa dabarsuuf karoorfateefi dhiibbaa Gibxiin ijaarsa hidhaa Laga Abbayyaa ugguruuf taasiste haala gaariin qolachuun bu’aa dippiloomaasii ta’uus yaadachiisaniiru.

Imala milkaa’inaa Paartiin Badhaadhinaa oggaa ibsanis, paartichi qajeelaafi qulqullina amansiisaa qabaachuun dabalata qabeenya uumamaa hintuqamne, qabeenya humna namaafi haalli teessuma lafaa mijataa galtee godhatee biyya gara badhaadhinaatti ceesisuun fagoo mitis jedhan.

Kana malees, paartichi hoggansa jabaa Itoophiyaa jaalatu, qormaata carraatti jijjiiru, balaa mudatu tooftaafi kutannoodhaan qolatuufi miira yeroon hinjiruutiin hojjetu waan qabuuf karoora badhaadhinaa qabame milkeessuunsaa agarsiistuu biroo ta’uus ibsaniiru.

Sirni dimokraasiifi dinagdee hundee jabaarratti ijaaramaa jiraachuun miirri obbolummaafi walqixxummaa dur hinturre amma toora qabachaa jiraachuun milkaa’ina biyyaa paartichi yaadeef galtee birooti jedhan.

Taateewwan sadarkuma addunyaattuu yaaddoo uuman kanneen akka jijjiirama haala qilleensaa, rakkoo fayyadama teknolojiin walqabataniifi dhibee daddarboon paartichaafis yaaddoo ta’uu kan ibsan Obbo Adam; jijjirama qilleensaa maqsuuf misooma magarsiisaa finiinsuu, rakkoo ittifayyadama teknolojii duuba jiru qolachuufi dhukkuboota daddarboo mudatan akka koronaa haala hojiis hawaasas hinhubneen keessa darbuuf qophiin akka taasifamu ibsaniiru.

Hundaa ol, ummatni biyyatti ilaalcha finxaalessuummaarraa fagaachuu, bilisummaa qixa sirriin fayyadamuufi of jaalachuu qofa osoo hintaane aadaa waljaalachuu gabbisuurratti akka tumsu gaafataniiru.

 Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 23 Bara 2015

Recommended For You

2 Comments to “ “Biyya hundaaf mijooftuufi addunyaarratti bakka maluuf argattu ni ijaarra” – Obbo Adam Faaraah

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *