“Bakkawwan hundatti nagaa labsuun wantoota tokkummaa cimsanirratti xiyyeeffachuun barbaachisaadha” – Ustaaz Abbubakar Ahmad

Finfinnee: Osoo nageenyi bu’uura amantii kamuu ta’ee jiruu boora’uun nageenyaa manneen amantii tokko tokko keessatti mul’ataa tureen nageenya labsuurratti danqaa uumaa jiraachuu Barsiisaan Amantii Islaamaa Ustaaz Abbubakar ibsan. Iddoowwan hundatti nagaa labsuun wantoota tokkummaa cimsanirratti xiyyeeffachuun barbaachisaadhas jedhan.

Ustaaz Abbubakar yaada addatti dheengadda Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti; ammaan tana barsiisonniifi abbootiin amantii tokko tokko nagaa buusuufi nagaa labsuun osoo isaanirraa eegamuu faallaa nagaa lallabu. Namni nagaa booressu nagaa labsuuf ni danqama.

Silaa abbootiin amantii namoota siyaasaayyuu walitti fidanii biyya tasgabbeessuun osoo isaanirra eegamuu dubbiin faallaa taate isaanumayyuu namoota siyaasaatu walitti araarsaa jira. Kanaafuu, yeroon dhaabbatanii of ilaaluu amma.

Seenaa keessatti wayita biyyi balaaf saaxilamtu abbootiin amantii biyya baraaruuf adda durummaan mootummaa cina hiriiraa turuu kan eeran Ustaaz Abbubakar; yeroo dhiyoo as garuu wanti mul’achaa jiru qaanessaafi dhimma sirreessa hatattamaa fedhu ta’uu jala sararaniiru.

Herrega kamiinuu amantiin madda nageenyaa malee madda waldhabbii akka hintaane eeranii, haa ta’u malee, qajeelfama amantiitiin ala ilaalchaafi gochoota tokkummaa, walqixxummaafi obbolummaa faallessan manneen amantii keessatti calaqqisuun madda waldhabbii ta’uun akka amantiitti waan ta’uu hinmalleedha, jedhaniiru.

“Namoota gara waan gaariidha,” jedhamutti hojiifi lallaba amantiin ofitti harkisuun mirgaafi waan fudhatama qabuudha jedhanii, da’oo amantiin duula nama walficcisiisuun biyya badiitti oofu taasisuun gama amantiinis ta’e seeraan ittigaafatamummaa cimaa akka dhaqqabsiisu hubachuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.

Akka ibsasaaniitti, gaaffiileen mirgaa manneen amantii keessatti ka’an mariidhaan furmaata argachuu qabu. Mirga amantii tokkoo sarbaa amantiin adeemsifamu hinjiru. Gaaffiin mirgaa mana amantii keessatti ka’u furuun dirqama gaggeessitoota amantii saniiti. Dhimmi humna abbootii amantiin olii, biyyi jeeqamuu waan hinqabneef kan mootummaati.

Tattaaffii mootummaan qaamolee hidhatanii bosona jiran waliin marii karaa nagaan furuu taasisu milkeessuu keessatti abbootiin amantiifi qaamoleen hawaasaa adda durummaan tumsuu qabu kan jedhan Ustaaz Abbubakar; waraanni biyyattii gara kaabaa ture dhaabbachuun akkuma guutuu biyyaa aara galfachiise marii nagaa qaamolee hidhatanii bosona jiran waliin yaadame dhugoomsuun biyyi akka boqottu gochuuf tumsi hundaa barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.

Nagaa buusuun kan kasaare hinjiru kan jedhan barsiisaan kun; waraanni badii malee bu’aa akka hinqabne hubatamee bakkawwan hundatti nagaa labsuun wantoota garaagarummaa bal’isanirra wantoota tokkummaa cimsanirratti xiyyeeffachuun barbaachisaa ta’uu cimsanii dubbatu.

Badiin namaafi naannoo kamittuu raawwatamu adda qoodanii birmachuufi hiika itti kennuu keessaa ba’amee aadaan akka rakkoo ofiitti ilaaluun gabbachuu akka qabus gaafataniiru.

Waaqshuum Fiqaaduu

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 23 Bara 2015

Recommended For You

One Comment to “ “Bakkawwan hundatti nagaa labsuun wantoota tokkummaa cimsanirratti xiyyeeffachuun barbaachisaadha” – Ustaaz Abbubakar Ahmad

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *