Atileet Masarat Bayyanaa: Haadha qabeenyaafi fira namoota hedduu kaleessaa har’a jireenya daandiirraatiif saaxilamte

Finfinnee: Jireenyi akkuma dha’aa galaanaa gara fedhaniifi hawwan osoo hintaane gara fedhetti nama geejibsiisa. Dhalli namaa hundi qixa qullaa dhalatus, dhalachuun booda qullaa ta’uufi dhiisuun fedhii osoo hintaane haala jireenyaatu murteessa. Nutis Waa’ee Atileetii Oromoo yeroo tokko haadha qabeenyaafi fira hedduu, yeroo ammaa ammoo hiyyummaa hamaa keessa jirtuu isiniif dhiyeessuuf jenneeti.

Atileet Masarat Bayyanaa jedhamti; kan dhalattee guddatte Magaalaa Shaggar ammaa, Aanaa Akaakoo Mana Abbichuu bakka addaa Caffee jedhamutti. Atileetiin tun waltajjiiwwan addunyaa garagaraarratti fiigicha maraatooniin maallaqa argatteen yeroo tokko haadha mana jireenyaa, konkolaataafi fira gaarii jedhamtus har’a dhukkuba obboleessasheetiin walqabatee wal’aansisa hanga biyya alaatti taasisteen walqabatee waan qabdu hunda fixattee daandiirratti jireenya daandiirraatiif saaxilamuunshii daran qalbii nama raasa.

Atileetii kanarraa haadhaafi abbaan ijoollummaatti irraa du’anis akka haadhaafi abbaatti kan ishee guddise obboleessashee hangafaati. Guddisuu qofa osoo hintaane booda jaalala atileetiidhaaf qabduun addaan kuttus hanga kutaa 10ffaatti akka barattu kan deggare obboleessumashiiti.

Wayita barataa turtetti fedhiinshii akka Daraartuufaa addunyaarratti fiiganii mo’achuu ture. Hawwii qofa osoo hintaane jalqabattuu dandeettii fiigichaa qabdi turte. Wayita mana barumsaa deemtullee deemsa caalaa fiigicha akka filattu dubbatti.

Hawwiifi fedhiishee kana keessatti qabachuurra gadibaastee Obboleessashii waliin mari’achuuf murteessite. Obboleessishiis fedhiishee dura dhaabbachuurraa deggarsa barbaachisuu akka taasisuuf waan waadaa seeneefiif fiigicha finiinsuu eegalte. Sadarkaa naannoottis meetira kuma shaniifi kudhaniin sadarkaa keessa galte.

Dandeettiishee gabbifachuuf Arsii, Boqojjii dabalatee godinaalee Oromiyaa garagaraa deemuun leenjisaa dhuunfaa mindeeffattee shaakala ittifufte. Obboleessis akkuma waadaa galeefitti waan barbaachisu hundaan deggaraa ture. Boodarras Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa dandeettii atileetiin tun keessumaa fiigicha maaraatooniin qabdu hubatee kilaba biyyaalessaa keessatti akka hammatamtu taasise.

Atileet Masaratis dorgommii biyya keessaa dabalatee dorgommii fiigichaa maaraaatoonii guutuufi walakkaan biyyoota garagaraa kanneen akka Afrikaa Kibbaa, Indii, Kooriyaa Kaabaa, Xaaliyaanii, Kanaadaa, biyyoota Arabaafi kanneen biroorratti hirmaachuun sadarkaa keessa galtee maqaa biyyashii olkaasuun badhaasawwan garaagaraas argachaa akka turte ta’uu nuti himteetti.

Badhaasawwan argatteenis akkuma atileetota kaanii mana jireenyaafi konkolaataa bitattee of bira darbuun firayyuu gargaaraa turte. Obboleessashee karaa maraan deggaree akka ishiin milkooftu taasiseefis mana jireenyaa bareedaa akka ijaarteef ni dubbatti.

Ta’us obboleessi ishee guddiseefi isheen hunda caalaa jaalattu dhibee sammuu hamaaf waan saaxilameef Masarat waan qabdu ittibaastee hospitaalota biyya keessaa garagaraatti yaalchisuuf tattaafattus dhukkubnisaa cimaa waan ta’eef alatti akka ijibbaatamuuf ittihimame.

Yeroo sana hawwiinshee qabeenya osoo hintaane lubbuun hafuu obboleessashee waan ta’eef mana iddoowwan garagaraatii qabduufi konkolaataa manaa gurgurtee obboleessashee gara Afriikaa Kibbaa geessite. Turtiifi baasii hedduu booda obboleessishee kun fooyyee xiqqoo agarsiise. Ta’us sammuunsaa dhukkubichaan garmalee waan miidhameef carraan fayyuusaa shakkisiisaa ta’uun itti himame. Isheenis wal’aansicha booda obboleessashee waliin biyyaatti deebite.

Akkuma jedhame obboleessi isheen akka lubbuutti mararfattu turtii yeroo muraasaa booda duuti gara jabeettiin harkaa fudhatte. Sana boodas carraan atileet Masarat qabdu sirna awwaalchaa obboleessashee bareechuufi nagaa dhumaa imimmaan jaalalaatiin walmake galaasuufii qofa. Abdiin obboleessarraa qabdus yeroo dhumaatiif goolabame. Jireenyi garuu ittuma fufa.

Obboleessa akka abbaafi haadhaatti abdattuufi qabeenya horate al tokkotti walfaana dhabuun akka daawwitiitti fuulashee dura deddeebi’ee itti huursuun isheenuu yeroo muraasaaf dhibee sammuuf saaxilamtee turuu dubbatti. Waan qabdu obboleessaaf galaastus ofiif nama gala hinqabne taateetti.

Hiyyummaafi dhibeetu ishee takaale malee yoo deggarsa argatte ammayyuu fedhiinshee guddaan fiigichatti deebi’uudha. Hawwiin kun kan dhugoomu garuu yoo qaamni dhimmi ilaallatu mana isheen keessa jiraattuufi waan ittiin jiraattu haala mijeesseef qofa. Atileetonni Oromoo dura ishee beekan hundis nama fira dhabdee dirreerratti kufte tana kaasanii dhaabuun dirqama lammummaasaanii otoo bahatanii gaariidha jenna.

Waaqshuum Fiqaaduu

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 23 Bara 2015

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *