“Ummanni keenya qajeeltoowwan misoomaa sirriin hoogganamnaan raajii hojjechuu akka danda’u qabatamaan agarsiiseera” – Obbo Shimallis Abdiisaa

Oromoon uumaa kabajee, uumama kunuunsuun dhaloota egereef waan gaarii dabarsa. Saba safuu, aadaafi duudhaa isaa kabajee jiraatu, bu’uura sirna Gadaa irraa dhaaleenis uumaafi uumama safeeffatee, bitaafi mirga madaalee har’a irra taa’ee egereef waan gaarii dharra’u, uummata kabajamaa ta’uu isaa oduun osoo hin taanee hojiin mirkaneessa.

Sabni guddaan kun safuufi safeeffannaa isaa eegee duudhaa Oromummaa isaa dagaagsuun baraa baratti cehaa dhufeera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa imala badhaadhinaa milkeessuun kan danda’amu yaadaafi yaadama biyyoota ambaa irraa waraabameen otoo hin taanee duudhaa ganamaatti deebi’uun akka ta’e hubatee jaarmiyaaleen Sirnaa Gadaa Oromoo irraa maddan hammattoo seeraa akka qabaatan taasisuun sochii siyaas-diinagdeefi hawaasummaa uummata Oromoo si’eessuun badhaadhina hundagaleessa ummataan ummataaf dhugoomu milkeessuuf sochii hundagaleessa taasisuu irratti argama.

Kanaanis taateewwan dhufanii darban qofa irratti xiyyeeffachuurra wantoota duudhaa ganamaa sirnoomsuu danda’aniifi sirna tahanii itti fufan labsiin mirkaneessee hojjechuu irratti argama.

Sana keessaas labsii ‘Misooma Waloof Lajaajila Lammummaa’ jedhamee labsameen waggoota sadan darban keessatti raajii hojjechuun dandaa’ameera.

Labsii kana gaafa labsinu uummata keenyarraa abdii guddaa waan qabnuufi. Oromoon yaadota haaraafi qajeeltoowwan misoomaa sirriin deeggaramee hoogganamnaan raajii hojjechuu akka danda’u itti amanneeti.

Bona qamadii oomishee eeggattummaa irraa biyya baraareera. Bu’uuraalee misoomaa hedduu baajenni mootummaa uwwisuu hin dandeenye baasiifi humna isaatiin hojjetee agarsiisuun dandeettiifi fedhii misoomuuf qabu firas ta’ee ormatti mul’iseera.

Uummata akkasii hoogganuufi waliin hojjechuun isa hojjetuuf gammachuu, isa taa’uuf ammoo naasuu tahuu mala.

Ji’oota lama dura labsii sosochii tajaajila lammummaa eegumsaafi kunuunsa qabeenya uumamaa guyyoota 60f labsineefi waamicha akka Mootummaa Naannoo Oromiyaatti taasifneen irree gamtaa uummata keenyaatiin hojiin guddaan hojjetameera.

Naannoo Oromiyaatti Waggoottan arfan darban keessatti hojii tajaajila lammummaa uummanni keenya hojjeteen biqiltuun gosa garaa garaa bil 13.6 ol lafa heektaara miil.3.67 irra kan dhaabbate yoo ta’u, bara kanas duula kunuunsa qabeenya uumamaa labsameen daagaa adda addaa hojjechuufi suphuu, hallayyaafi istiraakcheroota bishaan yaasaniifi jiidha qusatan hojjechuu, lafa miidhame tuttuqaa namaafi beeyladaa irraa daangessuu, biqiltuu ganna dhufu dhaabbatu kunuunsuufi hojii kompoostii qopheessuun uummanni keenya raajii guddaa dalaguu akka danda’u qabatamaan mul’iseera.

Qabeenya uumamaa kununsuufi eeguun Oromoof aadaadha. Muka tokko yoo mure muka sadiin bakka buusa. Daagaa hidhee dachee goges jiisa.

Sirna Gadaan guddatee uumaafi uumama kunuunsa. Egereefis galaa kaa’ee dhaloota itti guddisa jechuun dhugaadha.

Irreen gamtoomee humni tokkoome injifataa tahuuf ragaan hojii bara kana hojjetame caalaa mul’isu hin jiru.

Hojiiwwan kaanis tokkummaa keenya jabeessaa, irree keenyas caalaatti gamteessaa akka milkeessinu shakkii tokkoyyuu hin qabu jechaa uummata Oromoo, hooggansaafi qaamolee milkaa’ina hojii kanaaf gumaacha taasiftan, ogeessota qonnaa deeggarsa ogummaa kennaa turtan akkasumas qonnaan bultootaafi horsiisee bultoota adda durummaan hojicha milkeessitan hundaaf maqaa koofi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin galatoomaa jechuun barbaada.

Oromiyaa ni ijaarra!

Itoophiyaa ni utubna!

Gaanfa Afrikaa ni tasgabbeessina!

Waaqayyos nu gargaara!

– Obbo Shimallis Abdiisaa

Pirezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Bitootessa 2015

Finfinnee

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 16 Bara 2015

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *