Tajaajilichi raabsa humna ibsaa magaalattii furuuf qarshii biliyoona 10 ramadee hojjetaa jira

Finfinnee: Raabsa humna ibsaafi rakkoolee isaan walfakkaatan magaalaa Finfinnee keessatti mudatan furuuf bu’uuraalee misoomaa ibsaa qarshii biliyoona 10n hojjechaa jiraachuu Tajaajilli Elektirikii Itoophiyaa beeksise.

Tajaajilichatti Ittigaafatamaan Korporeet Kominikeeshinii Obbo Malaakuu Taayyee ibsa Gaazexaa Bariisaatiif kennaaniin akka jedhanitti, Itoophiyaatti rakkoo guddaan tajaajila humna elektiriikiin walqabatu rakkoo humna maddisiisuu dadhabuu osoo hintaanee rakkoo anniisaa ibsaa raabsuuti.

Rakkinichas bu’uurarraa furuuf Tajaajilli Ibsaa Itoophiyaa deeggarsa dhaabbilee misooma adda addaa fayyadamuun hojii bu’uuraalee misooma humna ibsaa haaressuu, suphuufi diriirsuu marsaa marsaadhaan akka guutuu biyyaatti hojjechaa jira.

Rakkoon addaan ciccituu ibsaa tibbana Finfinneetti mul’achaa jirus furamuu kan ibsan Obbo Malaakuun; maddi rakkinichaas miidhamuu shiboo ibsaa lafa jalaafi hojii deebisanii ijaaruu bu’uuraalee misoomaasaa ta’uu hubachiisaniiru.

Hojiin deebisaanii misoomsuu bu’uuraalee misoomaa ibsaa yoommuu hojjetamu toora hojichi adeemsifamutti akeekkachiisni duraa karaa meeshaalee sabqunnamtii adda addaa kan kennamu ta’uus eeraniiru.

Hojiilee deebisaanii misoomsuu bu’uuraalee misooma humna ibsaa kana cimsuun yeroo dhiyootti rakkoon addaan ciccituu ni furama kan jedhan ittigaafatamtichi, kanarraa kan ka’es darbee darbee malee akka baroota kanaan dura naannoo hundatti ibsaan badaa akka hinjirre ibsaniiru.

Komii maamiloota tajaajilichaa Finfinneefi naannawashii karaa toora bilbila “905” furaa akka jirus dubbatanii; toorri bilbilaa kanaan dura si’a tokkotti namoota 40 qofa keessummeessaa ture kun ammaan tana namoota 80 keessummeessaa jiraachuus himaniiru.

Akka humni ibsaa hinciccinneef ummatni yakkoota saamicha bu’uuraalee misooma ibsaarratti raawwatamaa jiran ittisuuf tajaajillicha faana akka dhaabatuuf Obbo Malaakuun waamicha dhiyeessaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 16 Bara 2015

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *