Naannichatti lammiilee hongeen miidhamaniif deeggarsi qarshii miliyoona 105 taasifame

– Naannoo Somaaleetti namoonni miliyoona afurii ol gargaarsa barbaadu

Finfinnee: Lammiilee hongeerraa dandamachiisuuf ji’oota torban darbanitti gargaarsi qarshii miliyoona 105 ta’u akaakuun gargaaramtootaaf dhiyaachuu Mootummaan Naannoo Saboota Sablammootaafi Ummattoota Kibbaa beeksise.

Komishinarri Ittaanaan Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa naannichaa Obbo Faasikaa Alamuu Kibxata darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, yeroo ammaa Oomoo Kibbaa, Koonsoo, godina Gofaatti Ubaannaafi Zaalaa, Gaammoo akkasumas Gofaa aanaalee muraasatti, Burjii, Amaaroo, Daraasheefi Abaleetti hongeen mudateera.

Bakkeewwan hongeen mudateefi hin mudatinitti mootummaan federaaalaa gargaarsa seeftii neetiin lammiilee kuma 917 fayyadamtoota taasise keessaa namoota aanaalee saddeetii hongeen miidhaman kuma 175f gargaarsa qarshii miliyoona 144 taasiseera.

Oomoo Kibbaatti mootummaa naannichaa waliin ta’uun karaa dhaabbata woorlidi viishinii lammiilee kuma 300f midhaan nyaataa akka dhiyaatuuf taasifamuu kan eeran Ittaanaan Koomishinaraa kun; Koonsoo kibbaattis lammiilee kuma 200f gargaarsa mootummaan naannichaa taasiserratti dabaluun gargaarsi dhiyaachaa akka jirus himaniiru.

Qabeenya beeyladaa baraaruuf ji’oottan torban darban nyaatni beeyladaa qarshii miliyoona torbaan bitamee dhiyaachuu kan ibsan konishinar Faarikaan; Dabalataanis yeroo gabaabaatti midhaan nayaata looniif ooluu danda’an kanneen akka boloqqee, ija mukaa, sanyii filatamaa nyaata beeyladaa qarshii miliyoona 40n bitamee dhiyaachuus yaadachiisaniiru.

Rakkoo bishaanii furuuf bottee bishaan waraabu 27 hojii keessa galchuuf hojjetamaa jirachuu eeranii; naannawaa bookeen busaa jirutti biiroon fayyaa naannichaafi mootummaan federaalaa waliin ta’uun agoobara raabsaa jira jedhaniiru.

Aanaalee Burjii, Amaarroo, Ba’aleefi Daraashee gargaarsi taasifamaa akka jiru himanii aanaalee 48 naannichatti aragaman lammiilee kuma 300f nyaati madaalawaan dhiyaatee fayyadamoo ta’uu himaniiru.

Gargaarsa dabalataaf qarshii miliyoona 50 ramadamuufi bakkeewwan rakkoon hongeen mudatu hundarratti deebii laachuuf itti fufiinsaan kan hojjetamu ta’uus ibsaniiru.

Oduudhuma walqabateen, balaa hongee naannoo Somaaleetti mudateen lammiileen miliyoona 4.2 gargaarsa midhaan nyaataafi bishaan dhugaatii kan barbaadan ta’uufi barattoonni kuma 92fi 639 ammoo sababa balaa kanaatiin barnootasaanii addaan kan kutan ta’uu Biiroon Hoggansa Sodaa Balaa naannichaa beeksise.

Hogganaan biirichaa ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, sababa balaa hongee naannichatti mudateen lammiileen miliyoona 4.2 deeggarsa kan barbaadan yoo ta’u, barattoonni kuma 92fi 639 ammoo barnootasaanii addaan kutuuf dirqamu.

Sababa balaa hongee naannichatti mudateen manneen barnootaa 435 cufamuufi 250 ammoo gara cufamuutti dhiyaachuu eeranii, ummanni naannichaa irra jireessi horsiisee bulaa waan ta’eef beelladoonnis balaa hongee mudateen miidhamaa jiraachuu ibsaniiru. Balaan hongee kun keessumaa aanaalee sagaliifi godinaalee naannichaa sadii (Daawwaa, Liibaniifi Afdeeraa) keessatti babal’achuu beeksisaniiru.

Balichaan namoonni miliyoona 4.2 gargaarsa midhaan nyaataafi bishaan dhugaatii kan barbaadan ta’uu himanii, hanga ammaattis beeyladoonni miliyoona lama kan du’an ta’uufi kanneen lubbuun hafanis haala hammaataa keessa jiraachuu eeraniiru.

Namoota beelaaf saxilaman keessaa miliyoonni 3.2 Sagantaa Nyaata Addunyaatiin gargaarsa argachaa kan jiran yoo ta’u, namootni miliyoona tokko ta’an ammoo gargaarsa eeggachaa jiraachuu eeraniiru.

Mootummaan naannichaa balaa hongee kana maqsuuf karoora yeroo gabaabaafi dheeraa baafatee hojjechaa jiraachuu himanii, hanga ammaatti, dhaabbilee idil addunyaafi naannawaatti aragaman, mootummaa federaalaafi dhaabbilee gargaarsa namoomaa wajjin walta’uun ta’uun lammiilee hongeef saaxilamaniif deeggarsa midhaan nyaataafi bishaan dhugaatii qarshii miliyoona 300tti shallagamu taasiseera jedhu.

Naannichatti rakkoo guddaan rakkoo bishaan dhugaatii namaafi beeyladaa ta’uu kan himan Obbo Ahimad, rakkoo kana furuufis botteewwan 200 tajaajila kennaa jiraachuu ibsu. Godinaaleen naannichaa 11 rooba arfaasaa tibbanaa kan argatanis bokkaan roobe gahaa waan hintaaneef gargaarsi lubbuu baraaruu taasifamaa jiru cimee ittifufuu akka qabu gaafataniiru.

Rakkoo jijjiirama haala qilleensaa hundeerraa furuuf misooma dinagdee magariisaa cimsuu, boolla bishaanii qotuu, hidha xixiqqaa qopheessuu hojiiwwan gurguddoo raawwatamaa jiran ta’uu himanii, hojiin dhiyeessa sanyii filatamaafi xaa’oo dhiyeessuu, inveestimantii qonna jal’isii balal’isuu cimee ittifufuu qaba. Hojiin horsiisa loonii teknolojiin akka deeggaramu taasisuufi walitti hidhamiinsa gabaa uumuuf raawwatamaa jirus cimee itti fufuu akka qabu dubbataniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 16 Bara 2015

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *