Ji’oota ja’an darbanitti dhimmootni kuma 117 ol Manneen Murtii Aadaatti furmaata argatan

Finfinnee: Ji’oota ja’an darban keessatti dhimmoota kuma 152 ol Manneen Murtii Aadaatiif dhiyaatan keessaa dhimmootni kuma 117 ol furmaata argachuusaanii Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa ibse.

Mana murtichaatti daarektarri dhimmoota kiminikeeshinii Obbo Fayyeeraa Hayiluu turtii Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, Oromoon saba duudhaafi safuu rakkoolee hunda ittiin furuuf gargaaran hedduu qabudha. Haa ta’u malee, adeemsa keessa sababoota garagaraatiin aadaafi duudhaansaa ganamaa mulqamuun dhugaa hin haallamneedha.

Heera biyyattii bu’uura godhachuun ummata kana aadaasaa ganamaatti deebisuuf manni murtii aadaa hundeeffamuu himanii, erga manni murtii kun hundeeffamee yeroo muraasa keessatti bu’aalee guguddoo argamsiisaa jiraachuu eeraniiru.

Faayidaa manni murtichaa argamsiisaa jiru ilaalchisee Obbo fayyeeraan akka dubbatanitti, hunda caalaa manni murtii aadaa ragaa sobaa hambisuu keessatti shoora olaanaa taphachaa jira.

Hawaasni dhimmootasaa baay’inaan gara Mana Murtii Aadaa geessuurraan kan ka’e dhimmootni gara mana murtii idileetti dhufuuf malan dhibbantaa shaniin akka hir’atanis ibsaniiru.

Namoota waldiddaan gidduusaaniitti uumame gidduuttis erga dhimmisaanii murtoo argatee booda jibba, walgaarreffannaafi haaloo bahiinsi akka hinuumamne gochuun miira obboluummaafi firummaa jabeessuufis manni murtichaa gahee leencaa ba’achaa jiraachuus hubachiisaniiru.

Manneen Murtii Aadaa dhaqqabummaa haqaa jechuunis namni dhimmasaatiif dhiyeenyumasaatti furmaata akka argatu taasisuu kan dubbatan Obbo Fayyeeraan; hundeeffamasaa bara 2013 as dhaqqabummaa haqaa haalaan mirkaneessaa jiraachuus ibsaniiru.

Gidduseentummaan qaamota tokko tokkoo hudhaa sirna kenniinsa haqaa manneen murtii mudachaa jiru ta’uus eeranii, darbee darbee aanaalee tokko tokkotti jaarsolii Mana Murtii Aadaa jalatti hammatamaniif iddoo taa’anii dhimma namootaa itti ilaalan mijeessuu dhabuufi qaama mootummaa sadarkaa sadarkaan jirurraa akka barbaadamutti deeggarsa barbaachisaa argachuu dhabuun akka mul’atu dubbataniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 16 Bara 2015

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *