“Waamichi araaraa hojiitti hiikamee ummata yaaddoo nageenyaa jalaa baasuu qaba” -Miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa

Finfinnee: Wayita Ummatni Oromoo gaaffii nageenyaa adda dureen kaasaa jiru kanatti waamicha araaraa tasgabbii Oromoofi Oromiyaaf taasifame hojiitti hiikuun dhimma dursaa ta’uu akka qabu Miseensotni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa yaadasaanii Gaazexaa Bariisaatiif kennan ibsan.

Waamichi mootummaan naannoo Oromiyaa qaama hidhatee bosona jiruuf dhiyeesse, ummata Oromoofi jaalattoota Oromoo maraaf gammachuu guddaadha. Ta’us harkifannaan jiru gamanumaanuu abdii kutannaa uumeera. Tarkaanfii qabatamaan araaraa urgaa’uu eegalamuu akka qabu gaaffii Oromoo maraati. Qaamni lamaanuu herrega, “Hunda dhiibuu, hundas dhiisuu,” keessaa ba’uun dhugaa lafa jiruun walitti dhufuu qabu.

Oromoon akkuma ummattoota biyyattii biroo gaaffii hawaasummaafi dinagdee hedduu qabaachuu kan dubbatan miseensonni kunneen; ta’us ammaan tana Oromoon gaaffii nageenya caalu akka hinqabne hubachiisaniiru.

Piroofeesara Gargaaraa Buzaayyoo Daggafaa akka jedhanitti, kutannoo mootummaan biyya ceesisuuf taasisu ajaa’ibsiifachuurra darbee fedhiidhaan utubaa jiru. Mootummaan rakkoo naannoo Tigraay kutannoodhaan fureera. Waamichi taasifame akkuma jirutti ta’ee kan Oromiyaa ammayyuu rakkoodhuma. Gammachuun naannoo Tigraayitti uumame Oromiyaatti akka dabalamu fedhiifi gaaffii ummataa isa ijoodha. Kunis qaawwa banameen ormaanis haa ta’u, waliisaan akka bara kanaa miidhamee, du’ees hinbeeku.

Kanaan dura miseensonni Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataa sabaan Oromoo ta’an rakkoon nageenyaa Oromiyaa akkuma naannoo Tigraay karaa nagaan akka goolabamu ibsa ejjennoo qabxii 10 of keessaa qabu baasanii qaama dhimmi ilaalu hunda hubachiisuu yaadachiisanii, qaamonni lamaanuu walitti dhiyaatanii eessatti, eenyuun, yoomiifi akkamitti akka mari’atan ummataaf ifa taasisuu qabu jedhan.

Qaamni Oromiyaa keessatti qabsoo hidhannoo yoo xiqqaate waggoota afran darbanirraa kaasee adeemsisaa jiru kun tattaaffii mootummaa naannoo Oromiyaatiin yoo gara araaraatti dhufe daran nama gammachiisa kan jedhan Piroofeesara Gargaaraa Buzaayyoon; ta’us qaama kana kan shororkeessummaan himate mootummaa federaalaa waan ta’eef akkuma naannoo Tigraay hirmaannaan mootummaa federaalaa murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Hundaa ol, hooggansi Paartiin Badhaadhinaa ga’umsa rakkoo Afrikaayyuu furu waan qabuuf yoo xiyyeeffannoo kennuu dhabuu ta’e malee rakkoo nageenyaa Oromiyaa furuun salphaadha jedhanii, qaamni hidhatee bosona jirus lolli Oromootti gaaga’amaafi salphina kan fideefi fidu ta’uu hubatee mariif of qopheessuu; Gamtaan Afrikaas rakkoo gaanfa Afrikaa unkuruu malu kana akka dhimma ganda tokkootti xiqqeessee bira taruurra xiyyeeffannoo akka kennu gaafataniiru.

Akka ibsa hayyuu kanaatti, fedhiin jiraannaan araaramuuf danqaan hinjiru. Danqaa uumuun yoo waldhabdeen ittifufame qaamni injifatu hinjiru; yoo jiraates nagaa hinbuusu. Gidiraafi cabiinsi Oromoo daran hammaata. Qaama walnyaatu gidduudhaa diinni waa nyaachuu fedhus carraa argata.

Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti bakka bu’aan Iluu Abbaa Boor Ustaaz Kaamil Shamsuu akka jedhanitti, kana dura godinichatti walitti bu’iinsa qaama hidhatee bosona jiruufi mootummaa gidduutti mudateen gaaga’ama guddaan waan mudateef ummatni har’as sodaa nageenyaa qaba. Bu’uuruma kanaan milkaa’ina waamicha mootummaan qaama hidhatee bosona jiruuf taasisellee hawwiin eegaa jira.

Ammatti qaamni hidhatee bosona jiru godinicha keessa akka hinjirre garuu ammoo ummatni taatee kaleessaarraa ka’ee boriif sodaa qabaachuu eeranii, araarri bu’ee nageenyi waaraan godinicharra darbee hanga sadarkaa biyyaatti akka mirkanaa’u gaaffii ummataa akka ta’eefi hanga hojii qabatamaan gama lamaaniin hinhojjetamnetti ummataaf deebii kennuun rakkisaa ta’uu yaadachiisaniiru.

Gama birootiin bu’uuraalee misoomaafi dhaabbilee tajaajila hawaasummaa kanneen akka daandiifi dhaabbilee tajaajila fayyaa ilaalchisee ummatni gaaffii kaasaa jiraachuu kan eeran Ustaaz Kaamil; godinichatti hospitaala Kaarli jedhamurraa kan hafe kan biraa akka hinjirreefi yeroo ammaa hospitaala qofagaleessa kanatti ummatni miliyoona tokkoofi walakkaan tajaajilamaa jiraachuu himaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 9 Bara 2015

Recommended For You

One Comment to “ “Waamichi araaraa hojiitti hiikamee ummata yaaddoo nageenyaa jalaa baasuu qaba” -Miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *