“Mirgi yaada ofii bilisummaadhaan ibsachuuf yaadame finxaalessummaaf karra saaqeera” -Obbo Kabbadaa Deessisaa

Finfinnee: Jijjiirama biyyattiitti mul’ateen mirgi yaada ofii bilisaan ibsachuu argame daangaa ce’ee finxaalessummaaf ka’umsa ta’uu Ministir De’eetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Obbo Kabbadaa Deessisaa ibsan.

Obbo Kabbadaan ibsa kaleessa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatiif kennaniin akka jedhanitti, uggurri yaada bilisaan ibsachuu baroota dheeraaf ture jijjiirama biyyattiitti mul’ateen walqabatee kaafamuun namni

 ukkaamamee ture bilisaan akka yaadasaa ibsatu taasiseera.

Namni ukkaamsaa keessa ture aariis gaariis akka fedhetti akka ibsatuuf mootummaan obsaafi gorsaan bira darbaa jira. Namni yaadasaa bilisaan ibsatu tokko dhiibbaa tokko malee waan jedhe ykn raawwateef ittigaafatama akka fudhatu ta’eera. Kun ammoo silaa sirna qaroomaafi dimokiraatawaa hunduu seeraan ittifayyadamu ture.

Haa ta’u malee, finxaaleyyiin jalqabbii gaarii kana akka carraatti fudhachuun haala safuufi seera biyyattii cabseen sabaafi saba gidduutti, amantiilee garagaraa akkasumas mootummaafi ummata gidduutti olola nageenya biyyaa balaarra buusu oofaa jiraachuun taatee hundaafuu ifa ta’eedha jedhu.

Kun ta’us mootummaan gama tokkoon ukkaamsaan darbe akka hindeebineef obsaafi gorsaan itti adeemaa, gama kaaniin ammoo taateewwan nageenya biyyaatiif balaa ta’anirratti tarkaanfii seeraatiin sirreessaa jiraachuu beeksisaniiru.

Ilaalchi sanyummaafi jibbiinsi eenyummaa har’a jaarraa 21ffaa keessa mitii bara Naazii Jarmaniifi Faashistii Mosolooniifaayyuu hundeedhaan akka lafa qabachuu hindandeenya irraa baratamuu qaba jedhaniiru.

Qaamoleen haalota da’oo godhachuun ifatti jibbiinsa sanyii oofaa jiraniifi bu’uura eenyummaatiin summii facaasan biyyi jibbiinsa sanyiitiin diigamuu malee ijaaramte waan hinjirreef gara qalbiitti deebi’uu qabu jedhaniiru.

Akka ibsasaaniitti, finxaaleyyiin walqixxummaafi sabdaneessummaa ummattoota biyyattiitti hinamanneefi hinfudhanne duula miidiyaa bananiiru.

Ololli jibbiinsaafi maqaballeessii kun keessaa alatti, alaa keessatti akkasumas caasaa mootummaa keessallee taa’anii bifa qindoomina qabuun sablammiilee gidduutti jibba facaasaa jiraachuu kaasaniiru.

Akka biyyaatti daandii biyyattiin itti ijaaramtee as geesse keessatti wantoonni hunda waliif hingalchine waan jiraniif karaa qaroomina qabuufi mariidhaan furuuf mootummaan sochiirra jiraachuu kan eeran Obbo Kabbadaan; faallaa kanaan qaamoleen yaada boodatti hafaa qabatanii jibbiinsaan machaa’an machii keessaa ba’uun dantaa ummattoota biroos ilaalcha keessa akka galchan gaafataniiru.

Obsuun kan ittifufu ta’us obsi daangaa darbee biyya balaatti geessuu waan danda’uuf sirna bulchiinsaa miidiyaalee ilaalchisee mootummaan qaawwawwan mul’atan furuuf sochiirra jiraachuus himaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 9 Bara 2015

Recommended For You

One Comment to “ “Mirgi yaada ofii bilisummaadhaan ibsachuuf yaadame finxaalessummaaf karra saaqeera” -Obbo Kabbadaa Deessisaa”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *