Ikoo-turiizimiin “Adaabbaa Dodolaa” Dhaabbata Turiizimii Addunyaatiin filatame

Finfinnee: Iddoon walgeettii ikoo-turiizimii gaarreen “Adaabbaa Dodolaa” mandara tuurizimii filatamaa Addunyaa guddatoo (upgrading) ta’uun Dhaabbata Turiizimii Addunyaatiin filatamuu Komishiniin Turiizimii Oromiyaa beeksise.

Komishinichatti daarektarri Maarkeetingiifi Piromooshinii Obbo Abduu Galgaloo ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, beekamtiin kenname carraa olaanaa iddoon kun qabu hubachuun yeroo ittaanutti gara iddoo walgeettii turizimii guutuutti akka guddatuuf itti amanameeti.

Filatamuun bakkichaa guddina tuurizimii Oromiyaafi hawaasa naannichaatiif faayidaawwan garagaraa dabaluurratti hiikaa guddaa akka qabus dubbataniiru.

Naannawichi qabeenya turizimiitiin daran kan badhaadhe ta’uus eeranii, bakkichi bosona guddaafi gaarren walqabatoo adda addaa bineensota akaakuuwwan garagaraa qalbii namaa harkisan baay’inaan of keessaa qaba jedhan.

Bosonni mandaraa miilaafi fardaan keessa deemamee hinquufamu kan jedhan Obbo Abduun, karaa Dodolaaa seenanii hamma Paarkiii Gaarren Baaleetti kiiloomeetiroota hedduuf fardaan keessa imaluufis daran mijataa ta’uu ibsaniiru. Iddoon turistootni turaniifi ittiboqotan garaagarummaa kiiloomeetira 20n bakkawwan hundatti kan argamu ta’uus dubbataniiru.

Kantiibaan Magaalaa Adaabbaa Obbo Taajuu Huseen gamasaaniitiin filatamuun mandarichaa daran kan isaan gammachiise ta’uu eeruun, ikoo-turizimichi hawaasa naannawichaatiif faayidaa olaanaa argamsiisaa jiraachuu ibsaniiru.

Bosonicharratti hojii dhabaa hedduun waldaadhaan gurmaa’ee carraa hojii adda addaa kanneen akka loon furdisuufi kanniisa horsiisuurratti bobba’anii akka argamanis eeraniiru.

Jiraattotni gandoota sadii, waggoota lamaan darbanitti hojii daldala kaarboonii (‘carbon trading’) hojjechuun qarshii miliyoona lamaa ol argachuusaaniis kantiibichi beeksisaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 9 Bara 2015

Recommended For You

2 Comments to “ Ikoo-turiizimiin “Adaabbaa Dodolaa” Dhaabbata Turiizimii Addunyaatiin filatame”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *