Hongee mudate dandamachiisuuf pirojektonni bishaanii bal’inaan hojjetamaa jiru

Finfinnee: Hanqinootni garaagaraa jiraatanis hongee naannichatti mudate dandamachiisuuf pirojektoonni bishaanii bal’inaan hojjetamaa jiraachuu Biiroon Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa beeksise.

Hooggantuun biirichaa Injinar Miliyoon Baqqalaa torbee darbe ibsa Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti; Oromiyaatti hongeen godinaalee 10, aanaalee 87fi gandoota 600 ol keessatti mudachuunsaa hojii dandamachiisuu rakkisaa taasiseera.

Godinaalee kunneen keessatti hangi roobaa xiqqaachuun dursee kan eegale ta’us guutummaan guutuutti adda cituunsaa waggoota sadii lakkoofsiseera. Raagniifi tilmaamni ture qophii taasifamaa tureen walsimuu dhabuun balaa hongee daran hammeesseera.

Hongeen akkuma waliigalaatti gaanfa Afrikaafi kutaalee biyyattii garagaraatti mudatus gaaga’amni Booranatti dhaqqabsiise olaanaa ta’uu kan eeran Injinar Miliyoon; haaluma kanaan Booranatti beeyladoonni kuma dhibbaan lakkaa’aman dhumuufi namoota miliyoonaan lakkaa’aman eeggattummaa gargaarsaatiif saaxiluu ibsaniiru.

Deeggarsa namummaa taasifamaa jiru cinatti gaaga’ama hongee qaqqabsiisu hundeerraa furuuf biirichi mootummaa naannichaa, mootummaa federaalaafi dhaabbilee mitmootummaa garagaraa waliin dhiyeessii bishaaniirratti pirojektota bishaanii guguddaafi xixiqqaa bal’inaan hojjechaa jiraachuu dubbatanii; furmaata yeroof ammoo kaffaltii Buusaa Gonofaan kan raawwatamu ta’e botteewwan bishaanii 96 kireeffachuun ummataaf bishaan dhiyeessaa akka jiran himaniiru.

Pirojektii bishaanii Waacillee kan biirichaan hojjetamaa jiru sadarkaa xumuraarra akka jiruufi boollawwan bishaanii 17 ta’an qulqulleessee tajaajilaaf qopheessuus eeranii, pirojektiin bishaanii Booranaa neetwoorki jedhamus kan ijaarsisaa waggaa 15 dura eegalame hojiitti galchuuf qindoominaan sochiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Kana malees, pirojektonni bishaanii xixiqqaan Finnaa jedhaman 16 kanneen aanaa aanaadhaan hojjetamaa jiran keessaa 13 tajaajila kunnuu eegaluu kan ibsan hooggantuun kun; ta’us gaaga’ama dhaqqabeen yommuu walbira qabamu hojiin rakkoo sana gitu hojjetameera jechuun akka hindanda’amnes hubachiisaniiru.

Bu’uuruma kanaan ummata sababa bal’ina rakkoo sanaafi hanqina qabeenyaan rakkoo godinaalee hongeen mudate hundaaf birmachuun akka hindanda’amne eeranii, pirojektonni bishaanii ijaarsisaanii eegalame hanqina sharafa alaatiin, qaala’insa jireenyaan, rakkoo kontiraaktaroonni uumaniifi hanqina meeshaalee ijaarsaatiin yeroo yaadametti xumuruu dadhabuun rakkoo hongee hammeessuu ibsaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 9 Bara 2015

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *