Gargaarsi kennamu lakkoofsa herregaafi beekamtii Buusaa Gonofaa hordofuu qaba

  • Qarshiifi akaakuudhaan deeggarsi qarshii biliyoona tokkoo ol ummata qaqqabeera

Finfinnee: Qaamoleen gargaarsa kennaa jiran lakkoofsa herregaafi caasaa Buusaa Gonofaa fayyadamuun beekamtii argachuu akka qaban Buusaa Gonofaa Oromiyaa beeksise. Sirna beekamtii qaamolee gargaarsa kennaniif taasifamu marsaa lammaffaan gaggeeffameera.

Ittigaafatamaan Buusaa Gonofaa Oromiyaa Obbo Habtaamuu Sisaay ibsa dheengadda addatti Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, waamicha mootummaa naannichaa hordofuun qaamoleen gargaarsa qarshiifi akaakuudhaan taasisaa jiran lakkoofsa herregaafi caasaa Buusaa Gonofaa sadarkaa sadarkaan jiru fayyadamuun beekamtii argachuu qabu. Kanaafis, lakkoofsi herragaa Buusaa Gonofaa baankota ja’aa olitti banameera. Arjoomtonnis caasaa Buusaa Gonofaa naannawaasaaniitti argamutti fayyadaman beekamtii argachuu qabu.

Manneen hojii mootummaa, dhaabbileen daladalaafi nama dhuunfaa dabalatee sirni beekamtii marsaa lammaffaan qaamolee qarshiidhaan deeggarsa taasisan 83fi akaakuun arjooman 36f kennameera.

Pirezidaantii Ittaanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii sirna beekamtii kennuu irratti haasaa taasisaniin, waamicha mootummaa naannichaa hordofuun birmanaa taasifameen deeggarsi qarshii biliyoona tokkoo ol ta’u ummata hongeen miidhame dhaqqabuu eeranii; namoota ummata hongeen miidhame cina dhaabbatanis beekamtii kennuun maqaa mootummaa naannichaatiin galateeffataniiru.

Rooba tibbana roobaa jiruun hidha bishaan 18 Booranatti hojjetame keessaa 10 bishaan qabachuu eegaleera. Dhaga’amuu kadhata ummataaf Waaqa galateeffachuun lubbusaa biyyaaf wareeguun cinatti deeggarsa raayyaan ittisa biyyaa qarshii miliyona 100 taasiseefis galateeffataniiru.

Rooba amma roobe kana hordofee hojiin xaa’oofi sanyii dhiyeessuu hojii mootummaa ittaanuudha. Nyaata loonii hektaara kuma 380 ol akkasumas midhaan nyaataa hektaara kuma 100 ol omishuuf qophiin xumurameera. Karoora waaraafi dheeraafis pirojektonni bishaanii hojjetamaa jiru jedhan.

Birmannaan taasifame kan nama jajjabeessu ta’uu kan eeran Obbo Awwaluun; gama diyaaspooraatiin deebiin jiru ga’aa miti, diyaaspooraan ummatasaa rakkina keessa jiruuf waan qabu akka hiixatu waamicha dhiyeessaniiru.

Obbo Awwaluun Diyaaspooraan Tamasgeen Bariisoo qarshii miliyoona tokko arjoomuun diyaaspooraa keessaa hojii fakkeenyumaa qabu hojjetan jechuun wayita galateeffatan; Obbo Tamasgeen Bariisoos nama gargaaruuf nama ta’uu qofti ga’aa ta’uu hubachiisaniiru.

Birgaader Jeneraal Yilmaa Makuwaaninti raayyaa ittisa biyyaa bakka bu’uun deeggarsa raayyaa ittisa biyyaa wayita kennanitti, raayyaan ittisaa haala qilleensaa rakkisaatti rakkoo uumamaafi namtolchee qolachaa ummata rakkina keessa jiruuf qarshii miliyoona 100 wayita arjoomu gammachuu guddaa wajjin ta’uu ibsaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 9 Bara 2015

Recommended For You

2 Comments to “ Gargaarsi kennamu lakkoofsa herregaafi beekamtii Buusaa Gonofaa hordofuu qaba”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *