Gabaan midhaanii bakkawwan hundatti akka babal’atu gaafatame

 Finfinnee: Aadde Kaffaluu Ballihuu jiraattuu magaalaa Finfinneeti. Isaanis qaala’ina gatii xaafiifi qamadiitiin daran rakkachuufi ijoolleesaaniillee nyaachisuun humnasaaniitii ol ta’aa akka jiruudha gabaa midhaanii Biiroleen Daldalaa Oromiyaafi Finfinnee waliin ta’uun Kamisa darbe Finfinnee, Addababa’ii Calcalii (Saarbeetiitti) eegalsiiserratti kan nuu ibsan.

Akka isaan jedhanitti, naannawa isaan jiraatan Calcalliitti xaafii adii kuntaalli tokko hanga qarshii kuma sagaliitti; diimaan hanqa qarshii kuma torbaafi 500tti kan gurguramu yoo ta’u, isuma sadarkaansaa gadi bu’aa jedhamullee bitanii maatiisaanii nyaachisuuf daran rakkataa jiru. Ofii hojii kan hinqabneefi abbaan warraasaaniis sooroma ba’anii galii gadaanaa kan argatan yoo ta’u, ijoollee afur kan jiraachisan mindaa sooromaa abbaa warraasaaniifi deeggarsa xixiqqoo ijoolleesaanii taasisaniifini.

Garmalee dabaluun gatii xaafiifi qamadii namoota akkasaanii hedduurratti dhiibbaa uumaa jiraachuu kaasanii, mootummaan kana sirreessuuf sochii eegaluunsaa kan jajjabeeffamuufi, bakka tokkotti daangeffamee kan hafu osoo hintaane babal’atee hawaasa magaalattii akka qaqqabuuf hojjetamuu akka qabu dhaamu. Gabaa kanatti xaafii diimaa kuntaala tokko qarshii kuma shaniifi 600n gurguramaa jiraachuusaatti gammaduus ni kaasu.

Saajinii Olaanaa Saadaam Gammachuus namoota naannawa Lagaharree (Lagahaar) irraa dhufuun daakuu boqqolloofi xaafii bitatan keessaa tokko. Isaanis yaada nuu kennaniin, gatiin midhaanii daran dabaluusaatiin namoonni baay’een jireenya dandamachuu dadhabaa jiraachuu kaasanii, mootummaan gidduu seenuun gabaa tasgabbeessuuf hojjechuunsaa kan jajjabeeffamu ta’uu himu. Kunis hawaasa bal’aa bira akka qaqqabuuf gabaan midhaanii babal’ifamuu qaba jedhu.

Hogganaan Biiroo Daldalaa Oromiyaa Obbo Daani’eel Charinnat yaada saganticharratti gaazexeessitootaaf kennaniin, biyyattii keessa utuu omishni ga’aan jiruu qaamonni tokko tokko siyaasa dulloome ummata keessa oofuun ummata burjaajessaa jiraachuu eeranii, akka waan omishni badeettiifi garmalee qaala’ee fakkeessaa jiraachuu himu.

Rakkoo qaala’inaa mudate kana tasgabbeessuufi hawaasni jireenya garmalee qaala’e akka hinjiraanneef Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee wajjin ta’uun yuniyeenonni, daldaltoonni dhuunfaafi waldaaleen omishawwan akaakuuwwan addaddaa ga’aa dhiheessuus ni himu. Kunis kutaalee magaalaa hundatti kan babal’atuufi walitti fufiinsaan kan hojjetamu ta’uu dubbatu.

Gabaa Addababa’ii Calcaliirratti eegalamerratti xaafii kuntaalli kuma lamaafi 100, qamadiin kuntaalli kuma shan, boqqolloon kuntaalli kuma shan dhihaachuu eeranii, daakuu boqqolloo, kuduraafi muduraanis gatii madaalawaan dhihaachuu himu. Qamadii kuntaalli kuma shaniifi boqolloon kuntaala kuma shanis gala jiraachuu eeru.

Gatiinis xaafiin kuntaalli qarshii kuma shaniifi 600 irraa eegalee, qamadiin kuma sadiifi 900 irraa eegalee, boqqolloon qarshii kuma sadiifi 300, daakuun boqoolloo kuma sadiifi 600, shinkurtiin kiiloon qarshii 27 irraa eegalee dhihaachaa jiraachuu eeru. Hojiin kunis namoonni gatii sobaa moggaasanii harkasaanii gabaa keessaa sassabbatanitti babal’atee kan ittifufu ta’uu himu.

Hojii tasgabbeessuu mootummaan hojjete keessaas kanneen omisha dhoksuufi gabaan akka qaala’u taasisan namoota dhuunfaa 24fi manneen omishni keessatti kuufame 100 ol cufamuus kaasanii, fuuldurattis tarkaanfiin fudhatamu ittifufa jedhu.

Hogganaan Biiroo Daldalaa Finfinnee Obbo Biniyaam Mikruu gamasaaniin, omishaaleen haala kanaan waldaalee, yuniyeenotaafi daldaltoota dhuunfaatiin dhihaachuun gabaa tasgabeessuuf shoora olaanaa qabaachuu himanii, dabalataanis karaa waldaalee hojii gamtaa bitattootaa aanaaleerra jiraniin ummataaf gatii madaalawaan kan dhihaatu ta’uu ibsu.

Pirezidaantii Ittaanaan Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiis hojii waggoota darbe omishaafi omishtummaa dabaluuf, omishawwan alaa galan kan biyyaatiin bakka buusuuf, akkasumas alatti erguuf hojii jajjabeessaan hojjetamuu kaasanii, milkaa’inni argame akka boodatti deebi’uuf qaamoleen siyaasa daldalan waan omishi hinjirre fakkeessuun sirrii akka hintaane dubabtu.

Qaala’inni gatii wayita ammaa akaakuuwwan midhaan addaddaarratti mul’ates namtolchee ta’uu eeranii, qaamoleen gocha kanarratti hirmaatanis akka of qusatan hubachiisu.

Waldaalee midhaan dhiheessuun gabaa tasgabbeessuuf hojjetaa jiran keessaa sadarkaa federaalaatti kan hundaa’e Waldaan Dargaggoota Caffee Hojii Gamtaa Waliigalaa tokko yoo ta’u, waldichis xaafii kuntaala kuma saddeet yuniyeenota Finfinnee afuriif dheengadda raabseera.

Sirna walharkaa fuudhiinsarratti argamuun haasaa kan taasisan pirezidaantiin waldichaa Sanyii Idashuu akka jedhanitti, waldichi yeroo ayyaanaafi yeroowwan garagaraatti gabaa tasgabbeessuuf hojjetaa turuu eeranii, ammas rakkoo qaala’inaa mudate hiikuuf hojjetaa jiraachuufi daballii gatii osoo hintaasisiin ummataaf dhiheessaa jiraachuu ibsu.

Karrawwan Finfinnee shananittis mankuusawwan qopheessuun omisha sassabaa jiraachuu himanii, ayyaana Faasikaatiifi qaala’inni gatii midhaan, shinkurtii, horii qalmaafi hanqaaquurratti akka hinmudanneef fandii marmaartuu bulchiinsi magaalaa Finfinnee eeyyameefitti fayyadamuun qophii ga’aa taasisaa jiraachuu himu.

Oduudhuma walqabateen, Biiroon Komininikeeshinii Oromiyaa ibsa kaleessa kenneen, qala’inni gatii midhaanii tibbana magaalota Oromiyaafi Finfinneetti mudateef sababni rakkoo hanqina omishaa osoo hintaane rakkoo shira gabaarratti xaxameen kan uumame ta’uu beeksiseera.

Hogganaan biirichaa Obbo Hayiluu Addunyaa akka dubbatanitti, Naannoo Oromiyaa keessatti waggaadhaa gara waggaatti oomishaafi oomishtummaan dabalaa jira. Haa ta’u malee, warri shira xaxan bu’aa siyaasaa argachuuf jecha oomisha dhoksuun qaala’insi jireenyaa midhaan nyaataarratti akka uumamu taasisaniiru.

Dabalaa dhufuu oomisha naannichaa ilaalchisuunis naannichatti oomishtummaan kan barana kan bara darbeerra dhibbantaa 2.7n dabaleera.

Rakkoo qaalla’iinsa midhaanii furuufis mootumnaan naannichaa inicha oo kana furuuf jedhan obbo Hayiluun mootummaan naannichaa xiyyeennaadhaan hojjechaa jiraachuus eeraniiru.

Saamraawiit Girmaafi Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 9 Bara 2015

Recommended For You

One Comment to “Gabaan midhaanii bakkawwan hundatti akka babal’atu gaafatame”

  1. Pingback: weblink

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *