Seerri tiraafikaa ‘mirindaa’fi ‘ispiraayitii’n cabuun haa dhaabbatu

Yommuun kolleejjii baradhu, guyyaa tokko gara mana barumsaa deemuuf manaa ba’ee taaksii utuun eeggadhuu daa’imni waggaa saddeet hincaalle korojoo dugdatti baattu tokko fiigdee karaa qaxxaamuru yaadi. Aniifi namoonni muraasni naannawaa sana turre ija naasuutiin ilaalaa iyyine. Ambulaansiin nama dhukkubsataa fe’ee deemu mucaa karaa qaxxaamuruuf jettu sana humnaan dha’ee lafa buuse.

Daa’imni abdii boruu bor barattee nama ta’uuf daandii eegalte akkanaan karaatti hafte. Kopheen ishee irraa ba’ee gama bu’e, Korojoon ishee gamas bu’e. Isheenis lamuu hindeebine. Muudannoo gaddisiisaa akkanaa namni dhabe jira jedhee hin yaadu. Sababa balaa tiraafikiitiin firasaa dhihoo, hiriyyaa yookiin nama beeku kan dhabe hinjiru. Kan nama gaddisiisu garuu, balaan kun dabalaa malee hir’ataa hindeemu. Ofeeggannoon taasifamu gidduudhuma balaan sukkanneessaa qaqqabe malee itti fufiinsa hinqabu.

Akka ragaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa bara 2018tti,  namoonni miliyoona 1.3f sababa balaa tiraafiikiitiin lubbusaanii kan dhaban yoo ta’u, miliyoona 20-30 ammoo miidhaa qaamaa cimaafi salphaaf saaxilamaniiru. Kana keessaa %93 biyyoota galii giddugaleessaafi gadaanaa qabanitti qaqqabe.

Ragaan Abbaa Taayitaa Geejibaa Oromiyaa (ATGO) akka mul’isutti, ammoo sadarkaa biyyaatti bara 2010 qofa balaan du’aa kuma shaniifi 118, balaa qaamaa cimaa kuma torbaafi 754 salphaan kuma torbaafi 775 qaqqabeera. Kanneen lubbuunsaanii darbe keessaa % 15 konkolaachistoota, % 33 lafoofi % 52 imaltoota. Balaawwan qaqqaban kanneen keessaa du’i kuma tokkoofi 847, balaa qaamaa cimaan kuma tokkoofi 928, salphaan kuma tokkoofi 765, qabeenyi miliyoona 140 caalu kan qaqqabe Oromiyaatti. Waggaa kanas hanga kurmaana sadaffaa qofaatti namoonni kuma tokkoofi 339, qabeenyi miliyoona 410 ta’uu barbadaa’eera.

Dhimmi yaadeessaa kana bu’uureeffachuun naannoo Oromiyaatti sadarkaa hundatti sosochiin nageenya tiraafikaa taasifamaa erga tureen booda Dilbata darbe Adaamaatti xumura argateera. Waltajjicharratti argamuun haasaa kan taasisan hogganaan ATGO Gargaaraan Pirofeesaraa Mihiratuu Shaanqoo akka jedhanitti, namni baay’een waa’ee balaa tiraafikaa waan sirriitti beeku itti fakkaatee dagachuun lubbuun garmalee karaatti hafaa jira. Hawaasni keenya manasaatii ba’uusaa malee manatti deebi’uuf wabii tokkollee hinqabu.

Rakkoon tiraafikaa harki caaluu konkolaataafi konkolaachistootaan qaqqabaa jiraachuu kaasanii, dhimma kanarratti xiyyeeffannaan itti kennamee kan hojjetamuu ta’uu himu. Bara 2012ttis balaa tiraafikaa hir’isuufi kallattii addaatiin waan hojjetamuuf hunduu ga’eesaa akka ba’atu dhaamu.

Namoota waltajjicharratti hirmaatan keessaa  Obbo Mitikkuu Abbabaa yaada nuuf kennaniin, balaa baay’een qaqqabaa kan jiru alseerummaatiin ta’uu eeranii, kanas tiraafikoonniifi to’attoonni hordofuu osoo qabanii tokko tokko garuu mirindaa (qarshii abbaa 50)fi ispiraayitii (qarshii abbaa 100) fudhachuun yommuu seerri cabu ilaalaa jiru, kunneen hojiisaaniirraa akka of qusatan hordooffiin barbaachisu akka taasifamu gaafatu.

Walumaagalatti rakkoo nama hundaa kan ta’e kana furuuf qaamni hundi tokkummaan socho’uun dirqama yoo ta’u, olaantummaa seeraa qarshiidhaan jijjiiruun garuu dhaabbachuu qaba jenna.

Saamraawiit Girmaatiin

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 29/2011

Recommended For You

2 Comments to “Seerri tiraafikaa ‘mirindaa’fi ‘ispiraayitii’n cabuun haa dhaabbatu”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *